MM UK Booris Joonsan waliigaltee daldala bilisaa EU waliin waliigalu himan

UK fi EUn saganataa Brexit booda marii daldalaa keessattuu seerawwan daldalaa gara fulduraafi mirgoota qurxummii kiyyeessuu irratti baatiiwwaniif wal falmaa turaniin har'a waliigalteerra gahan.

MM UK Booris Joonsan ibsa har'a kennaniin, ''seerrawwanii fi bakka keenya deebiifnee to'achu dandeenyeerra,'' jedhan.

MM kun itti dabalunis, falmiin ''kan cime' ta'ulleen, waan hojii umuufi badhaadhina fiduuf ''Awurooppaa guutuuf murtee gaariidha'' jedhan.

Hogganaan Gamtaa Awurooppaa (EU) Ursulaa von der Leyeen gama isaanitiin, ''waliigaltichi madaalawaafi sirriidha'' jedhaniiru.

Ibsa Biraasilsitti kennameen, pirezidaantiin Komishinii Awuroppaa, ''daandii dheeraa ture haa ta'u malee waliigaltee gaarii agarsiisuu danda'e argameera. Innis murtee sirrii fi madaalawaadha. Akkasumas waan sirriif ittigaafatamummaa qabu kan qaamoolee lamaaniifu ta'u qabaatudha,'' jedhan.

Itti dabaluunis, ammi yeroonsaa kan fuula garagalchuun waa'ee gara fuulduraa itti ilaalamuu eegalamuudha jedhaniin booda, ''UKn sharika amanamtuu ta'un itti fuftis'' jedhan.

Industirii qurxumiitiif yeroon ce'umsaa waggaa shaniifi wallakkaatu jiraata jedhaniiru.

'Carraa hojii eeguu'

Akkasumas wal ta'insii dhimmoota kanneen akka jijjirama qileensaa, annisaa, nageenya fi geejibaa ittuma kan fufu ta'a.

MM Uk Booris Joonsan ''Maallaqa, daangaalee, seeroota, daldala fi qaama bishaanii qurxummiin keessa kiyyeefamu keenya deebiifne to'anneera,'' jedhan.

MM fuula twitara isaaniirratti suuraa ofiisaanii seeqaa quba abudduu lamaan ol qabuun maxxansan.

Itti dabalunis waliigaltee guddicha waggaa kana paawundii biliyoona 668 ta'u xumurree jirra jechuun ibsan.

Waliigaltichiis biyyattii guutuutti carraa hojii kan eeguu, omishaaleen UK gabaa EU keessatti qaraxa malee akka gurguramu kan dandeessisuudha.

''Waliigaltichi siriiyyuu kan kubaaniyoon keenyaa daldala caalaa akka hiriyoota keenya Awurooppaa waliin hojjatan dandeessisuudha.''

Paarlaamaan UK Muddee 30 walgahuun waliigalticha irratti sagalee kenna jedhamee eegama. Akkasumas paarlaamaa Awurooppaatiinis mirkaneefamu qabaata.

Waliigaltichi daldaltoota Biritish baayyeef sababii koronaavaayirasiitiin miidhamaa jiraniif akka boqonnaatti kan fudhatamuudha.