Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daandii Maqalee Hanga Humaraa afaan imaltootaa irraa
Har’a ganama dargaggoonni Maqalee buufata awutoobisii hojjetan sarara Shiree-Humaraa, Aduwaa-Aksum,AbiyyeeAadii-Takkazzee, Adigiraat-Haawuzen fi magaalota kaan waamanii imaltoota fe’aa turan.
Dargaggoo Fatilaa Mulaw kaleessa ture Humaraadhaa ka’ee Maqalee kan gale.
‘’Humaraadhaa ka’ee karaa Shiraroo goreen Shireen gale. Daandiin nagaadha. Aduwaa fi Aksuma darbee karaa Abiyyee Aadii darbee hanan Maqalee gahutti karaan nagaadha.’’
Guyyoota darban ajajaan human ittisaa Itoophiyaa tokko humni ittisaa Itoophiyaa karaa Baa’iker gara Shiraarootti galaa akka turan himee ture.
Dargaggoo Fataale Mulaw imaltoota fe’aa Maqalee irraa gara magaala keessa jiraatuu Humaraatti har’a imaleera.
Konkolaachisaa Tsaggaayee Barihee kaleessa ture Aksum irraa ka’ee namoota fe’ee Maqalee kan gale.
Har’a ammoo imaltoota gara Aksum deeman fe’aa ture. Aksumii karaa Tanbeen goree ture kanan Maqalee dhufe. Karaan nagaadha. Gaariidha.’’ Jedhe.
Dabalataan kaleessa Shiree Endesillaasee irraa ka’uun Maqalee kan gale konkolaachisaa Kaasuu Atsibaa karaan nagaa tahuufi rakkoon isa mudate akka hin jirre himeera.
Waraana naannicha keessatti ka’een uummatni yaaddoo akka qabu himaniiru namootni BBC’n dubbise.
Sababa waraana banameen hanqina boba’aa uumameen tajaajila geejibaa irratti rakkoon guddaan uumamuus himaniiru.
Rakkoon kun yoo itti fufe gatiin geejibaa dabaluu akka danda’u imaltootnii fi konkolaachistootni dubbataniiru.
Kanaan dura gatiin beenzilaa litirri tokko Birrii 21 fi saantima 57 kan ture gabaa gurraacha ykn dhoksaan Birrii 200’n gurguramaa jira.Gatiin Naafxaa Litira tokkoo Birrii 13 ture ammoo Birrii 60 galeera.
Waraanni mootummaan federaalaa humna addaa poolisii naannoo Tigiraay waliin gaggeessaa jiru akka itti fufetti jira.
Dhaabbileen gurguddoon adunyaa qaamoleen lamaan gara mariitti dhufuun nageenyi naannichaa akka tasgabbaa'uuf waamicha taasisaa jiru.
Haa tahu malee opireeshiniin waraanaa mootummaan federaalaa naannoo Tigraay keessatti gaggeessaa jiru yeroo gabaabaa keessatti xumurama jedhan MM Abiy Ahimad.
Barreeffama gabaabaa Kibxata fuula tiwiitarii isaanii irratti barreessaniin amma dura tarkaanfiin fudhatamaa jiru akkatuma karoorfameen deemaa jiraachuu himaniiru.
"Battala gareen yakkamaan hidhannoo hiikkatee, naannicha keessatti bulchiinsi seera qabeessi deebi'ee, kanneen seera jalaa baqatan to'annoo jala oolanii seeratti dhiyaatanitti opireeshiniin kun ni dhaabbata" jedhan.
Kuni hundi ariitiin wanta raawwatamuu danda'u ta'aa jira jedhan.