Lola Tigraay Itoophiyaa keessaa: Waraanni magaalota Addigiraat, Aksumiifi Adwaa to'achuu mootummaan Itoophiyaa ibse

kaartaa Addigraat, Aksumiifi Adwaa agarsiisu

Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad waraanni mootummaa Federaalaa magaala Addigraatiin 'humnoota TPLF irraa bilisa baasee jedhan.Waraanni kaleessa galgala magaalawwan naannoo Addigraat erga to'atee booda, har'a immoo magaalatti guutummaan guutuutti bilisa baaseera jedhan.

Mootummaan Itoophiyaa waraanni federaalaa magaalawwan seena-qabeessa Tigraay keessaa Aksumiifi Adwaa to’achuu ibse.

Erga Kaaba biyyattiitti lolli jalqabee amma torbee sadii taheera.

Ibsi mootummaarraa bahe akka himutti, magaalota kanniin dabalataan waraanni naannawa magaalaa Addigraat to’ateera jedha.

''Raayyaan Inticoofi naannoo Addigraat to'achuun, gara magaalaa Addigraat qajeelaa jira,'' jedha ibsichi.

Haa tahu malee dhimma kana qaamni walabaa mirkaneesse hin jiru.

Naannoon Tigraay maloota qunnamtii gosa kamirraayyu ugguramtee waan jirtuuf, odeeffannoo kana walabaan qulqulleeffachuun daran ulfaataa dha.

Guyyootaan dura waraanni mootummaa gama baha naannichaan gara Maqaleetti qajeelaa akka ture, akkasumas gama lixaan ammoo gara Aksumitti imalaa turuu himeera.

Dhimma kanarratti mootummaan naannoo Tigraay haga ammaa wanti jedhe hinjiru.

Iddoo hambaa UNESCO Siidaalee Aksuum - suuraa bara 2014tti kaafame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Iddoo hambaa UNESCO Siidaalee Aksuum - suuraa bara 2014tti kaafame

Guyyoota muraasa dura wayita waraanni mootummaa magaalaa Shireefi magaalota Raayyaa to'achuun ibsetti, bulchaan naannichaa Dr Dabratsiyoon G/Mikaa'el ''Milkaa'inni isaanii kun kan yerooti, bakka deeman hundatti ni injifanna,'' jechuun dubbatanii turan.

Magaalaan seena-qabeessa taate Aksuum, siidaawwan bara dheeraa lakkoofsisaniifi qaroomina bara durii agarsiisan kan of keessaa qabdu yoo tahu, magaalaa Maqalee irraa km 214 fagaatti.

Magaalaan bakka dhalootaa ministira muummee duraanii Mallas Zenaawii Adawaan ammoo, magaalaa guddittii naannichaa irraa km 190 fagaattee argamti.

Barreeffama: Lola Tigraay irratti odeessaalee dabalataa jedhu
Sarara diimaa

Lolli Tigraay Itoophiyaa keessaa maali?

TPLF MM Abiy gara aangoottii otoo hin dhufiin dura, waggoota 27f waraanaafi siyaasa biyyattii to’achaa ture.

Haaromsi Abiy yeroo aangootti dhufe geggeesse TPLF moggaatti baase kan jedhan jiru.

Yeroo Naannoon Tigraay filannoo akka biyyaatti sababii koroonaavaayirasiin dhorkame didee, filannoo geggeesse dubbiin jalqabe.

Mootummaan federaalaa filannicha seeraan ala jechuun beekamtii dhorke.

Lolli kun gaafa Sadaasa 4, 2020 jalqabe. Mootummaan federaalaa, TPLF buufata Raayyaa Ittisa Biyyaa naannicha jiru haleeluun meeshaa waraanaa saamuu barbaade jechuun himata.

TPLF immoo himannaa kana ni waakkata.