Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Shamarran Keeniyaa gowwoomfamuun gara gocha sagaagalummaatti oofamaa jiru jedhe poolisiin
Poolisiin Keeniyaa shamarran ol-adeemoo karaa interneetii gowwoomfamuun fudhataman bakkasaan itti dhokfamanii baraaruu hime.
Gareen karaa interneetii shamarraniif waadaa hedduu seenuun gowwoomsu kun waqtii weerara koronaavaayirasii kana akka carraatti fayyadamuun hojjetaa ture jedha poolisiin.
Gareen kun waadaa sobaatiin shamarran ol-adeemoo gara gocha sagaagilummaa fi safuudhaan ala ta'eetti oofaa jiraachuu kan himu poolisiin Keeniyaa, garee kana sakatta'anii seeraan to'achuuf hojjechaa jiraachuu hima.
Gochi kun raawwachaa jiraachuun kan barame erga poolisiin shamarran ol-adeemoo ugguraman sadi magaalaa Naayiroobii keessaa argee baraareeti.
Shamarran argaman sadeen wayita yaadasaanii poolisiif kennan miidiyaa hawaasummaarratti gareen wayii bashannanaaf yookiiin paartiif akka isaan affeeree ture himan.
Poolisiin maatiin ijoolleesaanii haalaan hordofuu fi sochiisaanii hordofuu akka qaban akeekkachiiseera.
Gareen qorannoo yakkaa garee yakka akkanaa raawwatan adamsee seeraan to'achuuf hojjechaa akka jiru hawaasa keenyaaf ibsuu barbaanna jechuun poolisiin biyyattii tiwiitara irratti barreesseera.
Ijoolleen shamarranii carraa hojii fi carraawwan biroo argattu jedhamuun gowwoomfamanii uggurmaa jiraachuun tibbana miidiyaa Keeniyaatiin gabaafamaa jira.
Jalqaba torbee darbee dubartiin tokko shamarree ol-adeemtuun durbiitti ooltuuf akka jalaa dhabamtee fi ugguramuu akka hin hafne tiwiitarii isheerratti ibsitee turte.
Dubartiin kun dhaamsa viidiyoodhaan dabarsiteen durbiin ishee ijoollee shamarranii umriinsaanii waggaa 16 ta'e waliin dhabamuu himte.
Shamarran kunneen namoota hojii moodelii hojjettu jedhaniin akka gowwoomfamanii ba'anis dubbatti
Poolisiin Naayiroobii akka jedhutti gareen yakka gowwoomsaa shamarran ol-adeemoo irratti raawwatu kun toora bilbilaa akka sadarkaa idi-addunyaatti galmaa'e fayyadamu.