Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
UNHCR lammiilee Itoophiyaa Sudaanitti baqatan bakka haaraa qubsiisuu eegale
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti jaarmiyaan Dhimma Baqattootaa(UNHCR), marsaa jalqabaan baqattoota Itoophiyaa lola naannoo Tigraay dheessuun Sudaanitti ce'an qubachiisuu eegaluu ibse.
Ammallee baqattootaa haaraa daangaa Sudaan ce'aa jiran galmeessuu ittuma fufeera jedhan dubbi himaan dhaabbaticha Andrej Mahecic.
Erguma barri faranjootaa haaraan seenee as guyyoota jalqabaa muraasa keessatti namoonni 800 ta'an Tigraay irraa gara Sudaan baqataniiru jedha dhaabbatichi.
Sadaasa gara jalqabaa erga waraanni Kaaba Itoophiyaa, Tigraayitti eegaleemmoo lammiileen Itoophiyaa 56,000 caalan gara Sudaan baqataniiru.
Kanneen baqatanii Sudaan galan lolaa keessatti ugguramuu, hidhattootaan dararamuu fi qabeenyisaanii saamamuu akkasumas miidhaan saalaa irra ga'uu himatan.
''Baqattoonni kunneen uffata muraasaan alatti homaa qabatanii hin bane, hedduunsaanii deemsa yeroo dheeraa booda akkaan dadhabanii Sudaan ga'an'' jedha jaarmiyaan kun.
Akka dhaabbata kanaatti baqattoota kunneen keessaa %30 kan caalan umriinsaanii wagga 18 gadi kan jiruudha, %5 kan ta'an ammoo wagga 60 ol.
UNHCR maalfaa raawwate?
UNHCR fi Komishiniin Dhimma Baqattootaa Sudaan mootummaa biyyattii waliin ta'uun baqattoota bakkasaan jalqaba wayita Sudaan galan qubatan irraa gara mooraa baqattootaa qubachiisuu eegaluu himan.
Baqattoonni wayita gara Sudaan ce'an daangaarra qubatan waan ta'eef, daangaa irraa gara bulchiinsa Gedaref geessuun qubachiisaa jirra jedhan Andrej Mahecic.
Iddoon da'oo baqattootaa daangaarra jiru Um Rakuba jedhamu guutaa waan jiruuf, achirraa gara mooraa haaraa Tunayidibah qubachiisaa jiraachuu himu.
Kunis nageenyummaa baqattootaa mirkaneessuufi jiruu fooyya'aa akka jiraatan gochuuf jedhan.
Mooraa haaraan kun magaalaa Gedaref irraa kiilomeetira 136 fagaata.
Hanga Dilbata darbeetti baqattoonni 580 ta'an mooraa haaraa kana keessatti qubsiifamaniiru.
Baqattoonni kun iddoo da'oo baqattootaa daangaarra jiru, Village 8, jedhamuun beekamurraati kan qubsiifaman.
Iddoo da'oo baqattootaa Hamdaayet jedhamurraas torbee kana qubsiisuu ni eegalla jedhan Andrej Mahecic.
Iddoowwan da'oo lameenuutti uummanni walirratti kan heddummaatee fi da'oowwan kunneen daangaarratti argamuusaaniin rakkoo nageenyaaf kan saaxilamaniidha.
Hojii baqattoota qubsiisuu marsaa jalqabaan mooraa Tunayidibah keessatti dunkaanni 1,000 dhaabbatee namoota 5,000 caalan keessummeessuu eegaleera,
Torbee itti aananis akkuma namoota hedduu qubsiisaaa deemnuun dunkaanas dabalaa deemna jedhu qondaalli kun.
Yeroo ammaa jaarmiyaaleen gargaarsa namoomaa 20 ta'an iddoo da'oo baqattootaa Um Rakuba jedhamutti deeggersa kennaa jiru.
Mooraa baqattootaa Tunayidibah keessattis jaarmiyaaleen deggersaa ja'a dabalamaa jiru.
Mootummaan Sudaan daangaasaa baqattootaaf banaa godhee simachuu kan galateeffate UNHCR, garuu ammallee gaarummaa mootummaa kana bira dhaabbachuun deggeruu feesisa jedheera.
Baqattoota walitti heddummaataniif bishaan qulqulluu fi nyaata dhiyeessuu akkasumas qulqullinasaanii akka eeggatan gochuun dirqama jedhan.
Tarkaanfiiwwan ittisa koronaavaayirasiif hordofamuu qaban kanneen akka qorannoo fi adda of baasuus asitti kabajamuu qabu jedhan.
Ji'a Caamsaa keessa waqtiin roobaa waan eegaluuf, sana dursuun dhimmi mooraa baqattootaa itti yaadamuu akka qabus dhaaman.
Maallaqi doolaara Ameerikaa miiliyoona 40 ta'u waadaa galamuufii kan hime UNHCR kunimmoo baajata baqattoota Itoophiyaa, Sudaan fi Jibuutii keessa jiran deggeruuf barbaachisu keessaa %37 qofa jedhee.