Shiree to'achuuf lola taasifameefi haala amma itti jirtu ija jiraattotaan

Duula motummaan federaalaa seera kabachiisuuf jechuun fudhateefi torban sadii ol lakkoofsiseen magaalootiin naannoo Tigraayi keessaa magaalaa guddoo naannichaatiin dura to'ataman keesaa tokko Shireedha.

Tibba sanatti haala magaalattii keessa ture jiraattoota gaafanneera.

Wayita sanattis raayyaan Ittissa federaalaa magaalaa Shiree to'achuuf loltoota TPLFf amanamoo ta'an waliin dhukaasaa olaanaa walitti dhukaasaa akka turan jiraattoonni magaalattii BBCtti himan.

Magaalaan Shiree Magaalaa Maqalee irraa Lixa naannichaatti fageenya km 300 irratti kan argamtu yoo ta'u, jiraattota kuma 80 ta'antu keessa jiraata.

Humni raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa magaalattii humnoota TPLF jalaa baasuun kan ibse ALI Sadaasa 8, 2013 ture.

Jiraataan Magaalattii BBCn dubbise tokko akka jedhaniitti lolli magaalatiitti kan eegale bariidhuma guyyaa Kibxataa Sadaasa 8 sana ture.

Lola Shireetti taasifameen meeshaaleen waraanaa gurguddoon faayidaarra waan oolaniif jiraattonni magaalattii baqachuun bataskaanootatti dahachuuf akka dirqaman maddi BBC kan himan.

“Rasaasni hedduun kan qubate ollaa Aguwaaduu jedhamuun beekamu keessattidha. Jiraattoonni naannichaas gara bataskaana dhiyoo jiru Abuna Aragaawii jedhamutti dheessanii turan,” jedhani jiraataan nageenya isaaniif sodaachuun maqaan akka hin dha’amne gaafatan.

Jiraataan kunis lola magaalaa kana to’achuuf taasifameen namootarra miidhaan ga’uu himan.

“Yoo xiqqaate namoonni 10 ani beeku madaa’anii jiru,” jedhe. Akka madda kanaatti maatiiwwan dhiyeenyatti beeku keessaa namooti du’an jaha dabalatee namoonni biroos ajjeefamuu hima.

Jiraattonni magaalaa to'annoo loltoota mootummaa federaalaa jala jirtu kana keessa jiran, ammallee naasuufi soda keessa jiraachuutu himama.

Lolli Shireetti taasifame sa'aatii jahaaf kan ture yoo ta'u, sana duuba loltoonni federaalaa taankiidhaan walakkaa magaalattii to'atan. Gamoowwaniifi hoteelli beekamaan kan akka Dejenaa jedhamu gariin miidhamu himu jiraattooni.

Suuraaleen BBC'f ergamanis hoteelichi gariin miidhamuu agarsiisu.

Hoteelli kun qabeenyummaan isaa kan qabsaa'aaTPLF duraanii koloneel Tawalda Gabratinsaayi dha.

Koloneelli sooromarra jiran kunis, kitaaba seenaa waraanaa Itiyoo-Ertiraa 1998-2000'tti ture himu barreessuun isaanii ni yaadatama.

Loltoonni federaalaas ammaan tana ummanni magaalaa Shiree jireenya guyyuutti akka deebi'uuf ergaa dabarsaa jirus jiraataan kun ni himu.

Haata'u malee, buufataaleen wal'aansaa muraasni ammallee akkuma cufamanitti jiraachuufi, jiraattonni lolichaan gandoota baadiyyaa dhihoo jiranitti baqatan akka hin deebinedha maddi biraan kan dubbate.

Gama biraatiin ammoo magaalattiin gara sochii nagaatti deebii'aa jiraachu ministireera Nagaatti miseensa garee nagaafi deeggarsa namoomaa achitti argamu eeruun Faanaan gabaaseera.

Hojii raawwachisaan yeroo naannoo Tigraay Dr Mulu Naggaa guyyoota muraasaan dura magaalaa Shiree Indasilaaseetti argamuun kantiibaa haaraa magaalattiif muduunsaani ni yaadatama.

Sababii lola ola Sadaasa 4, 2020 eegalee kanaan wal qabatees namoonni dhibbaan lakkaa'aman yoo ajjeefamuun himamu, kanneen kumaatama ta'an ammoo gara biyya ollaa Sudaanitti baqatanii jiru.

Haaluma kanaan wal qabatees dhaabbileen gargaarsaa akka UN rakkoon namoomaa mudachuu mala jechuun akeekkachiisanii turan.

MM biyyattii garuu waraanichi dhumachuu labsuun, namni siiviilii tokkollee akka hin duune dubbachunsaanii ni yaadatama.