Baayidan adda bahuu maatii godaantotaafi kooluuglatummaa irratti ajaja baasan

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan ajaja pirezidantummaa maatii godaantotaa yeroo bulchiinsa Tiraamp adda bahan walitti deebisu baasan.

Godaansa seeraan alaa dhaabuuf jecha Pirezidantiin duraanii Tiraamp ga’eessota seeraan ala kan daangaa Meeksikoo qaxxaamuranii Ameerikaa galan ijoollee isaaniirraa adda baasaa turan.

Ajajni Baayidan kun ijoollee lakkoofsi isaanii 600-700 ta'u maatii isaaniirraa adda bahanii jiran walitti fida jedhamee yaadama.

Bulchiinsi Tiraamp yoo xiqqaate ijoollee 5,500 maatii isaaniirraa bara 2017-2018 adda baaseera jedhameera.

Bulchiinsi Baaraak Obaamaa illee akka kanaa baayyee tahuu baatus ijoolleefi maatii waraqaa seera-qabeessa hin taane adda baasaa ture jedhu xiinxaltoonni.

Ajajni Baayidan kun garee hojii kana raawwachiisu, ministira nageenya biyya keessaa Aleehaandroo Maayookiraasiin hogganamu hundeessuuf jedha.

Ajajni lammataa yookiin sadaffaa Baayidan gaafa Kibxataa baasan imaammata Tiraamp kooluugalltummaa hir’iseefi godaansa seera qabeessa boodatti harkise, akkasumas maallaqa biyyoota alaaf kennamu adda kute irra deebiin ni haaressa.

Haasaa Waayit Haawusitti taasisaniin Baayidan, ‘’Qaanii bulchiinsi darbe nutti fide, kan ijoollee harka maatiirraa daangaa irrattii karoora tokko malee adda baase, haquun maatii walitti fiduu qabna,’’ jedhan.

Kana malees Baayidan seera wixinee namoota miiliyoona 11 seeraan ala jedhamaniif lammummaa fi seera-qabeessummaa kennu dhiyeessaniiru.

Haa tahu malee xiinxaltoonni pireezidantiin haaraa kuni imaammata Tiraap jabaa tahe kan godaansa seeraan ala karaa kibbaa jiru ittisuuf bahe dhiisaniiru.

Haasaa Kibxata taasisaniin pirees sekreetariin Jeen Saakii bulchiinsi sirna godaansaa ‘namuusaa fi ilmaan namaa kabaju ijaaruu yaalla,’’ Garuu ‘amma yeroon yeroo gara Ameerikaa dhufan miti’ jedhan.