Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Baqattoonni dararaa hamaa fi jiruu dhala namaaf hin malle keessa jiru' HRW
Riyaad, giddu gala baqattoonni itti guuraman guddicha, keessatti ammallee lammiileen Itoophiyaa dhibbaan lakkaa'aman dararamaa jiraachuu jaarmiyaan mirga namaaf quuqamu Hiyuuman Raayitis Waach ibse.
Hidhamtoonni haala iddoo itti tursiifaman jiru komachuun akka jaarmiyaa kanatti himanitti, kutaa dhiphoo keessatti yeroo dheeraaf walitti heddummaachuun akka tursiifamanii fi eegdonni giddu galichaa akka isaan dararan dubbatan.
Dararaa akkanaan Onkoloolessaa fi Sadaasa darban keessa yoo xiqqaate namoonni sadi ajjeefamuutu himama.
Hiyuuman Raayitis Waach ibsa baaseen Sa'uudii Arabiyaan baqattoota miidhama keessa jiran manneen hidhaatii hatattamaan akka gadi dhiistuu fi iddoowwan namoonni itti walitti guuraman kunneen murtee isa dhumaa qofaaf akka fayyadan gochuu qabdi jechuun akeekkachiiseera.
Biyyattiin lammiilee biyyoota garaagaraa irraa garasheetti baqatanii jiran dararuu irraa of-qusachuu akka qabduu fi akkasumas giddu galli baqattoonni itti walitti guuramanis kan sadarkaasaa eeggate ta'uu akka qabus gaafateera ibsi kun.
Dhaabbatichatti qorattuun mirga baqattootaa Naadiyaa Hardman, ''Biyyoota dureeyyii keessaa tokko kan taate Sa'uudii Arabiyaan, baqattoota hidhuusheetiif dhiifatamni tokkollee godhamuufii hin qabu, keessattuu tibba weerara koronaavaayirasii kana keessa baqattoota hedduu yeroo dheeraaf bakka dhiphoo keessa tursiisuun waa akkaan mormamuu qabuudha'' jette.
Sadaasa darbe keessa Hiyuuman Raayitis Waach baqattoota Itoophiyaa torba kanneen mana hidhaa magaalaa Riyaad keessatti hidhamanii jiran fi lammiilee Indiyaa lama dubbisee ture.
Hedduunsaanii sababa iyyama jireenyaa seera qabeessa harkaa dhabaniif qofa qondaaltota biyyattiin hidhamuu namoota dubbiserraa akka adda baafate ibse jaarmiyaan kun.
Baqattoonni jaarmiyaan kun dubbise hundinuu mootummaan Sa'uudii kutaa balfaan guutame keessatti hanga namoota 350 tursiisaa akka jiran dubbatan.
Kanneen wagga tokko ol hidhamanis jiru, hidhamtoonni kunneen walitti heddummaachuurraa kan ka'e bakka ciisanillee hin qaban, altakkaatti hundisaanii ciisuu waan hin dandeenyeef dabareedhaan gadi ciisu.
Kanarrattimmoo waardiyyoonni akkaan dararu, waan irra rafanii fi waan uffatanii rafan baqattoota kunneeniif hin kennan.
Kanaafuu haalli baqattoonni kunneen keessa jiran daran kan nama yaaddessuu fi waan yeroo itti kennanii taa'anii ilaalan miti jedha Hiyuuman Raayitis Waach.
Kan waardiyyaan alatti altakkaa ho'ina qaamasaanii bikkurraan kan hafe homaa of-eeggannoon koronaavaayirasii hin jiru kan jedhan baqattoonni kunneen namoota 350 ta'anii kutaa tokko galanii mana fincaanii shan hin caalle qofatti fayyadamu.
Namoonni dhaabbati kun gaafate hundinuu dararaa suukanneessaa eegdonni giddu gala isaan keessa hidhamanii jiranii irraan ga'an dubbatu.
Baqattoota yaada kennan sagal keessaa ja'a wayita waardiyyoonni nama reeban, kaanillee fuudhanii deemanii osoo hin deebisin hafan arguu himan.
Lammiin Itoophiyaa, dargaggeessi ganna 27, tokko wayita namoonni akka malee waardiyyootaan reebaman arguu fi kanneen keessaa sadi battaluma ijasaa duratti wayita du'an akka arge hime jedha gabaasi Hiyuuman Raayitis Waach.
Sa'uudii Arabiyaa keessatti dararaan manneen hidhaatti baqattootarratti raawwatamaa akka jiru dhagahamuu erga jalqabee bubbuleera.
Bara 2014 lammiin Itoophiyaa mana hidhaa magaalaa Riyaad keessa ture tokko lammiileen hedduun biyyoota biroo irraa gara Sa'uudii baqatan dararaa hamaa argaa akka turan himee ture.
Hiyuuman Raayitis Waach bara 2019 keessa iddoowwan baqattoonni itti guuraman kudhan ta'an Sa'uudii keessa jiraachuu akka adda baase himeera.
Bara 2020 ji'a Hagayyaa keessammoo, magaalaa lammiileen Itoophiyaa heddumminaan itti baqatan Jizaan fi Jiddaa keessa manneen baqattoonni itti hidhaman sadi jiraachuu adda baaseera.
Akka gabaasa Onkoloolessa darbe keessa ba'eetti, lammiileen biyya alaa miiliyoona 10 ta'an Sa'uudii Arabiyaa keessatti dameewwan hojii garaagaraa keessatti hirmaachuun jiraatu.
Biyyattiin yeroo dhiyoo as duula baqattoota iyyama jireenyaa seera qabeessa hin qabne gara biyyasaanii deebisuu gaggeessaa jirti, hanga gara biyyaa deebistutti ammoo hiitee dararti.
Bara 2017 fi 2019 gidduutti lammiileen Itoophiyaa kuma 260 ta'an gara Itoophiyaa deebifamaniiru, akka ragaa dhaabbata baqattootaa Indil-addunyaa(IOM)'tti.
Haalli baqattoonni kunneen manneen hidhaa Sa'uudii Arabiyaa keessatti dararaa argaa jiran daran isa yaaddessuu kan ibse Hiyuuman Raayitis Waach, biyyattiin qabiinsa baqattootaa seera idil-addunyaa kabajuu qabdi jedheera.
Sa'uudiin lammiilee biyyoota garaagaraa sababa isaan itti baqataniif dararuusheetiin, walii galtee dhala namaa dararaa jalaa baraaruu kan Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii mirkaneessee faallessaa jirti jedheera jaarmiyaan kun ibsa isaa keessatti.