Lola Tigraay: Looltooti Itoophiyaa baqattoota daangaa Sudaan irratti dhorkuun himame

    • Barreessaa, Anne Soy
    • Gahee, Senior Africa correspondent

Loltootni Mootummaa Itoophiyaa naannoo Daangaa Sudaanitti bobbaafamuu hordofee lakkoofsi baqqattootaa lola Tigraay baqachuun Sudaanitti ce'anii akkaan hir'iseera.

BBC’n jalqaba loltoota kana kan arge Roobii daangaa Hamdayaat irratti yoo ta’u, baqqattootni daangaa Sudaanitti ce'an firootni isaanii Itoophiyaa keessa akka hin baaneef dhorkamaa jirachuu himaniiru.

“Ani kaleessa ganaman as ga’ee maatiikoo fiduuf ammo as fiduuf gara manatti deebi’ee barbaadeen ture,” jedha namni eenyuummaan isaa akka himamu hin feene.

Qarqara Laga Sitteet, Hamdayaat irraa namni BBCtti dubbate kun, firoota isaa fiduuf gara Tigraay deebi’uu hin dandeenye sababiinsaa “daangaa irra loltoonni jiru waarri nu dura deeman akka hin deebine itti himamera,” jedha.

Himannaa kanaaf mootummaan Itoophiyaa deebii akka keennuuf BBc’n irra deddebiin gaafatus mootummaan Itoophiyaa deebii hin kennine.

Laga daangaa kanarra jiru cinatti loltoonni hedduun gaaroota irraa gara kallaatti Tigraay ilaalaa dhabbatanii jiru.

Dooniiwwan gama lamaaniin dhabbatanii jiran yeroo biraa bakka daddarbaa namni itti baayyata’u ta’etti hojii malee dhaabbatanii jiru.

Baqattoonni hedduun looltoota fedeeralaa haaraa bobbaafamanii gama daangaa Itoophiyaan jiran ilaaluuf bakkichatti walitti qabamaniiru.

Warri kaan -baqqatootaa fi lammileen Sudaan – bishaan warabuu fi dhaqna dhiqachuuf gara lagichaa ni deemu. Ijoolleenis lagicha daakaa ni taphatu.

Wanti hin beekamne wanta lagichaan gamasitti ta’aa jirudha.

Tigraay keessatti kominikeeshiniin sababa addaan citeef maatiileen gargar ba’an wal qunnamuu hin danda’an.

Dhabbati Human Rights Watch baqattoota dhiyeenya Sudaan galan wabeeffachuun, loltoonni Itoophiyaa namoota nagaa Humeraa (daangaa irraa km20 kan fagaate jiru) daangaa akka hin ceene ittisuun, “lakkoofsi baqattoota Sudaan seenan akka hir’isu godheera,” jechuun gabaaseera.

Ragaan UNHCR akka agarsiisutti lakkoofsi baqqattoota kan akkaan dabale Sadaasa 10 guyyaa tokkotti baqattootni 6,800 ol ta’an gara daangaa Sudaaanitti yeroo baqatanidha.

Waliigaalaan guya guyyaan namootni 3,000 ta’an daangaa ce’anii akka galan anga’oonni BBCtti himaniiru.

Erga loltoonni Itoophiyaa gara daangichaatti bobbaafamanii booda garuu lakkoofsi kun gara guyyaatti namoota 700 qofaatti hir’ateera.

Utuu sochiin hin dhorkamiin dura kanneen achi ga’an keessa tokko dubara ganna 11 dha. Yeroo dhukaasa dhageessetti mana akkoo ishee irraa, akkoon ishee waan fiiguu hin dandeenyeef qofaa ishee baqatte.

“Halkan bosona keessan bule. Baayyeen sodaadhe ture. Uffatas ta’e maallaqa hin qabun ture,” jetti. “Sana booda nama tiraaktara oofu argee gara daangaatti akka na geessuufan kadhadheeni.”

Erga laga Sittiit ceete booda bilbila abbaa ishee namootaaf kennitee bilbilchisteette. Abbaa fi Intaalli kaampii baqattootaa Um Raqubaatti Roobii wal argatani.

Abbaan ishee harka intalaa isaa qabatee kaampicha keessa naannaa’u, intalli isaa yeroo namootni rasaasaan rukutaman agarteetti jedha.

Torban sadii keessatti namootni 43,000 ol ta’an gara Sudaanitti baqachuu UNHCR himeera. Dhabbileen gargaarsaa lakkoofsa dabalaa jiru kana gargaaruuf rakkachaa jiru. “Hojii gargaarsaa keenyaaf humnaa ol ta’eera, gargaarsa aritiin barbaanna” Jedha UNHCR.

Mootummaan Itoophiyaa namootni akka hin baqannee qofa osoo hin taane warri baqatan akka deebi’an gochuuf kan kutate jiru fakkaata.

Jimaata jila Gamtaa Afrikaa waliin wal erguun booda MM Abiy Ahimad ibsa baasaniin “mootummaan lammilee baqatani wiirtuule baqattootaa afruritti tursuun boodas gara mana isaanii duratti deebi’uuf ,” qophaa’aadha jedhaniiru.

Dabalataaniis mootummaan feederaalaa namoota naannoo Tigraay irraa buqqa’aniifi baqataniif gargaarsa namooma akka argatan kan taasisu ta’uu ibsan.

Utuu waldhabdeen kun hin eegalamiin dura naannichaa keessa wiirtuulee afur keessa baqattoonni Eertiraa 100,000 ta’an akka turan UNHCR ibseera.

Torban darbe, dhabbatichii hojjatoota isaani kaampichaa keessa jiran waliin guyyaa shaniif qunnaamtii akka hin qabanne ibsee ture.

“Baayyee yaaddoofneerra,” kan jedhan dubbi himaan UNHCR Babar Balook kaampii isaanii waliin akka wal qunnaman akka godhamu gaafataniiru.

“Wantoonni barbaachisoon kennaman kan hanga dhuma Sadaasaatti ga’an qofadha, kanaaf hojjattooni gargaarsaa fi nyaati dabalataa utuu baqattoonni achiis hin baqatan achi akka deeman taasifamu qaba.”

Sudaan keessatti baqattoonni haala rakkisaa keessa jiru. Gariin maatiin isaanii akka isaan bira dhufaniif jecha daangaa Hamdayaatt biratti eegaa jiru.

Sana booda konkolaattoota isaan fee’aanii daandii rakkisaa irraan gara wiirtuulee baqattootaa baha Sudaan jiran isaan geessan yaabbatu.

Wiirtuu sanattis garuu, hedduun isaanii waldhabdeen kun dhaabbate gara jiraanya isaanitti deebi’uu barbaadu, akkumma intala ganna 11 qofaashee baqatte sanaa ijoolleen hedduun gara mana barmsaatti deebi’uu ykn hiriyyoota isaanii waliin taphachuu barbaadu.