Holaand 'kafaltii gibiraa seeraan alaan' hogganaa waajjira qontsilaa Eertiraa uggurte

Alaabaa Hoolaandi

Madda suuraa, Getty Images

Ministeerri Dhimma Alaa Hoolaand Heegitti kan argamu hogganaa Waajjira Qontsilaa Eertiraa uggure.

Uggurri kun kan darbe Qontsilichi karaa seeran ala taheen lammiilee Eertiraa biyya alaa jiraatan irraa mallaqa walitti qabaa ture himanni jedhu erga irratti dhiyaatee tahuu miidiyaaleen Hoolaandi gabaasaniiru.

Imbaasichi ''doorsisaa fi dirqamsiisuun dhalattoota Eertiraa biyya alaa jiraatan gibira kaffalchiisaa ture'' jechuun gochaa isaa kana irraas akka deebi'u irra dedeebiin itti himamaa akka ture mootummaan Hoolaand ibsa baaseen ibseera.

Sababa kanaan ''tarkaanfii hin baratamne fudhachuuf akka dirqame'' ministeerichaa beeksiseera.

Dabalataan ministirri dhimma alaa Hoolaand Istiif Bilook ambaasaddara Eertiraa Biraasilsitti argamu waamanii kaffaltiin akka dhaabbatu akka akeekkachiisanii ture miidiyaan Hoolaand NOS jedhamu gabaaseera.

Waggaa lama duras Qontsilaan Eertiraa lammiileen Eertiraa biyya alaa jiraatan galii isaanii irraa %2 ''gibira diyaasporaa'' akka kaffalan gochuun isaa seera qabeessa miti jechuun akka bahu dirqisifamee ture.

Haa tahu malee tajaajila Imbaasii warri barbaadan kaffaltii kana kaffaluuf dirqisiifamuu dubbatu.

Kaffaltichi kan murtaa'e biyyattiin bara 1991 Itoophiyaa irraa cituun akka biyyaatti erga of dandeesseeti.

Ministeerri Odeeffannoo Eertiraa ''kun biyyattii yakkuudha'' jechuun kan kuffiise yoo tahu mootummaan Hoolaand hojjettoota Qontsilaa irra miidhaa geesisaa jira jechuun komateera.

Kan jedhames kaffaltii seeraan ala tahe miti jedhe.

Ministirri Odeeffannoo Eertiraa Yemaanee Gabiremasqal dhorkaa darbe ilaalchisee ''amala fudhatama hin qabnedha, fedha garee dhiphoo tahanii muraasa guutuuf kan wixineeffamedha'' jedhan.

Guyyoota itti aanaan keessattis ambaasadara Hoolaand teessoon isaanii Sudaan tahee fi dabalataan Eertiraattis hojjetan waamuun gochaa irra deddeebii fi fudhatama hin qabne kanaan gadduu isaanii ibsuufif qophii tahuu himaniiru.

Itti aansuunis tarkaanfii sirrii fi madaalawaa tahe Eertiraan akka fudhattu ministirichi cimsanii hubachiisaniiru.

Eertiraan tarkaanfii akkamii fudhatti kan jedhu ibsuu baatanis Hoolaand Asmaraatii Imbaasii hin qabdu.

Mootumman Eertiraa dhalattootni Eertiraa biyya alaa jiraatan ittisa Koroonaavaayirasiif kan oolu deeggarsa akka taasisaniif jajjabeessaa ture

Namoonni tokko tokko mootummaan fandicha haala akkamiin akka bulchaa jiru iftoomina hin qabu jechuun qeequ.