Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Covid-19: Cidha seera walirraa-hiiquu kabajuun namoota 10,000 hirmaachise
Weerarri koroonaavaayiras kanneen sagantaa cidhasaanii guddisanii qopheessuuf karoorfatanii turaniif danqaa itti taheera.
Haa tahu malee, lameen Maalezhiyaa kun tarkaanfii ugguraa namoota 20 qofa hirmaachisuu jedhu irra aanuun, namoota 10,000 guyyaa gammachuu isaanii irratti hirmaachisaniiru.
Seerota vaayirasicha to'achuuf bahan hunda kan kabaje ture.
Kun tasumaa ta'uu hin dandayu jechuu maltu.
Lakkii ni danda'ama - qophii keessan konkolaataan kan keessa darbamu (drive-thru) yoo gootan.
Sagantichi akkas ture - Dilbata ganama aruuzaafi aruztittiin gamoo mootummaa Putrajaya, kan kibba magaalaa guddoo Kuala Lumpur'tti argamu fuuldura taa'an.
Keessummoonni affeeraman ammoo konkolaataa isaanii suutaan oofaa misirroota fuuldura dabran.
Foddaan konkolaattota hundaa cufamee kan ture oggaa tahu, misirroonnis keessummoota affeeramaniif qilleensarraan harka fuudhaniiru.
Kun tarii sagantaa cidhaa yeroo mara itti barre tahuu dhiisuu mala. Garuu aruzaafi aruztittiin Tengku Muhammed Hafiz fi Oceane Alagia lamee (couple) guyyuu baraman irraa addadha.
Misirrichi ilma nama siyaasaa beekamaafi ministira duraanii kan tahan Tengku Adnan'dha.
Abbaan ilma isaanitti gammadan kun Facebook gubbaa waan barreessan: ''Erga ganama kanaatii gaariin (konkolaataa) 10,000 caalan akka argaman bareera.''
''Anaafi maatiin koo hundi kabajaa guddaatu nutti dhagahame. Waan nu hubattanii, seerota kabajuun, gaarii keessaa bu'uu dhabuu keessaniif hedduu galatoomaa.''
Jarri affeeraman 10,000 hunduu suuta oofanii haga dabran sa'aatii sadi fudhate.
Haatahu malee, kanneen affeeraman salaamtaa qilleensarraan alatti, waan dhibiillee argataniiru.
Dambii walirraa fageenya eegateen, keessummoonni nyaata argataniiru. Akkatti nyaata argatan garuu haalaan addadha.
Jarri konkolaataa keessaa otoo hin bu'in, foddaarraan nyaata dursee qophaa'ee saamsame fudhatanii qajeelan, jechuun miidiyaa biyyattii gabaaseera.
Guyyaa gammachuu kana guyyaa tokko booda abbaan gurbichaa nama siyaasaa tahan kun, himannaa malaamaltummaa doolaara 500,000 irratti dhiyaateen balleessaa tahanii argamaniiru.
Kanaanis maallaqaafi hidhaa ji'a 12n adabamaniiru.
Biyyattiin Maaleezhiyaa akka haaraatti Covid irra deebiin ka'uun namoota hedduurratti argamaa jira.
Waliigalatti biyyattiitti namoonni 92,000 vaayirasichaan kan qabaman yoo tahu, kanumaanis namoonni 430 tahan lubbuu dhabaniiru.