Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
‘ijoolleen nyaata madaalawaa hin argatiin guddatan hojjaansaanii sm20'n hir'ata’ qorannoo
Ijoolleen umrii mana barumsaa galuu irra gahan garummoo nyaata madaalamaa hin arganne biyyoota namoota dheeroofi gaggabaaboo qabnirraa gidduugalaan seentimeetira 20'n hojjaansaanii hir'ata jedhe qorannoon.
Xiinxalichi dargaggoon addunyaa kan meetira 1fi seentimeetira 83 dheeratu, ganna 19 yoo tahu Neezarlaanditti argama.
Inni gabaabaan immoo Timoor Leestetti kan argamu yoo tahu m1fi sm60 dheerata.
UKtti immoo dheerinni dargaggoota umriin isaanii 19 gahee m1fi sm78 tahuun addunyaarra sadarkaa 39ffaa argama, kan duraaniirraa gadi bu’eera jedhameera.
Qorannichi joornaalii fayyaa The Lancet irratti bahe.
Qorattoonni dheerinaa fi ulfaatina ijoollee yeroo yerootti madaaluun barbaachisaa dha, sababiinsaas dhangaa sorataniifi naannoo fayyaalessa keessa jiraachuu isaanii madaaluuf nu gargaara jedhu
Gareen kun daataa ijoollee miiliyoona 65 waggaa 5-19 jiran qorannoo 2000 caalu kan bara 1985 hanga 2019 taasifame irraati xiinxala kan baase.
Bara 2019tti gidduugalaan ijoolleen kaaba bahaa fi gidduugala Awurooppaa jiraatan, fakkeenyaaf Neezarlaandiifi Moonteenegiroo jiraatan akkuma addunyaatti dhedheeroo dha.
Gama biraan dargaggoonni ganna 19 gidduugalaan gabaaboo tahan immoo Kibba, Kibba Baha Eeshiyaa,Laatiin Ameerikaa fi Afrikaa Bahaatti argamu.
Xiinxalli kun bara 2019tti
· Gidduugalaan dhiirri ganna 19 Leewoos m1fi sm62 dheeratu dhiira ganna 13 Neezarlaand waliin qixxee dha.
· Shamarran ganna 19 Guwaatemaalaa, Baanglaadesh,Neeppaal fi Timoor Leest keessa jiraatan dheerina hanga shamarran Neezarlaand ganna 11 tahu qabu.
· UK keessatti dargaggeessi ganna 19 tokko gidduugalaan dheerina meetira 1f seentimeetira 78 qaba. shamarran umrii wal fakkaataa immoo meetira 1fi sentimeetira 63 dheeratu.
· Dheerina ijoolleen waggoota 35 darban keessatti jijjiirama guddaa kan agarsiise Chaayinaa fi Kooriyaa Kaabaa dha.
· Haa tahu malee biyyooti Afrikaa gammoojjii Sahaaraan gadi jiran ni hir’isan yookiin hin geeddaramne.
Ulfaatina qaamaa fayyaalessa tahe
Xiinxalli kun ijoolleen ulfaatina dheerina isaanii madaalu qabaachuu isaanis walumaan ilaaleera.
Qorattoonni akka jedhanitti dargaggoonni ulfaatina dheerina isaanii madaalu qaban biyyoota odola Paasfiik,Gidduugala Bahaa, Ameerikaa fi Niiw Ziilaanditti argamu.
Gama biraan ijoolleen ulfaatinni fi dheerinni isaanii wal hin madaalle immoo Eeshiyaa Kibbaa, Indiyaa fi Baanglaadeesh keessatti argamu.
Garaagarummaan lakkoofsa isa guddaa fi xiqqoo gidduu jiru kg25 dha.
Itoophiyaan biyya dhiiroti ganna 19 ulfaatinnii fi dheerinni isaanii wal madaalu gadi-aanaa qabdi.
Biyyoota muraasa keessatti ijoolleen reefu waggaa shanitti ulfaatina dheerina isaanii madaalu qabaatanillee waggaa 19 gaafa gahan furdina gara maleef saaxilamu.
Qorattoonni kunneen qacceen sanyii dheerinaafi furdina namootaa haa murteessuyyuu malee fayyaa hawaasaa,sooratni madaalawaafi naannoo jireenyaa dhimmota murteessoo dha jedhu.
Imaammatni soorata madaalawaa addunyaa daa’imman ganna shanii gadiirratti haa xiyyeefatu malee qorannoon isaanii garuu haalaafi faara guddina ijoolleerratti akka xiyyeefatamu gorsa.
Dhangaa tolaa ijoollee mana barumsaaf
Doktar Andiree Roodriigeez Maartiineez Kooleejii Impeeriyaal Landanitti garee qorattootaa hogganan yeroo dargaggummaatti ulfaatinaafi dheerina wal-madaale qabaachuun fayyummaa hunda-galeessa namootaaf bu’aa yeroo dheeraa qaba jedhu.
Argannoon keenyi kun imaammata nyaatni madaalawaa salphaatti akka argamuufi qaalii akka hin taane gochuun ijoolleen gara malee otoo hin furdatiina dheerachuu akka danda’an gochuun akka danda’amu dhiibbaa taasisa jenna jedhu.
‘’Kunimmoo ijoolleen maatii galii gadi aanaa qaban irraa dhufan manneen barnootaatti nyaata madaalawaa barnootaatti bilisaan akka argatan gochuu dabalata,’’ jedhan.
Piroofeesar Alaan Daangoor mana barumsaa Qulqullummaafi Qoricha Tiroopikaalii Landan irraa, ‘’yeroo jalqabaaf xiinxala akka addunyaatti guddina ijoollee mana barumsaa jiran irratti xiyyeefate jechuun maneetiin barnootaa fi barsiisonni illee ijoolleen kunneen fayyaa gaariin ijoollummaa irraa dargagummaatti akka ce’an hin mirkaneessan,’’ jedhan.