Dargaggoo viidiyoo saalqunnamtii dubartootaa gurguru waggaa 40 itti muran

Manni murtii Kooriyaa Kibbaa dargaggoo viidiyoo saalqunnamtii intarneeta gubbaa gurguruun beekamu hidhaa waggaa 40 itti mure.

Cho Ju - bin garee maqaa dubartootaa balleessuun viidiyoo saalqunnamtii akka qoodan dirqisiisee, ergasii viidiyoo itti ergan kaffaltiin intarneeta gubbaa gadhiisu hogganuun yakkamaa ta'e.

Yoo xiqqaate namoonni 10,000 garee icciitii Telegiraama kana kan fayyadaman yoo ta'u, viidiyoo inni gadhiisu arguuf kan dolaara 1,200 kaffalanillee jiru.

Namoonni 74, shamarran umriin hin geenye 16 dabalatee, balaa kanaaf saaxilamaniiru.

Choon seera daa'imman dararaa saal qunnamtiirraa eeguuf bahe cabsuuniifi galii argachuuf jecha viidiyoo mirga namaa sarbu gurguruufi garee yakkamaa gaggeessuun yakkamaa ta'e.

Gareen telegiraamii viidiyoon itti gurguramu garee dhoksaan akka ta'e ibsame.

Dhimmi kuni mufii guddaa Kooriyaa Kibbaa keessa uume.

Baatii Bitootessa darbe koreen poolisii hundaa'e waan kana dura hin baramne raawwate.

Erga namoonni miiliyoona shan ta'an iyyatanii booda, eenyummaa shakkamaa ifa taasisan. Kunis, dargaggoo waggaa 25 kolleejjiirraa eebbifame Choo ture.

''Kanneen anaan miidhamtaniif dhiifama nan gaafadha,'' jechuun baatii darbe yeroo buufata poolisii Seewul irraa fuudhamu dubbate.

''Jireenya seexanaa silaa hin dhaabbannetti baga boqonnaa kennitan,'' jedhe.

Akka poolisin jedhetti yoo xiqqaate shakkamtoonni 124 kan hidhaman yoo ta'u, kanneen garee dhoksaa telegiraamaa keessa dalaganiifi miidiyaa hawaasummaa biraarra dalagan 18 illee to'atamuu Rooyitars gabaaseera.

Himatamtoonni 15 biroo hidhaan waggaa 7 hanga 15 itti murameera.

Dhaabbileen mirga dubartootaarratti dalagan adeemsa murtii Choo hordofaa turan.

Sababni isaas Kooriyaa Kibbaatti yakkoonni gama intarneetaan dubartootarratti dhaqqaban, yeroo dheeraaf hammana akka badii guddaatti lakkaa'uu dhabun jira jetti gaazexeessituun BBC Laawuraa Biikar See'ul irraa.

Murtee kana dubartoonni biyyattii jalqabbii gaarii akka ta'etti hubatu.

Abbaan Alangee hidhaa umrii guutuun akka adabamu jedhanis abbaan seeraa hidhaa waggaa 40 irratti murani.