Weerara Covid-19: Chaayinaan ragaa ijoo Covid-19 Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhowwatte

Pirofeesar Doomnik Dwyer

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Miseensa WHO kan ta'an Pirofeesar Doomnik Dwyer Chaayinaan ragaa quubsaa nuuf kennuu didde jedhan

Gareen Dhaabbata Fayyaa Addunyaa guyyoota jalqabaa koronaavaayirasiin Chaayinaa keessatti argame qorachuuf garas imale biyyattiin ragaawwan ijoo fi quubsaa ta'an nu dhowwatte jechuun komate.

Miseensota garee kanaa keessaa tokko kan ta'an Pirofeesar Doomnik Dwyer gareen kun nama jalqaba vaayirasichaan qabamerratti odeeffannoo ga'aa gaafatus Chaayinaan garuu sana diduun odeeffannoo muraasa qofa kennite jedhan.

Chaayinaan amma dhimma kanarratti homaa hin jenne, kanaan dura garuu WHO waliin iftoominaan akka hojjetan ibsitee turte.

Biyyoonni akka US, Chaayinaan ragaa dhukkubsataa jalqabaa guutummaatti addunyaaf ibsuu qabdi jechuun irra deddeebiin gaafatu, keessattuu US gabaasa WHO'n baasufaa ni shakkiti.

Garee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan Guraandhala 10 Shaangaayi galan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Garee Dhaabbata Fayyaa Addunyaa kan Guraandhala 10 magaalaa Shaangaayi galan

Gareen WHO qorannoof gara Chaayinaa bobba'e koronaavaayirasiin jalqaba laabraatoorii magaalaa Wuhaan keessaa ba'e kan jedhu ''gonkumaa dhugaarraa kan fagaateedha'' jechuun torban darbe ibsa baase ture.

Chaayinaan koronaavaayirasii Laabraatoorii keessatti hojjette oduun jedhu bara darbee kaasee bal'inaan odeeffamaa ture.

Magaalaan Wuhaan bakka koronaavaayirasiin yeroo jalqabaaf dhuma bara 2019 keessa itti argameedha.

Ergasii addunyaarratti namoonni miiliyoona 106 qabamanii kanneen keessaa miiliyoona 2.3 kan ta'an du'aniiru.