Dubartoonni lamaan suuraa kolleejjii Kaamaalaa Haarisirra jiran eenyu?

Madda suuraa, Karen Gibbs
Bara 1986 Kaamalaa Haaris yuunivarsiitii Howaarditti suuraa tokko kaatee turte. Ishee fi warri kaan lamaan gatiitti wal qabatanii seeqaa fi kolfaa turan. Namootni baay'een duuba isaanii jiru. Suuraa abdii fi aannisan guutamedha.
Kamaalaan dubartii gurraattii fi hidda Eeshiyaa qaban keessaa kan yeroo jalqabaaf itti aantuu pireezidantii Ameerikaa taatedha.
Akkasumas nama yeroo jalqabaaf yuunivarsiitii gurraachotni itti baratan Howaardi irraa sadarkaa kana irra geesse tahuu ishee ilaalchisee waan hedduun jedhameera.
Kun garuu seenaa dubartii suuraa irratti cinaashee jirtu tokkooti. Lamaan isaaniiyyuu hiriyyoota isheeti. Valaarii Piippeen, fi Kaaren Giibsi jedhamu.
Yeroon isaa bara 1980 keessa yeroo dhalootni falmitoota mirga siivilii Ameerikaa keessatti dagaagedha. Yeroo tokkummaadhaan sirna appaartaayidii irratti akka addunyaatti qabsaa'amu ture.
Amma isaan keessaa tokko yerootti itti aantuu pirezidaantii taatu argaa jiru. Adeemsi isaanii maal fakkaata ture? Ammahoo maaltu isaanitti dhagahama?
Kolleejjonni gurraachotni itti baratan akka Howaardi fa'a kan isaan hundaa'an gurraachotni Afrikaa-Ameerikaa garbummaan booda kolleejii irraa dhorkamanii turan akka itti barataniif.
Kun amma jijjiiramus ammayyu ergamni inni guddaan Howaardi gaggeesitootni gurraacha tahan akka bahan gochuu irratti hojjechuudha.
Sadarkaa barnootaa guddisuu qofa osoo hin taane hawwaasa dadammaqsuu irrattis akkasuma hojjeta.
Kamaalaan guyyaa hundeeffama waldaa dubartootaa yuunivarsiitichaa yeroo ayyaaneffatte mormii sirna appaartaayidiitti makamuu fi yeroo barattuu turte kilaba falmii Howaarditti makamuu irraa muuxannoo akkamii akka argatte himteetti.
Suuraa sana irratti Vaalaarii Piippeen karaa harka bitaan yeroo seeqxu ofitti amanamummaan irraa calaqqisu sanadha.
Maatiinishee erga gara Kaabaatti godaananii kolleejjii gurraachotaatti baratan. Kun yeroo gurraachotni cunqurfamaa turan rakkoo dinagdee fi qoollifannaa isaan irra gahaa tureen falmaa turanii Kibba irraa gara Kaabaa Ameerikaatti godaanan ture. Yeroo sana naannoo Chikaagootti qubatan.
Isheenis kan gara Howaarditti qajeelte erga obboleessi ishee hangafaa eebbifamuun kitaaba waggaan maxxanfamu tokkoo fi haalaan ishee kakaase gara manaatti fideeti.
"Aadaan yuunivarsiticha keessaa kan baay'ee jaalatamuu fi akkasuma kan barnootaa fi aadaa warra cunqurfamoo irratti xiyyeeffatu ture'' jette Piippeen.
"Dhalootni nu boodaa milkaa'ina keenyaan akka jijjiirama guddaa fidan ni beekna ture.''

Madda suuraa, Reuters
Pippeen akka Howaardi Yuunivarsiitiitti, ''hundi keenya haala gaariin hojjechuf, tokkummaan dhaabbachuu fi qabxii keenya adunyaa irratti beeksisuuf fedha guddaan hojjenna ture'' jette.
Maatii gurraachummaa isaanin boonanii fi ijoollee isaanii irratti amanannaa guddaa qaban keessaa kan baate piippeen Howaarditti waan guddaa akka baratte himti.
Erga Howaardii eebbifamtee Yaaleetti fayyaa barachuun amma gorsituu dhimma fayyaati.
Qabxii guddaa galmeessisuu fi eenyu akka taate addunyaa irratti beeksisuuf hiriyyaa ishee Kaamaalaa waliin halkan meeqa akka qayyabataaa turan yaadatti.
''Howaarditti lamaan keenyayyuu waggaa tokko barnoota yeroo gannaaf turre. Guyyaa hojjenna, halkan daree gallee barannee sana booda ammoo waliin qayyabanna ture. Ganna tokko guutuu akkasiin waliin dabarsine.''
Bara 1990 keessa %52 kanneen barnoota faarmaasii baratan, %30 yaala ilkaanii kan baratan fi %27 barnoota amantaa [theology] kan hordofan hundi Howaarditti baratan.
Har'a doktoroonnii fi hakiimonni ilkaanii Ameerikaa keessaa gurraacha tahan %80 kollejjota fayyaa Howaardi lamaan, Mehaarii fi Howaard Yuunivarsiitii jedhamanitti baratan.
Irra caalaan hakiimotaa, ofiseroota waraanaa fi abbootiin seeraa federaalaa gurraacha tahan yuunivarsiitii Howaarditti baratan. Aadaan barnootaa yuunivarsichaa namoota milkaa'inaaf fedha guddaa qabaniif bu'uura guddaadha.
Kaaren Giibsi gama mirgaan suuraa irratti mul'attu Kamalaa Haarisii fi Valaarii Piipeniif hiriyaa taatee hafte. Amma abbaa alangaa tahuun hojjetti. Akkuma Kamalaa yuunivarsiitii Howaardi keessattis dubbii ciccimaa taasisfti.
Howaardi keessa ''waan gurraachotni ittiin boonanii fi jaallatamu heeddutu jira,'' jette Giibsi.
''Pirofesaroota gurraacha tahan ittiin boonnu baay'ee qabna. Kun miidhagina gara Howaardi deemuuti. Nu hidhachiisanii nu qopheessan. Gaafa Howaardii baane waan nu mudachuu malu hundaa nutti himu. Nu hidhachiisuun akka abjuu keenya bira geenyu gochuun nu gadhiisu.''
Baadiyaa Delawaree bakka namootni baratan jiran gidduuttin dhaladhee guddadhe. Maatii gurraacha baratee fi eenyummaa isaan boonu irraa dhaladhus hawwaasa xiqqoo sana keessa sanyummaan waan jiruuf maqaa gadheedhaan na waamaa turan,'' jette Giibsi.
Sababiin tokko Howaarditti barattee abbaa seera mirga siivilii taateefis kana. Tarkaanfii kana fudhachuu isheen jaalalaa fi deeggarsaa argachuu dandeessetti.
Giibsii fi Piippeen Howaardi keessaa fi alatti uummataaf hubannoo uumaa sochii dadammaqina siyaasaas gochaa turan.

Madda suuraa, HOWARD UNIVERSITY
Deekser Kool miseensa aluminii Howaardi kan ture amma hojii gaggeessaa ol aanaa TV One, BBCtti akka himetti, ''maatiin keenya falmii kaba mirga siivilii irratti hirmaachaa turan. Nuyis miiruma kanaan gara Howaardi yeroo dhaqnu jireenya keenya qofa fooyyessuuf oso hin taane jireenya namoota kaaniis fooyyessuufi.''
Akka biyyaatti Howaardi dhaloota adunyaa irratti dhiibbaa uuman oomisheera. Keessumaa hawaasa Afrikaa- Ameerikaa tahan irratti bal'inaan hojjeteera.
''Baattoo jijjiiramaa akka taane ni beekna ture.''
Kool akka jedhetti yeroo sana '' jeequmsa guuddaatu hawwaasa keessa jira ture garuu akka qaama barataa tokkootti sababii namootni dura keenya bu'an jiraniif akka taa'umsicha irra teenyu ni beekna ture,'' jedhe.
Gaafa galma biyyaalessaa Kaappitaal Hiil jirutti hiriirri gaafa bahame nan yaadadha. Barattotatu gareedhaan bahee guyyaan dhaloota Maartin Luuter Kiing Jr ayyaana waggaa keessatti qabamuu qaba jedhan. Amma eessatti akkan hiriire nan yaadadha.
Mirgi keenya maal akka tahe ni beekna. Sana kabachiisuuf kutannoo qabna ture. Kanaafidha baay'een keenya mormii sirna appaartaayidii keessatti bal'inaan kan hirmaannuuf,'' jette Giibsi.

Madda suuraa, LITA ROSARIO-RICHARDSON
Rozaariyoo Richaardisan haadha seeraa sagantaalee bashannanaati. Mooraa yuunivarsiitiitti Kamala Haarisiin falmii tokko irratti akka hirmaattuuf filtee ture.
Filatamuun Kamala Haaris dhugumaan Howaardi akka nama qopheessu mirkaneesse jette.
Nama Kamalaa Haaris beekuuf amma itti aantuu pireezidantii Ameerikaa tahuunshee waan dinqisiisaa tahuu baatus garuu agarsiiftuu imala dhuunfaa ishee fi falaasama ittiin fuulduratti deemtu tahuu agarsiisa.
''Barnoota keen itti gaafatamummaa adunyaa jijjiiruu qabda. Keessumaa uummata kee. Kun akka Ameerikaa fayyade argineerra.''
''Kamalaan akkuma koo mucaa warra cunqurfamooti. Filatamuun ishee seenaadhaan waanuma sirriidha. Isheen nama sirriidha,'' jette Ms Rosazariyoon.

Madda suuraa, Dexter Cole
"Miseensa aluminii kan akka Turgood Marshaal- Abbaa alangaa mana murtii ol-aanaa kanneen Howaarditti baratan keessaa tokko yoo tahu namoota bu'uura kaa'anii darban keessaati.
Yerooma miseensa aluminii turaniyyuu gareen kun waan guddaa irra akka gahanii fi adunyaa irratti waan addaa tokko akka fidan ni amanu ture.
Kanaaf itti aantuu pirezidaantii tahuun Kamala Haarisiif ni mala. Isheen adunyaa fi dubartoota hundaaf fakkeenya guddoodha'' jedhe Andiree Hoolmes kan Howaardi irraa akkasuma eebbifame.
Suuraan Kamalaafi hiriyoota ishee kutannoo, hiriyyummaa fi kolfaan guutame sunis bara Howaarditti namootni baratan dhiibbaa uuman sana keessa ture. Haalanis jaalatameera.
















