'Gara jabina poolisii waanan mormeef herreegni baankii kiyya na jalaa cufame'

Madda suuraa, Rinu Oduala
Rinu Oduwaalaa shamarree umriin waggaa 22 fi of ibsuutti kan rakkina hinqabneedha. Mootummaan biyyashee Naayijeriyaas kan baayyee akka isaan rakkifteetti yaadee akkaawuntii baankii ishee jalaa cufeera.
Isheen dubartoota baayyee waliin, dargaggoota biyyatti kumaatama hedduun lakkaa'amaniifi gara hammeenya poolisii irratti mormii Onkolooleessa darbe biyyattii raase gaggeessuun seenaa hojjatan keessatti argamti.
Oduwaalaan namoota erga viidiyoon Gartuu Poolisii Addaa biyyattiin ajjeefamuu mul'ise ifa ta'een booda jalqaba mormiidhaaf daandiitti bahan keessa kan jalqabaati.
Mormiin sunis booda mormii gara jabiina poolisii dhaabisiisuu ( EndSars demonstrations) jedhamuun beekame.
Isheenis Onkolooleessa 7 gareen poolisii kuni akka diigamuuf gaafachuuf fuuldura waajjira bulchiinsa Leegoosiitti buufata dhaabde.
Namoonni kaan attamiin akka ishee waliin dhaabbatan midiyaa hawaasaa irratti sirritti fayyadamuu beekti. Haaluma sanaanis namoota sa'aatii 72 gamoowwan bulchiinsa mootummaa fuldura bulaniif uffata halakanii fa'i mijeessite.
Garuu booda poolisiin dhufu isaan haleele male.
Hordoftoota ishee tiwitarii irraa kuma 172 fi dubartoota biraa baayyee waliin ta'un torbanoota jahan sanaaf Naayijeeriyaa sochoosanii turan. Qabsoon ishee 'EndSars' kunis Tiwiitarii ishe gubbaa raayitii cuqulisa argattu taasiseen.

Madda suuraa, Getty Images
Har'a isheenis qaama paanaalii qorannoo haqa miidhaa poolisii ilaaluuf taa'uu keessatti argamti. Gareen kunis erga pirezidaantiin biyyattii garee poolisichaa diiganiin booda dhimmoota furtuu mormitoonni gaafataa turan keessaayi.
Haata'u malee, waa'ee nageenya isheetiif baayyee yaaddoo akka qabdu dubbatti. Kan ishee dabalatee akkaawuntiin baankii mormiitoota 20 baankii jidduugala biyyattiitiin baatii Sadaasa keessa jalaa cufameera.
''Ka'uumsii keenya gara jabummaa poolisii dhaabsiisuuf ture. Akka shororkeessaatti akka ilaalamnu nu taasisuun isaa abdii nama kutachiisa'' jechuun BBC'tti himte.
Baankiin jidduugalaas madda galiisaanii adda baasuuf jecha akkaawuntii isaanii guyyoota 90f cufuuf ajaja mana murtii gaafachuu hima.
Shamarree Oduwaalaa abbookaatoon ishee ajajicha mormaa jiraachu himti.
'Kun jalqaba isaati'
Roogeettiin duula 'EndSars' kan biraa, oggeettii seeraa Oduppee Odeleeti. Paasportiin ishees torban darbee keessa jalaa haqame. Tibba mormiitti namoota to'atamaniif deeggarsa seeraa kennaa turte.
Akkasumas marsariitiin Gamtaa Warra Dubartootaaf mormanii, kan dubartoota 10n walqixummaa saalaatiif qabsaa'uuf Hagayya darbee hundeeffamee torban darbee kaasee Naayijeeriyaa keessaa uggurameera.
Gocha kana duuba eenyu akka jiru kan barame hinjiru. Marsariitichi tibba mormii sanatti dalaga ture.

Madda suuraa, Alamy
Gareen miti motummaa kunis tibba mormii sanatti karaa 'crowdfing'tiin [jechuunis namoonni walitti qabanii] doolaara kuma 385 walitti qabuun garee isaa tajaajila seeraa fi wallaansa namoota mormiichatti hidhamaniifi miidhamanii, akkasumas eegumsa nageenyaafi kkf oolchan.
Garichis maallaqni hafe silaa tajaajila gorsa xinsammuu namoota poolisiin gara jabiinaan miidhaan irraan qaqqabsiisaniifi maatii namni jalaa ajjeefameef oolfamuuf ture jedhu.
Akkasumas namoota poolisiin ajjeeffamaniif yaadannoo gochuuf deeggaruuf yaadaa turan.
''Kunis jalqabbii ka'uumsa dargaggoota Naayijeeriyaa attamiin waa'ee haala biyyattii fooyyeessuuf gochu dandeessuu agarsiisuudha,'' jettii hundeessitoota Gamtaa Dhimma Dubartootaa keessaa tokko kan taate Faakhiriyaah Haashim BBC'tti yoo dubbattu.
"Kana hojjachuuf itti fufna, keessattu jireenya dubartootaa irratti xiyyeeffachuun'' jetti.
Naayijeeriyaan tarii biyya olaantuummaan dhiirotaa keessatti cime ta'u malti. Garuu ammoo yeroo hundumaa jijjirama gaafachuuf dubartoonni ni dubbatu bara qabsoo farra koloneeffannaa irraa kaasee.
Kanaafuu mormii 'EndSars' keessattis adda durummaan dandeettiin qindeessuu dubartootaa aanga'oota dinqisiisuu hinqabaatu ture.

Bara 1929tti fincila duartoota Aba- kan 'Waraana Bubartootaa' jedhamuun beekamu dubartootatu karoorawwan dubartoota gabaa kibbaa irra qaraxa kaa'uuf ture kan morman.
Isaanis baatii lama keessatti dubartoonni kumaatama ta'an mormicha keessatti qooda fudhachuun, suuqiiwwaniifi baankiin akkasumas manneen murtii koloneeffattootaa ibiddaan barbadaa'e.
Waggoota saddeetiin boodas, Funmilaayoo Raansame-Kuti, haatii wallisaa beekamaa Felaa Kuti, karoora qaraxaa daldaltoota xixiqqoorra kaa'uuf bahe mormuun dubartoota kumaatama sochoosuu dandeessee turte.
''Seenaa Naayijeeriyaa keessatti dubartoonni hedduun bahuun mirgoota isaanitiif qabsaa'an jiru. Qabsoon dubartoonni ciccimoon sun fuldura keenya qabsaa'an gadi qabameera,'' jetti Nidi Kaato roogeettiin dhimma saalaa kan mormii 'EndSars' keessatti qooda fudhatte.
Dugugguruu mormii 'EndSars'
Ayishaa Yesuuf hundeessituu sochii Shamarran Keenya Deebisaa (Bring Back Our Girls) kan waggoota jahan darbaniif shamarran Chiibok milishoota Boku Haaraamiin butaman deebisiisuuf hojjataa jiru caalaa dhimma kana kan beeku hinjiru.
Isheenis mormii gara jabiinsa poolisii irratti gaggeeffame irratti kanneen Magaalaa guddittii Abiijaaniitti gaazii imimmaaneessaan itti facaafame keessatti argamti.
Dubartoonni dugugguruu mormii gara jabina poolisii kana ta'unsaanii nama dinquu hinqabaatu jetti Yesuufuun.
''Yeroo hundumaa dubartootatu wanti tokko akka umamuu taasisa. Mormii jijjiiramaa kamuu yeroo hundas kan dubartootaan hogganameedha,'' jetti.
Mormiin gara jabummaa poolisii irratti gaggeeffame keessattis gaheen dubartoonni bahan dinqisiisaa ture. Kanneen isaan waliin ta'anis dinqii ture jetti.

Madda suuraa, @veeqtor
'Kan dhaabuun hindanda'amne'
Aadde Katoon kun dhuma daandii miti jetti. ''Sababii dargaggoonni irra deebiin tarsiimoo baasuun, sagaleen keenya akka dhagahamuuf hojjataa jiraachuun keenya mormuu irraa dhabamneera jechuu miti.''
Dubartoonni attamiin sagaleen isaanii akka dhagahamuuf midiyaalee hawaasaafi karaa itti fayyadamu danda'an tibba hiiriira mormii gara jabina poolisii sanatti agarsiisaniiru. Kanas walqixxummaan saalaa akka dagaaguuf itti fayyamu akka qaban dubbatti Aadde Yesuufuun.
''Dubartoonni mirgasaanii kabachiifachuuf ofiin bahuun qabsaa'u qabu. Hanga mariidhaaf nu affeerranitti teenyee eeggachu hinqabnu. Nutumti waltajjii marii sana umuu qabna,'' jetti.
"Dubartiin siyaasa keessatti hirmaachu barbaaddu kamiyyuu osoo duuba ishee hinilaaliin yeroon itti hirmaattu amma. Of shakkuu hin qabnu. Bakka nuuf ta'u keenya haa qabannu.''
Aadde Oduwaalaanis qabsoon akka itti fufu waliigalti.
''Sababii hundi keenyaa maal raawwachuu akka dandeenyu hubanneefu, fuldurri dubartootaa ifadha.
''Kanaafuu dubartoonni ofiisaaniif ta'e hawaasa isaanitiif waan tokko raawwachuuf yoo takka murteessan kan dhaabu hin danada'amneedha.''














