Baqattoota Ertiraa Itoophiyaatti baqatanii 'dahoo dhaban'

Madda suuraa, IOM
Baqattoonni lammiilee Ertiraa guyya guyyaan gara Itoophiyaa seenaa jiran ''loltootaafi hojjettoota mootummaa'' warri hin taane gara kaampii baqattootaatti hin seentan jedhamne jechuun komii isaanii dhageessisaa jiru.
Mootummaan Itoophiyaa ifatti dubbatuu baatus, labsii haaraa waa'ee baqattootaa bahee hordofee adeemsi haaraa akka hordofame, gareen mirga namoomaa HRW kana dura ibseera.
Daangaa Ertiraa ce'uun gara Itoophiyaa seenuu isaanii kan himan baqattoonnii hedduu, yeroo ammaa bakkeewwan adda addaa Naannoo Tigraay argamanitti dahatanii akka jiran himu.
Keessumaa Addi Giraat, Zaalaambassaa, Shiraaroo, Aaddi Nabri, Raamaa fi Garhusirnaay magaalota jedhamanitti manneen barnootaa keessa dahatanii akka jiran dubbbatu.
Akka adeemsa waggaa tokko dura tureen taanaan baqattoonni Ertiraa gara biyyaa seenan, daangaa bira baqattoota simachuuf bakka qophaa'etti simatamu ture.
Baatii Amajjii eegalee bakkeewwan turtii yeroo kan cufaman yoo ta'u, hojjettoonni Eejansii Godaansarraa deebi'ani bakka lammiileen Ertiraa jiran deemanii galmee gaggeessaa jiru.
Lammiilee Ertiraa Yunivarsiitii Addigraatitti yeroof bakka adda of baasan (kuwaaraantinii) turanii yeroo ammaa kollejjii teeknikaafi ogummaatti dahatanii kan jiran BBC'tti dubbataniiru.
Nageenya isheef jecha maqaan ishee akka dhokatu kan gaafatte shamarreen umrii 22 ''magaalaa Asmaraa keessa namni umrii 18 guutuu hunduu tajaajila biyyaalessaaf bakka Saawwaa jedhamutti ergama. Animmoo waan itti hin amanneef baqadhee dhufeera,'' jetti.
Hojjettoonni gara kaampii lammiilee Ertiraa dhufan loltoota qofaa filatanii fudhataa jiru jetti.
''Dhaabbanni dhimma baqattoota idil-addunyaa ilaallatu, baqattoota hunda akka ija qixxeen ilaalu kan nuti beeknu.
As dhufnee garuu loogii akka qabu ilaalaa jirra. Loltoota filatanii yoo fudhatan argaa jirra. Nutis loltummaa baqanneeti kan dhufne,'' jechuun himti.
Hanga yoonaa ummanni Addigraat nyaata isaaniif dhiheessaa turuu himuun, guyyoota lamaan dura eegalee garuu kuni adda cituu himti.
Yeroo ammaa immoo kollejjiin itti qubatan barnoota eegaluuf qophii gochaa waan jiraniif, lafa dhaqnu nu yaaddessa jechuun dhiphachuu himti.
Dubartiin biraa maqaa naa dhoksaa jetteefi magaalaa San'aafa irraa dhufuu himtu immoo, barattuu kutaa 11ffaa ta'uu dubbatti.
Shamarreen umrii 19 kuni baqataan bakka qubatu barbaadu, maaliif mirgi isaa hin kabajamuuf jechuun gaafatti.
Ertiraa dhuftee ji'a tokkoofi torban lama kuwaaraantinii keessa turuu isheen gadduus himti. ''Maaliif gara kaampii baqattootaa nu hin galchitan yoo jennu, namni deebii nuu kennu hin arganne,'' jetti.
Giddugala Leenjii Teknikaafi Ogummaa Addigraat keessatti lammiilee Ertiraa 130 turan keessaa 30 kan tahan gara kaampii baqattootaa geeffamuu isaanii himti.
Itoophiyaatti Naannoo Tigraay keessa afur akkasumas Naannoo Afaar eessa kaampii baqattootaa argamu tokko keessatti lammiileen Ertiraa kumaan lakkaa'aman jiru.
Waggaa dura gara kaampii baqattootaa seenuuf dhorkaan ka'ame hin turre.
Jalqaba 2020 irraa eegale garuu labsii haaraa baheen akka durii kampii baqattootaattii galaa hin jiran.
Yeroo ammaa maddeen akka ibsanitti magaalota Naannoo Tigraay gara garaa irraa lammiileen Ertiraa dhibbaan lakkaa'aman kaampii seenuuf eegaa jiru.
Komii baqattoota kanaaf deebii kan gaafanne hojjetaan Eejansiin dhimma baqattootaafi kan baqa irraa deebi'anii 'ARRA' maqaan isaanii akka hin dhahamne barbaadan tokko adeemsi kana dura ture fooyya'uu himu.
Labsii haaraa baheen kanneen ulaagaa guutan qofaa malee waanuma lammii Ertiraa ta'an qofaaf hin simannu jedhan.
Keessumaa baqattoonni Ertiraa xiyyaaraan karaa Finfinnee seenan kaampii seenuu hin danda'an jedhan.
Dhimma seera jijjiirame jedhame kanarratti mootummaan Itoophiyaa ifatti waan dubbate hin qabu. Haa ta'u malee, gareen mirga namoomaaf falmu Humaan Raayitis Waach kana qeequun kana dura ibsa baaseera.
Jijjiiramni seera kooluu-galuu mootummaa Itoophiyaan taasifame, daa'imman Eertiraa kophaa baqataniif eegumsa kan hin kennineefi rakkoof kan saaxiludha jechuun ibse.














