Qulqulluun Sinodoosii Ortodoksiifi Manni Lubummaa Oromiyaa maalirratti waliigale?

Adeemsi araaraa Qulqulluu Sinodosii Mana Kiristaanaa Ortodoksii Itoophiyaafi qindeessitoota Mana Lubummaa Oromiyaa gidduu adeemsifamaa ture raawwatamuu jaarsoliin adeemsicha gaggeessaa turan ibsan.
Xumura bara 2011 eegalee hundeessitoonni Mana Lubummaa Oromiyaa sochii eegaluun isaanii bulchitoota Mana Kiristaanaa Ortodoksii waliin isaan buuseera.
Haa ta'uu malee, akkaataa waliigalteen raawwatamerratti yaadotni lama dhagahamaniiru.
Qindeessaan Mana Lubummaa Oromiyaa Luba Balaay Mokonniin waliigalteen 'kaayyoo koreen hundaa'ef kabajeera' yoo jedhan barreessaan korichaa Barsiisaa H/Mikaa'el Taaddasaa immoo murteen 'koree ni diiga' jechuun yaada isaanii BBC'tti himaniiru.
Ibsi bahe maal jedhe?
Manni Kiristaanaa guyyoota darban dhimmoota waqtawaa irratti mari'atte keessaa tokko dhimmi araara qaamolee lamaaniiti.
Rakkoo kana hiikuuf jaarsoliin ji'oota 'jaha' darbaniif socho'aa turan ibsa har'a baasaniin waliigalteerra gahamuu ibsaniiru.
Abbootiin adeemsa araaraa gaggeessaa turan guyyaa har'aa Onkololeessa 19, 2013 ibsa kennaniin rakkoo Manni Lubummaa kaaserratti rakkoon hin jiru furmaata irratti male jedheera.
Kana dura Qulqulluun Sinodosii hundeeffama mana Lubummaa balaaleeffachuun aangoon lubummaa qindeessitoota korichaa qabamee ture. Haa ta'u malee, koreen kuni walgahiin lubummaa qabuuf taa'ame 'seera mana amantaa hin guutu' jechuun mormaa ture.
Rakkoo qaamolee lamaanii hiikuuf jaarsoliin qindeessitoota Mana Lubummaa Oromiyaa, Sinodosii akkasumas kaan waliin mari'atu ibseera.
''Tajaajila Oromiyaatti laafe qaama cimaa Mana Lubummaa Waliigalaa jalatti hundaa'un tokkummaan hiikuun wayyoo akka qabu hundu itti amaneera,'' jechuun ibsi bahe ibsa.
Rakkoon Naannoo Oromiyaatti tajaajilarratti mudate qormaata Mana Kiristaanaa waliigalaa godhee akka fudhatu ibsa.
''Akkaataa Qulqulluun Sinodosii murteesseen tajaajilli Afaan Oromoon kennamu haala cimeen adeemsisuuf ijoolleen Mana Kiristaanaa hunduu tokko ta'anii akka ka'an adaraa jenna,'' jechuun waamicha taasiseera.
Wanti irratti waliigalame maali?
Walitti qabaan Koree Mana Lubummaa Oromiyaa Luba Balaay Mokonniin murtiin darbe kaayyoo koreen hundaa'ef hin dhiibu jechuun BBC'tti himan.
''Koreen qindeessitu kuni akkuma jiruutti ta'e … Sinodoosiin namoota muraasa nutti dabalee qoratamee akka dhihaatu,'' jechuun Qulqulluun Sinodosii kana mirkaneesse jedhan.
Murteen kunis Koree Mana Lubummaa cimsaa jedhu Lubni Balaay.
''Koreen keenya akkuma jirutti jira. Inumaa akka durii kadhaadhaan osoo hin taane kadhatamne, ulfinaafi kabajaa addaan humna addaatin,'' as baane jechuun himan.
''Fakkeenyaaf Koreen Mana Lubummaatiifi Phaaphaasonni godinaalee jiran wajjiin taa'ani karoora baasanii jedha. Bulchiinsa nutu gaggeessa jechaadha,'' jechuun BBC'tti himan.
Dabalataan, aangoon lubummaa koree Mana Lubummaa Qulqulluu Sinodosiin qabamee ture akka ka'u murtaa'u Lubi Balaay BBC'tti himaniiru.
''Ijoollee keenyarratti aangoo isaanii qabuun sirrii miti. Kaasne jedhan. … Seera bataskaanitti qofa haa eegani,'' jedhan jechuun dubbatan.
Haa ta'u malee, durumaa koreen kuni akkaataan lubummaan qindeessitoota koree Mana Lubummaa qabame jedhame yeroo murtaa'u sagalee wayyabaan miti jechuun mormaa ture.
''Bataskaana biraa hundessuufi, paatiriyaarkii shoommachuufi, Sinodoosii biraa uumuufi nuun jedhan. Waggaa tokkicha hunda nu ilaalani. Hin goone nuti,'' jechuun adeemsa korichaan Sinoodosiin waliigaluu ibsan.
Koreen A.L.I xumura bara 2011'tti hundaa'e Manni Kiristaanaa 'afaan ummataa, aadaa ummataa kabajjee haa jiraattu. Namoonni naannoo sanatti dhalatan haa tajaajilani,' kaayyoo jedhun sochii eegale.
Kaayyoo isaarraa osoo hin maqin yaada koree kanarratti waliigalame jechuun Lubi Balaay BBC'tti himaniiru.
Komii barreessaa MLO
Barreessaan Koree Mana Lubummaa Oromiyaa Barsiisaa H/Mikaa'el Taaddasaa piroppozaalii irratti waliigalame jedhan waabeffachuun wanta murtaa'e qeequ.
Akka isaan jedhanitti piropoozaaliin waliigaltee qaamota lamaa jalqaba Sinodoosii dhaabbiin, achii Sinodoosii waligalaatti dhihaate mirkanaa'eera.
Ta'us, adeemsarratti rakkootu ture jechuun qeequ. Fakkeenyaaf, yeroo piropoozaalarratti murtaa'u 'sagaleen lakkaa'ame murtiin hin laatamne, harka rukutame malee,' jedhan.

Madda suuraa, Feesbuukii Barsiisaa Haayilemikaa'el Taaddasaa
Akka yaada isaanitti, 'bal'inaan irratti mari'atame murtaa'u qaba'. Waliigalaan, qabiyyee piropozaala waliigaltee kanaa yoo dubbatanis 'Qabiyyeen isaa gaaffii Mana Lubummaa Oromiyaa kan deebisu miti'' jedhu.
Yaada isaanii yoo ibsanif piroppozaala waliigalame irratti 'Luboota Mana Lubummaa Oromiyaa jala jiran caasaan Mana Lubummaa Waliigalaa keessatti ramaddiin hoji haa kennamuufi jedha,' jechuun ibsu.
'Nuyi waa'ee ramaddii hojii hin gaafanne,' kan jedhan Diyaaqon H/Mikaa'el kuni 'koree hoggantoota dhabsiisu jechuudha,' jechuun ibsu.
Waan nu hin gaafanneetu deebifame kan jedhan namni kuni ammaan achi 'koreen chaappaa isaa itti hin fayyadamu' jechuun waliigalteerra ibsameera jedhu.
Dabalataan, miidiyaan OCN banameefi harka koree jala jiru 'afaan mana kiristaanaa ta'e itti fufa' jedha jechuun si'achi koreen miidiyicha hin ajaju jechuudha jechuun yaada isaanii ibsu.
'Manni Lubummaa Oromiyaa hooggansa hin qabu, chaappaa hin qabu, qabeenya hin qabu jechuudha,' jechuun Barsiisaa H/Mikaa'el Taaddasaa himu.
Dabalataan, adeemsi murtee kanaa 'kallattiin ala' koree kana ni diiga jechuun himu. ''Mana Lubummaa Oromiyaa kallattiidhaan haa diignu hin jedhu Afaan baasee hin dubbatu.''
''Mana Lubummaa Oromiyaa hoggantoota dhabsiisuudhaan qabeenyaa isaa mana lubummaa waligalaatif kennuudhaan chaappaa isaa mana lubummaa waligalaatif kennuudhaan TV isaa akka hin ajajne gochuudhaan Mana Lubummaa Oromiyaa guutummaan guututti diiga.''
Rakkoon kuni fuula duratti rakkoo biraallee uumuu danda'a jechuun 'dhamaatii koree kan gatii dhabsiisedha,' jechuun yaada isaanii ibsu.















