'Seeraan ala hidhamuu' Dr Huseen Kadir maatiifi abukaatoon komatan

Madda suuraa, Social Media
Yunivarsiitii Finfinneetti diinii Kollejjii Barnootaa fi Qorannoo Amalaa (Behavioral science) kan ta’an Dr Huseen Kadir mirgi wabii eeggameefii akka gadhiifaman manni murtii ajajullee hanga ammaatti akka hin gadhiifamne maatiifi abukaatoon isaanii himan.
Manni Murtii Aanaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii torbee darbe Sadaasa 16 bara 2013 ture Dr. Huseen Kadir wabii qarshii 10,000 nin akka gadhiifaman kan ajaje.
Haa ta’u malee maallaqni manni murtii ajaje kaffalamee ajajni mana murtichaa Komishinii Poolisii Oromiyaa bira gahus hanga gaafa Kibxataatti akka hin hiikkamne haati warraa isaanii aadde Hindiyaa Sa’id BBCti himaniiru.
''Achi deemaa as deemaa nun jechaa turanii boodarra ‘galmeen isaa Komishinar Girmaa bira jira’ nun jedhan. Isa bira ol seennee dubbisuu garuu hin dandeenye'' jedhan Aadde Hindiyaan.
Miseensi Komishinii Poolisii Oromiyaa maqaan isaanii eerame guyyichatti dhimma namoota hidhamanii akka hin ilaalle itti himamuu isaas Aadde Hindiyaan himan.
Guyyaa sana boodas gara Komishinichaatti deemanis deebin argatan akka hin jirre himan. BBC'n dhimmicharratti yaada Komishinii Poolisii Oromiyaa argachuuf yaalus hin milkoofne.
Dr. Huseen Kadir eessa jiru?
Gama biraatin qorattootni Komishinii Poolisii Oromiyaa iddoo Dr. Huseen Kadir itti argaman dhaddacha mana murtii Aanaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhiitti dubbatanis maatinis ta’e abukaatoowwan iddoo jedhametti deemanii Dr. Huseen Kadir argachuu akka hin dandeenye dubbatu.
Haati warraa Dr. Huseen Aadde Hindiyaa Sa’id ''erga Baalerraa ol dhufee yeroo lama mana murtiitti arganneerra. Sana booda bakka inni jiru hin beeknu. Nyaata fi uuffata fidneefii hin beeknu'' jedhan.
''Yeroo baay’ee deemnee argachuu hin dandeenye. Bakkeen inni itti hidhame naannoo Sidist Kiilooti. Naannoon sun immoo mana hidhaa miti. Ol nama hin seensisan.
''Balbalarrattuu nama hin dhiisan. 'Deemaa asii kuni mana hidhaa miti. Bakka inni jiru hin beeknu’ dha deebiin ijoollee balbalarra jiranii'' jechuunis himan.
Haala wal fakkaatun abukaatoo Dr. Huseen Kadir kan ta’an Obbo Kadir Bulloo ''Jimaata darbe kana bakka itti hidhameera jedhanii nutti himan sana yoon dhaqu ‘eenyutu isinitti hime? Namni asitti hin hidhamu’ jedhanii poolisootni na ari’an” jechuun maamila isaanii argachuu akka hin dandeenye himan.
Gama biraatin Dr. Huseen Kadir miseensa dhaaba isaanii ta’uu kan himan itti gaafatamaan Waajjira Koongirasii Federaalawaa Oromoo Obbo Xurunaa Gamtaa, dhimma Dr. Huseen Kadir ilaalchisee Sadaasa 04 bara 2013 Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaaf xalayaa barreessuu isaanii himan.
Haa ta’u malee deebin Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaarraa argatan akka hin jirre dubbatan.
Mirgi wabii erga eeggame booda hidhaarra turuun seeraan ala ta’uu kan dubbatan abukaatoon Dr. Huseen, Obbo Kadir Bulloo, ajajni mana murtii kabajamuu fi raawwatamuu akka qabu himu.
Kana boodas deebi’anii mana murtiitti iyyachuuf karoorfachuu isaanii dubbatu.
Dr. Huseen Kadir maaliin shakkaman?
Dhimma Dr. Huseen Kadir irratti BBC'n yaada Mana Hojii Abba Alangaa Waliigalaa Oromiyaa gaafachuuf Itti-Aanaa Abbaa Alangaa Waliigalaa Oromiyaa Obbo Taaddasaa Nuguseetti bilbilus yaada isaanii argachuu hin dandeenye.
Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Dr Huseen Kadir kanaan dura godina Baale Mana Murtii aanaa Agaarfaatti dhiyaatanii poolisiin beellama yeroo qorannoo irratti gaafatee abbaan alangaa federaalaa immoo ''ragaan mana murtiitti isaan himachiisu hin jiru'' jechuun galmeen akka cufamu taasisee ture.
Mana Murtii Aanaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhiitti iyyatni 'hookkara Oromiyaa keessa bara 2012 ture yaadaafi lojistikiin deeggartaniittu' jedhutu irratti dhihaate.
Haa ta’u male torbee darbe Manni Murtii Aanaa Magaala Laga Xaafoo Laga Daadhii gaafii yeroo qorannoo dabalataa poolisiin dhiyeesse kuffisuun ture mirga wabii qarshii 10,000nin akka gadhiifaman kan ajaje.
Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Sadaasa 07 bara 2013 baasen Dr Huseen Kadir dabalatee dhimmi namoota mirgi wabii isaanii eegamee hidhaarra jiran furmaata arifachiisaa kan barbaadu ta’uusaa himee ture.
Kanaan walqabatees qaamoleen hoji raawwachiistuu fi qaamoleen haqaa naannoo Oromiyaa mirgi wabii shakkamtootaa kabajamuusaa akka mirkaneessan waammicha dhiyeessuunsaas ni yaadatama.
Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara uumameen lubbuun namootaa 170 yoo darbu, kanneen kanaan shakkamaniifi 9,000 ol ta'animmoo hidhaa seenaniiru.














