Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Giinii keessatti erga 2016 yeroo jalqabaaf namoonni Iboolaadhaan du'an
Vaayirasiin balaafamaa ta'e Iboolaan erga addunyaa kanarraa obba'ee waggaa shan ta'eera jedhama, amma garuu Giinii keessatti yoo xiqqaate namoonni sadi vaayirasii kanaan du'aniiru, hedduunis qabamaniiru.
Akka ogeeyyiin fayyaa jedhanitti namoonni miidhaman kunneen erga sirna awwaalchaa tokkorratti hirmaatanii booda garaa kaasaa, haqqisiisaa fi qaamni isaanii garmalee dhiigaa ture.
Bara 2013 fi 2016 gidduu Lixa Afriikaatti namoonni 11,000 caalan dhibee Iboolaa kanaan du'aniiru, vaayirasiin kun jalqaba Giinii keessatti mul'ate.
Vaayirasii kana qolachuuf talaalliiwwan hedduun argamanii, biyya vaayirasichi itti hammaate Democratic Republic of Congo keessatti hojiirra oolaa turan.
Iboolaan bineensota akka Chimpaanzii, simbirroota halkanii fi warabboo bosonaa irraa akka dhala namaatti darbutu himama.
Isa booda namarraa namatti tuttuqqaa qaamaa, dhangala'aan qaamaa karaa madaa qaamaa ba'anii fi faalama naannoo jiruun daddarbuu eegale.
Namoonni tokko tokko wayita du'an qaamni isaanii dhiiga kan qabu yoo ta'u, warri sirna awwaalchaa raawwatan nama du'e kanarraa vaayirasichaaf saaxilamuu danda'u.
Namni iboolaadhaan du'e qaamni isaa akkaan summaawaadha, vaayirasichi nama qabee guyyaa lamaa hanga torbee sadiitti qaama keessa turuu danda'a.
Hoogganaan Ejensii Fayyaa Giinii Dr Sakoba Keeytaa qorannoowwan hedduun gaggeeffamaa jiraachuu fi namoonni qabaman baayyeen jiraachuu dubbatan.
Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti daarektarri damee Afriikaa Matshidiso Moeti, jaarmiyaaleen fayyaa vaayirasii iboolaa Giinii keessatti deebi'ee ka'aa jiru qolachuuf qophaa'aa jiraachuu karaa twitter isaanii himan.