Dubartoota:Kitaabni haaraa Ma'aazaa Mangistee badhaasa 'Booker'f kaadhimame maal hima?

Ma'aazaa Mangistee

Madda suuraa, BOOKER

Ma’aazaa Mangisteen kitaabashee waa’ee dubartoota gootaa yeroo Xaaliyaaaniin Itoophiyaa weerarte wareegama kaffalan himu’ ‘The Shadow King’ jedhuun badhaasa ‘Booker’ jedhamuuf kaadhimamteetti.

Qabsoo bilisummaaf taasifameen maqaa warra dhiiraa qofat leellifama. Qabsaa’onni dubartootaa seenaa keessaa haqamuun isaanii fi shoorri isaanii maali kan jedhu baruuf gara duubaatti deebitee kitaaba ‘The Shadow King’ jedhu kanaan nu daawwachiifti.

Maa’aazaa Mangisteen af-gaaffii BBC waliin taasifteen dubartoonni Itoophiyaa loltoota Xaaliyaaniin gudeeddii irra gahee fi namummaa isaaniin kabajamuuf qabsoo taasisan irratti haasofteetti.

BBC: Badhaasa ‘Booker’ dhaaf kaadhimamuu keetiif maaltu sitti dhagahame?

Ma’aazaa: Waan hin amanamne dha. Tasumaa kana hin eegne ani. Anaaf dhimmi guddaan kitaabicha xumuruu ture. Isa yaadamuun caalaa kitaabicha xumuruuf yeroo dheeraa dha natti fudhate.

Barreessee xumuree namoonni dubbisuu danda’uun isaanii anaaf ajaa’iba. Badhaasichaaf kaadhimamuun gaafa bilbilaan natti himame gammachuu natti dhagahame siif ibsuu hin danda’u. Addunyaan akka tokko natti taate, edaa ni danda’amaan jedhee, shaggaa ture. Kan biraa maalan jedha.

BBC:Kitaabni kee jalqabaa ‘Beneath The Line’ bahee waggaa kudhan booda dha inni kun kan bahe? Waa’ee Kitaabichaa nutti haasa’i mee?

Ma’aazaa: Yeroon kitaabicha jalqabu fedhiin koo inn guddaan waa’ee weerara Xaaliyaanii barreessuu ture. Xaaliyaaniin hanga funyaanitti meeshaa waraanaa hidhatus, lammiileen Itoophiyaa waggaa shaniif qabsaa’uun injifachuu isaaniin himu barbaadee ture.

Yeroon seenaa kana barreessuu jalqabu caalaatti qalbii koo kan hawwate seenaa namootaa, jiruufi jireenya guyyuu, yeroo waraanni akka malee jabaate sanatti hariiroon uummata gidduu jiru na dinqe. Kanumaan muddama sana hundaa keessatti jireenyi namootaa maal fakkaata kan jedhu xiinxaluun eegale.

Gootummaa waraanaa moggaatti dhiiseen, yeroos fuudhaafi heerumni attam ture? Hariiroon jaalalaa waraana keessatti maal fakkaataa? Hariiroo walii waliiniifi waraanichi dubartootaa fi dhiirota irratti dhiibbaa akkamii uuma kan jedhus qorachuun jalqabe.

Achumaan sirni gita bittaa yeroos ture seenaa, amantii fi suuraa sobaa fayyadamuun miiliyoonota cunqursuufi fudhatama kan qabu fakkeessuu akka yaalan illee ilaaluun jalqabe.

Kanumaan seenichi waraana Itoophiyaafi Xaaliyaanii caalee taa’e. Kana malees nutii fi isaan akkamiin akka jiraannu qorachuufi qo’achuun jalqabe.

BBC: Qorannoof yeroo hangamii fudhatte?

Ma’aazaa: Yaa Rabbii, waan si dhibu jalqabaa hanga xumuraatti fixuuf waggaa kudhan na jalaa fudhateera. Waggaa lamaan sadan tokkoof xiyyeeffannoon koo qorannoorratti ture. Gidduu gidduuttis barreessuun yaala ture.

Qorannoo sana gochuuf Afaan Xaaliyaanii barachuun narra ture. Galmeewwan garaagaraa sakatta’uuf turjumaan hin barbaanne ture.

Kana malees miirri ani waraana sanaaf qabuufi biyyoota Awurooppaa Afrikaa irratti waraana labsaniif ilaalchi an qabu gaarii hin turre.

Xaaliyaan yeroon deeme aarii guddaatu natti dhagahamee ture. Yeroon galmee gaggalagalchu lammiin Xaaliyaanii tokkollee waa akka natti dubbatu hin barbaanne ture.

Achii aarii guddaa akkasii keessa tahanii kitaaba barreessuun hin danda’amuun jedhe. Akkamiin waan uumame hunda hubachuun danda’ama jechuun of gaafachuun jalqabe.

Ijoollee, ijoollee loltoota Xaaliyaanii Itoophiyaa waraanani dubbisuuf jecha dha kanani afaan Xaaliyaanii baradhe.

Kunillee yeroo muraasa na harkaa fudhateera. Sana booda seenaan kun banaa naaf tahe, seenaa dhuunfaas tahe.

Waraanichi maatii keenya waliin wal qabata. Akaakkayyuun koo karaa abbaa koo jiru waraanicha irratti hirmaataniiru.

Ilmi wasiila abbaa koos waraana kanarratti wareegameera. Maatii waliinis yeroo suuraa ilaallu warreen kana waraana irratti dhabne jedhaniitu dubbatu.

Waraana kanarrattii seenaa dubartoota waliin duulanii dhagaheera. Garuu yeroo mara kan himamu akkamiin warreen dhiiraa hordofanii akka deemaniifi warreen du’an awwaaluufi kan madaa’an kunuunsuu ture gahee isaanii.

Kitaabicha xumura jala gahee yeroo dhumuuf jedhu qorannoo taasisuuf iddoowwan waraanni itti adeemsifame ilaaluuf Itoophiyaa deemeen haadha koo waliin imala guyyaa kudhanii taasifne.

Haadha koo waliin waa’ee biyyaafi suuraawwan dubartootaa waraanicharratti hirmaatanii itti agarsiisee,kaanillee jiraachuu danda’u kan ani hin beekne yeroon jedhu akaakilee kee naan jette.

Afaan ani hin beekneen waan odeessaa jirtu natti fakkaate. Hanga yoonaa yeroon qorannoo kana hunda taasisu maaliif natti hin himneen jedheen.

Isheenis anaan na gaafattee hin beektu naan jette. Baayyeen dinqame. Sababiinsaa waa’ee seenaa waraana kanaa yoo yaadnu, waan dubartoonni odeessan, goola isaaniitti kan dubbatanii fi obboleewwaniifi haadhaaf intala gidduutti seenaan himamu akka seenaatti hin ilaallu.

Warreen dhiiraa qofa amanna. Karaa maatii koo seenaa warra dhiiraa nan beeka kana garuu takkaa dhagahee hin beeku. Erga kitaabni kun bahee boodallee maatii keessan keessaa dubartoota gaafadhaan jedha.

Sababiinsaa dubartoonni Afrikaa, dimshaashumatti warreen kibba addunyaatti argaman waraana bilisa baasaa irratti sirriitti hirmaataniiru.

Seenaa Dubartoota Naayjeeriyaa, kan Afrikaa Kibbaa qabsoo isaan taasisan eeruun ni danda’ama. Kuni seenaa haaraa miti. Haa tahu malee isaaniin hin leellisnu, waa’ee isaaniis hin odeessinu. Akka qaama seenaattis hin ilaalamui, kitaaba barnootaa keessatti illee seenaan isaanii hin jiru.

Seenaa addunyaa keessattis akkasuma hin jiran. Inumaa immoo seenaan akkaataa warrii Awurooppaa dhiyeessuu barbaadaniin himama. Haala sana cabsuun dubartootni gurraachi qaama seenaa addunyaa tahuu agarsiisuun barbaade.

BBC: Mee waa’ee dubartoota seenaa kana keessatti eeramanii nutti haasa’I dubartoonni kunneen jalqaba yeroo jalqabdu qaama seenaan isaan qaama kitaabichaa taha jettee yaaddee turtee?

Ma’aazaa: Lakki takkaa hin yaadane ture. Waa’ee gootota dubartootaa waanan beeku hin jiru ture.

Dubartoota irra warreen Xaaliyaanii haleellaa guddeeddii akka qaqqabsiisan ijaan dhagahuufi waa’eesaa barreessuu yaadeen ture. Kanaan ala seenaama waraanaa dhiirotaan barreessuufan karoora qaba ture.

Yeroo kanatti seenaa dinqisiisaa bara 1935tti gaazexaa Niiw Yoork Taayims irratti bahen arage.

Innis dubartiin tokko abbaan warrraashee wareegamnaan qawweesaa fuuteeti loltuu kuma lama inni hoogganaa turedura bu’aa waraanicha itti fufti.

Kana dubbisuun seenaa kitaaba koo akka haaraatti geeddare. Dubartiin kallattiin waraanaa akka turte nan hubadhe.

Dhiiroti akka ishee hordofan kan taasifte hoggansa waraana tokko keessatti barattee turte jechuu dha. Haala kanaan dubartoonni biroo jiru kan jedhuun, sammuu koos kitaabichis ni geeddarame.

BBC: Kitaabichi hangam isaatu seenaa dhugaa irratti hundaa’e?

Ma’aazaa: Guutummaan guutuutti seenaa dhugaa dha jechuun ni danda’ama.

Dubartii akka Hiruut qawwee abbaashe argachuuf falmaa turte hin beeku. Akkoon haadha koo kana gochuuf falmuu ishee hin beekun ture.

Seenaa kana haati koo kan natti himte yeroon kitaaba koo xumuruu jedhutti ture.

Dubartoonni kunneen maqaan isaanii Asteerii fi Hiruut tahuu baatus seenaa keessatii jiraachuu isaanii hubadheera.

Kitaabicha keessatti dubartiin nyaata bilcheesitu maqaa ishee himuu hin feetu haa tahu malee garbummaan gurguramtee illee kabajashee eeggatti ture, Dubartoota akkasii nan beeka.

Dubartoonni biyyoota Afrikaa garaagaraa akka dadhabdoota yoo ilaalaman nan dhagaha ani garuu dubartoota callisan malee kan dadhaboo tahan hin beeku.

BBC: Seenaa kana haala asoosamaan himuun siif hojii sii salphiseeraa?

Ma’aazaa: Ee gama tokkoon naa salphiseera. Waraana kanaaf hariiroo kallattii qabaachuu dhabus, seenaa kana keessatti dararaan warreen Xaaliyaanii qaqqabsiisan yoon yaadu waan ba’aan narratti fe’ame natti fakkaata.

Dabalataan waa’ee haleellaa saalaa yeroos turee barreesseera sirni gabroomfataa dhiiraaf loogu dubartootni gama kamiinuu yoo jiraatan dhiibbaa irraan gahu hubadheera.

Seenichi kan darbee fi kan ammaa waliin wal qabata. Qooddattoonni kitaabicha keessa jiran seenaa ijoollee dubaraa amma jiran waliin wal fakkaata seenaan isaanii. Lubbuun jiraachuuf falmatu qabsoon isaanis akkuma itti fufeetti jira. Maatii dhaa qabee hanga iddoo hojiitti dubartoonni ammallee sagalee isaanii yoo dhageessifatan argina. Kuni anaaf abdii naa kenna.

BBC: Kitaabicha erga barreesiteen booda deebii akkamii argachaa jirta?

Ma’aazaa: Baayyee namatti tola. Sadarkaa addunyaattis jaalatameera jedheen yaada. Haati tokko inumaayyuu yeroo ijoollummaa kootti na deebistee, yeroo warraaqsa barattootaa sana na yaadachiifte faa naan jedhaniiru.

BBC: Barreessaan dhiibbaa gaarii sirratti uume eenyu?

Ma’aazaa: Anaaf barreessituu Giriik tooko kitaabashee ‘Our sisterical Joy’ jedhu dha. Yeroon kitaaba kana dubbise, reefun kitaaba dubbisuu eegala ture. Ameerikaatti yoon baradhu seenaan nutti himan seenaa keenya hin qabu ture.

Kanaaf kitaaba sana yoon dubbisuu akka kan kootti natti dhagahama, dubartiin Afriikaa tokko seenaa Giriik akkamiin dubbisti jedhaniiru natti qoosu ture. Giriikii waliin hariiroo tokkoyyuu hin qaban jedhaniitu yaadu. Anaaf garuu kitaaba sana dubbisuun ifatti na baasee ture.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Lammii Itoophiyaa- Ameerikaa kitabnishee badhaasaaf filatame