Manni Murtii dhimma Dr Huseen Kadir irratti qorannoof yeroo dabalataa kenne

Dr Huseen Kadir

Madda suuraa, Social Media

Yunivarsiitii Finfinneetti diinii Kollejjii Barnootaa fi Qorannoo Amalaa kan ta'an Dr Huseen Kadir guyyaa Roobii Mana Murtii Aanaa Magaala Lagaxaafoo Laga Daadhii dhiyaataniiru.

Mana Murtichaatti iyyatni "Dr Huseen Kadir Oromiyaa keessatti jeequmsa bara 2012 gaggeeffamaa tureen walqabatee, lubbuu namaa fi qabeenya humnoota badiin gocha raawwatamaa ture yaadaafi loojistikii adda addaan deeggarsa gochuun shakkameera," jedhu irratti dhiyaachuu isaa abukaatoon isaanii Obbo Kadir Bulloo BBCtti himan.

Kana malees "ani itti gaafatamaa waldaa barsiisootaati jechuun barsiisota qindeessuun mootummaa irratti kakaasun, jeequmsi akka ka'u taasisaniiru," kan jedhus iyyaticha keessatti kan argamu ta'uu himan.

Dr Huseen Kadir gama isaaniitin "ani miseensa Waldaa Barsiisotaa ta'ee hin beeku. Itti gaafatamaa ta'es hin beeku," jechuun deebisuu isaanii abukaatoon isaanii dubbatan.

Dhaddacha irratti poolisiin ragaalee walitti qabee dhiyeessuuf beellama guyyaa 14 gaafateera.

Ajjeechaa artiist Haacaaluu Hundeessaa booda kan qabaman Dr Huseen Kadir kanaan dura godina Baalee Mana Murtii aanaa Agaarfaatti dhiyaatanii poolisiin beellama yeroo qorannoo irratti gaafatee ture.

Abbaan alangaa federaalaa immoo "ragaan mana murtiitti isaan himachiisu hin jiru" jechuun galmeen akka cufamu taasisee ture.

Abukaatoon Dr Huseen, Obbo Kadir Bulloo "Obbo Jawaar Mahaammad walin qunnamtii qabda, mootummaa ni falmita, ni qeeqxa,'' kan jedhu shakkiin irratti dhiyaatee akka ture dubbatu.

''Gareen qorannaa abbaa alangaa federaalaa, poolisii Oromiyaa fi abbaa alangaa Oromiyaa irraa hundaa'e namni kun yakka wayiituu keessa hin jiru kan jedhu - gaafa 13/02/2013 xalayaan abbaa alangaa federaalaa irraa gara abbaa alangaa Oromiyaatti ergamee ture." jechuun haala aanaa Agaarfaatti ture himu.

Haa ta'u malee poolisootni dhaddacha guyyaa Roobii Mana Murtii Aanaa Magaala Lagaxaafoo Laga Daadhii irratti argaman, qorannoon taasifame kun sirrii akka hin taane dubbachuu isaanii Obbo Kadir Bulloo himan.

Kana malees Komishinarri Poolisii Oromiyaa koree hundeessun qorannoon haaraa akka taasifamu ajajuusaanii, dhaddacharrati poolisootaan himamuusaa Obbo Kadir dubbatan.

Abukaatotni gama isaaniitin "namni tokko dhimma tokkon yeroo lama gaafatamuu hin danda'u. Kana malees yakkichi mootummaa federaalaa ilaallata.

Qaamni federaalaa immoo nama kana qoratee yakka wayiitu hin qabu jedhee galmeen haa cufamu waan jedheef, poolisiin qorannaa akka sababaatti eerun nama hidhuu hin qabu," jechuun falmuu isaanii Obbo Kadir Bulloo dubbatan.

Gama biraatin Dr Huseen Kadir maatiifi abukaatoo isaaniin akka walargan, sooratni fi kitaabni akka galuuf abukaatootni mana murtichaa gaafachuu isaanii fi manni murtichaas dhimmootni kunneen akka raawwataman ajaja kennuusaa himan.

Dabalataan Dr Huseen "yakka dalaguu isaanii wanti mirkaneessu waan hin jirreef, manni murtii yeroo dabalataa kennuu hin qabu," jechuun mormuu isaanii kan himan Obbo Kadir, manni murtichaa poolisiif guyyoota qorannoo torba kennuun Sadaasa 16 bara 2013ti beellamuusaa himan.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa dhimma kanarratti maal jedhe?

Manni murtii aanaa Agaarfaa Dr Huseen Kadir mirgii wabii isaanii eeggamee akka gadi lakkifaman ajajee turullee, ajajni kun osoo hin raawwatamin hafuunsaa ni yaadatama.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaa ibsa Wiixata Sadaasa 07 bara 2013 baaseen, dhimmi namoota mirgi wabii isaanii eegamee ammallee hidhaarra jiran Obbo Lidatuu Ayyaalew fi Dr Huseen Kadir dhimma furmaata arifachiisaa barbaadu ta'uusaa himee ture.

Kana malees komishinichi ibsa Sadaasa 07 bara 2013 baasen Dr Huseen Onkololeessa 27 bara 2013 gara magaalaa Finfinnee geeffamuu isaanii, to'annoo poolisii Oromiyaa jala akka jiraniifi gara Finfinneetti erga dhufanii boodas, maatii isaanii walin osoo wal hin argin turuun isaanii akka isa yaaddesse himee ture.

Dhimma Dr Huseen Kadir quba qabaachuu isaafi haala hojii isaanii ilaalchisee yaada Yunivarsiitii Finfinnee argachuuf, prezidaantii yunivarsiitichaa Profeessar Xaasaw Waldahaannaa biratti bilbillee kan ture yemmuu ta'u, waa'ee dhimmichaa wanta beekan akka hin qabne fi Kollejjii Barnootaa hogganaa kan jiran Dr Damee Abarraa akka haasofsiisnu nutti himan.

Dr Damee Abarraas yaada kennuu akka hin barbaaneefi dhimmichi akka isaan hin ilaallanne nutti himaniiru.