Dr Huseen Kadir mirga wabiin akka gadhiifaman manni murtii ajaje

Dr Huseen Kadir

Madda suuraa, Social Media

Manni Murtii Aanaa Magaalaa Laga Xaafoo Laga Daadhii Yunivarsiitii Finfinneetti diinii Kollejjii Barnootaa fi Qorannoo Amalaa kan ta'an Dr Huseen Kadir, wabii birrii 10,000nin akka gadhiifaman ajaje.

Akka abukaatonni jedhanitti erga poolisiin to'atamanii as mirgi wabii yeroo isaaniif eeyyamamu kuni yeroo lammataafi.

Kana dura Finfinneedhaa qabamanii Baalee geeffamuun Mana Murtii aanaa Agaarfaatti dhiyaatanii poolisiin beellama yeroo qorannoo irratti gaafatee abbaan alangaa federaalaa immoo "ragaan mana murtiitti isaan himachiisu hin jiru" jechuun galmeen akka cufamu taasisee ture.

Dhihoo immoo dhimmi isaanii magaalaa Finfinneetti dhihoo argamtu mana murtii magaalaa Laga Xaafootti ilaalamuu eegaleera.

Achittis iyyanni "godinaale Oromiyaa fi bulchiinsota magaalaa Oromiyaa keessatti jeequmsa bara 2012 gaggeeffamaa tureen walqabatee, lubbuu namaa fi qabeenya mootummaa, miti-mootumma fi nama dhuunfaa humnoota badiin gocha raawatamaa ture yaadaafi loojistikii adda addaan deeggarsa godhaniiru," jedhu irratti dhiyaate.

Torban darbe manni murtii qorannoof guyyaa dabalataa gaafatame eeyyamee ture.

Dhaddacha har'aatin poolisiin Ejansii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa (INSA) fi iddoowwan birootii ragaalee walitti qabuu fi dhiyeessuuf, guyyootni dabalataa 14 akka kennamuuf mana murtichaa gaafateera.

Gama biraatin immoo sababni poolisiin dhiyeesse amansiisaa akka hin taane fi ragaa dhiyeessuuf Dr Huseen hidhamanii turuu akka hin qabne mormuu isaanii abukaatoon isaanii Obbo Kadir Bulloo BBCti himaniiru.

Haa ta'u malee manni murtichaa "sababni torban darbe dhiyaatee ture kan biraati. Amma kan dhiyeessitanis kan biraati. Kunimmoo mana murtii biratti fudhatama hin qabu" jechuun Dr Huseen Kadir wabii qarshii 10,000 kaffaluun hidhaadhaa akka bahan ajajuusaa abukaatoon isaanii Obbo Kadir himaniiru.

Kana malees, manni murtichaa poolisiiin Ejansii Nageenya Odeeffannoo Itoophiyaa /INSA/ fi iddoowwan biraatii ragaalee walitti qabuuf Dr Huseen hidhamuu akka hin qabne himuun mirgi wabii isaanii akka eeggamu ajajuusaa himan.

Obbo Kadir Bulloo "qarshii kana ammaan kana kaffallee ajaja fudhannee bahaa jirra," jedhan.

Gama biraatin Dr Huseen Kadir balleessaa akka hin raawwanne dhaddacha har'aa irratti dubbataniiru.

"Ani dabatu narratti dalagamaa jira. Ani uummata koo osoon gargaaruu qabuu yakka hin dalagneen mirgikoo sarbamaa jira. Manni murtii mirgakoo naaf yaa eegu" jechuu isaanii abukaatoon isaanii himu.

Kanaan dura Manni Murtii Aanaa Agaarfaa Dr Huseen Kadir wabii birrii 10,000nin akka gadhiifaman ajajuus osoo hin gadhiifamin hafuunsaanii ni yaadatama.

Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa hordofee hookkara uumameen lubbuun namootaa 170 yoo darbu, kanneen kanaan shakkamaniifi 9,000 ol ta'animmoo hidhaa seenaniiru.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaas ibsa torbee tokko dura baasen, Dr Huseen Kadir dabalatee dhimmi namoota mirgi wabii isaanii eegamee hidhaarra jiran furmaata arifachiisaa kan barbaadu ta'uusaa himee ture.

Dhimma Dr Huseen Kadirin walqabatee yaada hooggansa Yunivarsiitii Finfinnee argachuuf yaalii torbee darbe taasisneen, Pirezidaantiin yunivarsiitichaa Profeessar Xaasaw Waldahaannaa dhimmicharratti waan beekan akka hin qabne himanii turan.