Luba Pheexiroos Tasfaayee: Ajjeechaa Luba Pheexiroos Tesfaayee irratti qorannoon eegalamuuu qajeelchi Poolisii magaalaa Sabbataa beeksiise

Luba Pheexiroos Tasfaayee

Madda suuraa, Waldaa duuka bu'ootaa/Facebook

Ajjeechaa Luba Pheexiroos Tesfaayee irratti raawwatame garee qorannoo hundeessuun qorachaa akka jiru, qajeelchi Poolisii magaalaa Sabbataa BBCtti hime.

Mana amantaa Ortodoksii Gabri'eelii Sabbataatti Lubaa fi barsiisaa amantii kan turan Luba Pheexiroos Tesfaayee, Sanbata Xiqqaa darbe barii osoo gara mana amantichaa deemanii ture reebicha irra gaheen lubbuun isaanii kan darbe.

Namni amantaa kuni magaalichatti tajaajila lallabaa fi barumsa amantii Afaan Oromootiin kennaniin beekamtii qabu.

Ajjeechaa isaanirra gahe irratti kan dubbifne haati warraa isaanii aadde Bizunesh Tasfaayee, Lubni Pheexiroos tajajilaaf akka bahanitti ajjeefamani jedhu.

"Barii sa'aatii 11tti ture 'Qiddaasee'dhaaf kan gara mana amantaa Gabri'eelii Sabbataa deeman. Naannoo sa'aatii 12 yoo ta'u bilbilanii nawaaman.

Yeroon ani gahu buufata fayyaa jiru. Qaamni isaanii dhiigaafuu hin mul'atu ture. Hafuurumatu keessa jira. Ergasii yaala adda addaa godhaniifis naannoo sa'aatii 10 lubbuun isaanii darbe," jedhan.

Lubni kun ammaan duras mana amantaa keessatti tajaajila lallabaa fi barsiisa amantaa Afaan Oromootiin maalif kennita jedhamee, doorsisni irra gahaa turuus himan haati warraa isaanii.

"Afaan Oromootin maalif barsiista jedhanii doorsisu. Guyyaa tokkos akkuma lallaba raawwateen nama lama ta'anii dhoksaatti qabanii reebuuf yaalanii ture," jedhu.

Luba Pheexiroos Tasfaayee

Madda suuraa, Waldaa Duuka Bu'ootaa/Facebook

Rakkoo isaan muudatu kana waliin mari'atanii akka turanii fi lubbuu isaaniirratti yaaddoo waan uumeef, xalayaa barreessanii yaaddoo isaanii kana qaama nageenyaa magaalaa Sabbataatiif galchanii akka turanis himu aadde Bizunesh."Xalayaa barreessee qaama nageenya magaalaa Sabbataatiif galchee ture amma dura. Xalayichas wajjumaan mari'annee barreessine.

Sababan wangeela Afaan Oromootin barsiisuuf jecha doorsisni narra gahaa jira. Lubbuu kiyyaaf nan sodaadha," jedhee barreesse jedhan.

Yaaddoo qaban irraa kan ka'es 'yoo lubbuun kiyya darbe dhiigni kiyya akka naaf barbaadamuu' jedhanii maqaa namoota isaan doorsisaa jiranii faana barreessuu isaaniis eeran.

Dhimma kanarratti kan gaafanne qajeelcha Poolisii magaalaa Sabbataatti abbaan adeemsa hojii qorannoo Yakkaa Komaander Taaddasaa Fufaa, akkuma ajjeechan kuni raawwatamuu dhageenyeen hojii qorannoo eegalle jedhan.

"Garee qorannoo dhimma kana qulqulleessu hundeessinee qorachaa jirra. Dhimmoota dabalataa as keessatti qorachaa jirru iccitii qorannootiif jecha ibsuuf nan rakkadha," jedhan.

Dhimma xalayaa Lubni Pheexiroos Qaama nageenyaatiif barreesanii galchanii turan jedhamerrattis 'dhimmoota qorannoo kanaan walqabatan akkuma qorannoo xumurreen ibsuu filanna' jechuun odeeffannoo bal'aa kennuurraa of qusataniiru.Lubni Pheexiroos Tesfaayee Magaalaa Sabbataatti lubbuun isaanii darbe, reeffi isaanii iddoo dhaloota isaanii aanaa Boojjii Coqorsaa magaalaa Fiigaatti raawwatameera.