Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kooriyaa kibbaatti nama dhalaturra kan du’u baay’achuun yaaddoo uume
Kooriyaan Kibbaa bara 2020 keessa yeroo jalqabaatiif lakkoofsi nama du’ee kan dhalaturra caaleera, kunis biyya silumaa addunyaarraa ammeentaa dhalootaa xiqqoo qabdu keessatti yaaddoo ta’ee jira.
Bara darbe daa’imman 275,800 qofatu dhalate, kunis kan bara 2019 irraa %10 xiqqaata. Lakkoofsi namoota du’aniimmoo 307,764 ture.
Lakkoofsi kunis ministeerri haajaa biyya keessaa imaammata isaarratti ‘‘jijjiirama waaraa’’ fiduuf waamicha akka godhu sababa ta'eera.
Lakkoofsi ummataa gadi bu’aa deemuun biyya tokkorra dhiibbaa guddaa uuma.
Baasiin hawaasummaa tajaajila fayyaafi durgoo sooromaaf kaffalamu dabaluun cinaatti, lakkoofsi dargaggootaa hir’achuun humna hojjataa xiqqeessuun dinagdee irratti kallattiin dhiibbaa uuma.
Baatii darbe Pirezidanti Muun Jaaye-iin, maatiiwwan jajjabeessuuf qarshii kennuurraa kaasee imaammata biroos labsanii turani.
Akka karoora haaraa kanaatti 2022 irraa kaasee, daa’imni haaraa dhalatu Maallaqa jajjabeessituu(boonasii) $1,850 baasii maatii bakka buusuuf kan kaffalamuuf yoo ta’u, hanga daa’imichi ganna tokko guututti ammoo ji’a ji’aan qarshiin $280’tti dhiyaatu kan kaffalamuuf ta’a. 2025 irraa kaasees kaffaltiin kun dachaatti siquu danda’a.
Lakkoofsa uummataa K.Kibbaa xiqqaachaa dhufe duuba maaltu jira?
Dubartoonni hojiifi dhimmoota jireenyaa biroo wal-madaalsisuuf rakkachuun sababa lakkoofsi uummataa biyyattii xiqqaachaa dhufeef keessaa isa guddaadha.
Hiyuun-yuu Kiim hangafa ijoollee afurii yoo taatu, matii guddaa kan ofii qabaachuuf abjuu qabdi ture. Garuu Kooriyaa Kibbaa keessatti haalota maatiif mijatoo hin taanetu ishee mudate. Kanaafuu karoora ijoollee godhachuuf qabdu xiinxalaa jirti.
Dhiyeenya kana hojii haaraa kan argatte yoo ta’u, boqonnaa yeroo dubartoonni da’an argatan gaafa yaaddu nidhiphatti. ‘‘Namoonni dursa hojiikoorratti xiyyeeffachuutu gaariidha naan jedhu,’’ jette.
Gatiin mana jireenyaa ol ka’uunis dhimma kan biraati. Akka Kiim jettutti gatiin mana jireenyaa akka malee ol-ka’uun dargaggoota reefuu gaa’ela dhaaban fedhii dhala godhachuu dhabsiisa.
"Ijoollee godhachuuf mana qabaachuu qabda. Kooriyaa Kibbaatti garuu kuni abjuu hin yaadamne ta’ee jira."
Qarshii mootummaan nan kenna jedhes garaa ishee hin geenye.
"Daa’ima guddisuun qaaliidha. Mootummaan qarshii muraasa sana dabaluunsaa rakkoolee keenya hin hiiku," jettee jirti.