Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hakiimoti Chaayinaa reeffa namaarraa kalee fi tiruu guuran hidhaman
Hakiimota dabalatee namoonni ja’a namoota balaan du’anirraa seeraan ala qaama guuruun hidhaa bu’aniiru jedhe miidiyaan biyya keessaa Chaayinaa.
Gareen kun maatii namoota du’anii qaama haala seera-qabeessa taheen arjoomaa akka jiranitti gowwomsuun kana raawwatu.
Bara 2017 hanag 2018tti namoota 11 irra kaleefi tiruu baasaniiru.
Chaayinaan hanqina qaama namaa guddaa kan qabdu yoo tahu hawaasni akka arjooman gochuu irrattis ni rakkatti.
Akka gabaasoti biyya keessaa agarsiisanitti hakiimoti sadarkaa olaanaarra jiranillee daddabarsa qaama namaa kanarrtti hirmaataniiru.
Namooti qaama namaa sassaaban kunneen namoota balaa konkolaataan du’aniifi dhukkuba sammuun dhiiguun warreen du’an irratti xiyyeefatu.
Kanas naannoo Huuwaayuun,hospitaala Anhuuwaayitti raawwatu.
Hogganaan kutaa namooti gara malee dhukkubsatan itti yaalaman Yaang Seezuun, maatiitti dhiyaachuun qaama nama jalaa du’e arjoomuuf fedhii qabu yoo tahe gaafata.
Maatiin immoo tole jechuun mallatteessu, booda garuu eeyyamni mallatteessaa turan kan sobaa tahuutu bira gahame.
Kana booda nama du’e kana hospitaalaa baasuun konkolaataa ambulaansii fakkeessan keessatti kaa’uun reeffa keessaa qaama baasu jechuu dha.
Achiin booda qaamni kun namoota dhuunfaa ykn hospitaala cancala daddabarsa qaamaa keesa jiruuf gurgurama jechuu dha.
Dhumarratti mucaan warra miidhamtoota keessaa tokko tahe waa shakkee jennaan dubbiin kun bira gahame.
Haati mucaa kanaa bara 2018tti duutee ji’oota meeqa booda,Shii Zhiyaangliin ragaalee maatiinsaa yeroo haatisaa duute mallatteessan irra deebi’ee yoo ilaalu, waan wal-dhahu arga-bakka duwwaa waraqaarra jiru dabalatee jechuu dha.
Kanaan galmeen tokkoyyuu qaamni haadhasaa qaama mootummaa naannoo ykn immoo Wiirtuu Arjooma Qaamaa Beejingiif akka kenname hin agarsiisu ture.
Miidiyaa Daahzhoongwaang jedhamutti dhimma kana akka hin dubbanneef qarshii guddaa sii kennina akka jedhame tures dubbate.
Yeroosi dha dubbiin wayii akka jiru kaniin hubadhe jedha Shii’n.
Battaluma sanas qondaalotatti beeksise.
Namoonni qaama namaa daddabarsan jahan kunneen baatii Adolessaa keessa ‘reeffa namaa akka malee gochuun’ irratti murame.
Dhimmi kun erga Shii’n miidiyaatti dubbatee booda ifatti bahe.
Waggoota dheeraaf Chaayinaan reeffa namoota du’aan adabamanirraa qaama guuruun fayyadamuun ni qeeqamti ture.
Haaluma kanaan bara 2015tti gochaan kun kan dhaabbate haatahu malee qondaaloti dhimma kana hordofuun rakkisaaa dha jedhanii turan.
Biyyattiin ammallee arjooma uummatarraa argamuun baankii qaamaatti waliitti qabaa jirti.
Yeroo dhihootiin asitti lakkoofsi namoota arjoomanii dabalaa dhufeera, akka addunyaatti birqabaan yoo ilaalamu Ispeenitu hunda caala, namoota miiliyoona tokko keessaa 49 ni arjoomu.
Bara 2015tti gabaan daddabarsa qaama namaa onlaayinaa guddachaa akka jiru gabaasee ture.