Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola waraanaa Tigraay: Tigraayitti tajaajilli bilbilaa fi intarneetii irra deebiin maaliif adda cite?
Sararri faayibarii magaalota Maqaleefi Addishihuu gidduu jiru kutamuusaatiin, Kibxata sa'aa booda eegalee naannoo Tigraayitti tajaajilli bilbilaa adda cituu, hooggantuun Itiyoo Telekoom Fireehiwot Taammiruu BBCf mirkaneessan.
Aadde Fireehiwot tajaajilli bilbilaa kan adda cite, galgala keessa tahuu himuun, iddichatti ogeeyyii erguun, hojiin bakkatti deebisuu jalqabamuus himan.
Sararri faayibarii kan adda cite gidduu magaalota Maqalee fi Addishihuu tahuu kan himan hojii raawwachiiftuun kun, gareen Maqalee fi dhiyeenya jiran hojii bakkatti deebisuu hojjechaa jiru jedhan.
''Gareen sadi suphaa kanarratti hirmaateera,'' kan jedhan hooggantuun kun, manca'insa naannoo Tigraayitti dhaqqabeen suphaan sarara irratti taasifamu hanga ammaayyuu waan hin xumuramneef, miidhaan ammaa kun oggaa qaqqabu ariitiin bakkatti deebisuun hin danda'amne jedhan.
Sararri faayibarii kun kan kutame ofumaa tahuu yookaan namaan tahuu haga ammaa akka hin beekne kan himan Aadde Fireehiwot, iddichatti hojiin walitti suphuu hojjetamaa jira jedhan.
Maqaleetti erga kaleessa Kibxata galagalaa eegalee tajaajilli bilbilaa kan adda cite yogguu tahu, guyyaa har'aa (Roobii) sa'aatiiwwan muraasa keessatti suphamee hojii eegala jechuun BBCf mirkaneessan.
Naannoo Tigraayitti humnoonni TPLF waraana mootummaa ajaja Kaabaa haleeluusaanii hordofee mootummaan tarkaanfii''hojii seera kabachiisuu'' fudhatu hordofeetu, tajaajilli bilbilaafi intarneetaa yeroo dheeraaf adda citee ture.
Lola waraanaa naannichaan kan adda citanii turan tajaajilli ibsaa, bilbilaafi intarneetaa gariin deebiyeera.
Magaalota kaanitti garuu bilbiliis tahe intarneetni akka hin deebine hojii raawwachiiftuu olaantuun kun amma dura BBCtti himanii turan.
Tajaajiloota kanniin dafanii bakatti deebisuun sababni dadhabameef, ''manca'insi bu'uraalee misoomaa kanniin irratti qaqqabe hamaa'' tahuu wayita sana himanii ture.
Maqaleettii tajaajilli biroodibaandiifi sagalee jalqabuufi Amajjii 10, 2013 irraa qabee ammoo Wuqroo, Idagaa Hamuus, Addigraatiifi Najaashiitti ammoo gariin tajaajila argachuu eegaluusaanii Itiyoo Telekoom amam dura ibsee ture.
Haatahu malee, manca'insa sarara bilbilaarra gahe, meeshaalee bakka buufaman argachuu fi magaalota kanneenitti bilisaan socho'anii hojii suphaa hojjechuun rakkisaa akka tahe BBCtti himanii turan Aadde Fireehiwot.
Adda citinsi tajaajilaa naannichatti mudate gama dhaabbatichaan kan uumame akka hin taane kan ibsan hooggantuun kun, manca'insi tajaajiloota kanneenii eenyuun, yoomiifi akkamiin akka qaqqabe poolisiin federaalaa qorateera jedhan.
Gareen yakkaa poolisii federaalaas dhiyeenyatti bu'aasaa ifa godha jedhanii turan amma dura.
Hojii raawwachiiftuun kun ammas dabalanii, manca'insi telekoomii Naannoo Tigraayitti qaqqabe yeroo gabaabaa keessatti akka fala hin arganne mirkaneessaniiru.