Haleellaa Jarman: Lammiin Eertiraa tokko sabummaasaatiin qoodamee haleelame

Madda suuraa, Reuters
Lammiin Eertiraa Jarmanii keessatti garaa isaarra rasaasaan rukutame sabummaasaatiin qoodamee irrati xiyyeefatameeti jedha Poolisiin.
Abbaan Alangaa Magaalaa Firaankifarti Aleksaandar Badle namni rasaasa dhukaasee lammii Eertiraa ajjeese kun ta'e jedhee sababa sabummaa isaatiin ajjeesuu isaa ibseera.
Namni umurii waggaa 55 kan poolisiin haleellaa qaqqabsiiseera jedhe kun ofii isaatiifis du'ee konkolaataa isaa keessatti argame.
Poolisiin namni kun akka of ajjeese beeksiseera, meeshaa waraanaas mana isaatii arguu ibseera.
Tibba darbe wayita qondaalli mootummaa tokko baqattoota biyya Jarmaniitti koolugalaniif dubbate ajjeefamerraa eegalee lammiilee Jarmanii yaaddoo keessa galaniiru.
Dameen tajaajila tikaa Jarmanii taateewwan shororkeessummaan walqabatan akkanaaf deebii hatattamaa kennuu dhabuusaatiin komatamaa jira.









