Tartiiba magaalota addunyaa jireenyaaf mijatan

Madda suuraa, Getty Images
Magaalaan Ostriyaa Veenaa, magaalaa Awustraaliyaa Meelboorn dursuun jireenyaaf mijachuun maqaa kan dhahamte.
Qorannoo idil-addunyaa 'Economist Intelligence Unit' baaseen biyyi Awurooppaa yeroo jalqabaaf jireenyaaf mijachuun filatamte jedheera.
Qorannoo kanaan biyyooti addunyaa 140 haala siyaasaa, hawaasaa, yakkaa, barnootaafi qaqqabiinsa yaalii fayyaa irratti hundaa'uun sadarkaan kennameeraafi.
Magaalaan Landan Maanchistar sadarkaa dur jirturraa foyya'insa agarsiisuun 35ffaa taateetti.
Qorannoo kuni erga biyyattii keessatti ajjeechaa shororkeessummaa namoota 22 galaafate booda sadarkaa biyyattii gadi buusuun komatamee ture.
''Gulaalaan qorannoo kanaa Roogzaanaa Slaavcheevaa biyyooti dhiha Awurooppaa gama tasgabbiifi nageenyaan fooyya'insa agarsiisaniiru, sadarkaan Veenaan argattes kanuma agarsiisa jedhaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Haala kanaan magaaloti Awurooppaaa walakkaa tahan gama jireenyaaf mijachuutiin waggaa darberra fooyya'insa agarsiisaniiru.
Magaalaan Meelboorn barana jireenyaaf mijachuun lammaffaa taate waggooti torbaaf sadarkaa tokkooffaan dursaa turte.
Magaaloti Awustiraaliyaa Siidniifi Adelaadii sadarkaa tokkoo hanga kudhanii keessa galaniiru.
Magaalaan Siiriyaa waraanaan miidhamte Damaasqas tarreee dhumaa yoo argattu, magaalaleen Bangilaadeshifi Naayijeeriyaa, Dhaakaafi Leegoos wal duraa duubaan sadarkaa dhumaarra jiru.
Qorannichi magaaloti jireenyaaf akka hin mijanne kan shoora guddaa qabu yakka, tasgabbii dhabuufi shororkeessummaa dha jedheera.

Madda suuraa, Getty Images
Magaalota keessa jiraachuun haalan mijatu kan bara 2018
1. Veenaa, Oostiriyaa
2. Melboorn, Awustraaliyaa
3. Osaakaa, Jappaan
4. Kaalgarii, Kanaadaa
5. Siidnii, Awustraaliyaa
6. Vaankovar, Kanaadaa
7. Tokiyo, Jappaan
8. Toroontoo, Kanaadaa
9. Kopanhagen, Deenmaark
10. Adaleed, Awustraaliyaa
Magaalota keessa jiraachuun haalan rakkisu kan bara 2018
1. Damaaskas, Siiriyaa
2. Dhakaa, Bangiladeesh
3. Leegoos, Naayijeeriyaa
4. Karaachii, Paakistaan
5. Poort Mooresbii, Paappuwaa Niiw Giinii
6. Haraaree, Zimbaabuwe
7. Tripoli, Libiyaa
8. Duwaala, Kaameroon
9. Aljeers, Aljeeriyaa
10. Dakaar, Senegaal













