Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Teeknolojii: Deenmaark odoola nam-tolchee anniisaa jalqabaa galaanarratti ijaaruuf
Deenmaarki odoola nam-tolchii addunyaarratti kan jalqabaati jedhameefi annisaa elektiriikaa maddisuusuu galaana irratti ijaaruuf ta'uun ibsame.
Pirojaktiin anniisaa guddaan maatiiwwan miliyoona sadiif tajaajila elektirikaa akka kennu himamee kanaafis qondaaltoonni siyaasaa Deenmaakrii deeggarsa agarsiisaniiru.
Bal'inni odoolli anniisaa addunyaarrratti kan jalqabaa ta'e kanaas, hanga lafa kubbaa miilaa 18 ykn siskuweer metira 120,000 kan qabudha.
Haalli wayita mijateetti ammoo balina amma qabu dachaa sadiin guddiisuuf abdatameera.
Odoolli kunis afarsiitii qilleensaa dhiiheenya galaanaatti dhaabbatan gurguddaa 200'f akka wiirtuutti kan tajaajiluudhas jedhameera.
Piroojaktiin anniisaa kunis seenaa Deenmaark keessatti pirojaktii isa jalqabaati jedhameera. Ijaarsi pirojaktii kanaas baasii koroonara biyattii biiliyoona 210 ykn dolaara biiliyoona 34 akka gaafatu tilmaamameera.
Odoolli annisaa afarraa fageena Km 80 irratti galaanaa irratti ijaaramu kunis irra jiraan isaa harka motummaan yoo ta'u, kan hafee ammoo gara abbootii qabeenyaa dhuunfaatti darba jedhameera.
Odoolli anniisa elektirikaa kunis lammiilee Deenmaark qofaaf osoo hintaane, biyoota olaatiif illeen tajaajila dhiyeesiitii anniisaa kenna jedhameera.
Biyyoonni odoola kana irraa anniisaa ni argatu jedhaman keessaa Jarman, Neezarlaandis fi Biritaaniyaan eeramaniiru.
@Green Hydrogen' geejjiwwan galaanaa, qilleensaa fi industiriiwwan gurguddaaf ni ooluu jedhame eegama.
Deenmaarki biyyoota omisha anniisaa haroomsaman omishuun milkaa'an keessaa tokko yoo taa'u, bara 2030tti faalama qilleensaa parsantaa 70n hir'isuuf hojjataa jirti.
Bara darbees Deenmaarki kanaan booda galaanaa Kaabaa irratti barbaacha boba'aafii gaazii omaa akka hingaggeessinee beeksiisuun ishee ni yaadatama. Oduun isaas ajaa'iba jedhamee ture.
Pirofesar Ostargaard dhimma kanarratti yaada BBCf kennaniin, ''Deenmaarki hojii dinqisiisaa hojjataa jirti. Annisaa qilleensaan maddisiifamuun addunyaarratti biyya tokkooffaadha. Amma ammoo gara galaanaa galtee jirti. Yaada odoola anniisaa jedhu addunyaatti beeksiisaa jirti. Kunis indastiriiwwan Deenmaarki addunyaarratti kan dursaa ta'uun akka itti fufun mul'isa'' jedhan.
Muddee darbe keessaa Gamtaan Awurooppaa maddiisiistuuwwan anniisaa qiilleensaa galaana irraa dachaa 25 guddisuuf karoora qabaachuu ifa taasisee ture.
Biyyoonni miseensa Gamtaa Awurooppaa harki tokko sadii ta'an anniisaa haarmsamu kan argatan anniisaa qilleensaan maddisiifamu irraayi.
Biyyoota gamtichaa keessaa Deenmaarki anniisaa geegaa waattii 1.7 qilleensa irraa dhiyeessuun dursarratti argamti.