Pirezedaant Isaayyaasiifi kaan RSF himata irratti bane akkamiin mana murtiitti dhiyeessuun danda'ama?

Madda suuraa, BJÖRN TUNBÄCK
Dhaabbatni Gaazexessitootaa Daangaa Maleeyyii, 'Reporters Without Borders (RSF), damee Siwiidiin Pireezidantii Eertiraa Isaayyaas Afawarqiifi aanga'oota biyyattii biroo torba irratti himata yakka namoomaa dhiyeesseera.
Dhaabbatichi himata kana kan dhiyeesse Abbaa alangaa biyya Siwiidiin jirutti yoo ta'u, mootummaan Eertiraa gaazexessaa lammii Eertiraafi Siwiidiin ta'e Daawwit Isaaq bara 2001 irraa hanga ammaatti dhoksaatti hidhuusaatiin.
Ogeessota seeraa himanni kun akka banamu taasisaa jiran keessaa tokko kan ta'an lammiin Eertiraa Dr Daani'eel Razzana Mekonnin. Dr Daani'eel daarikteera waldaa ogeessota seeraa Eertiraa tahuun tajaajilaa jiru.
Ogeessi seeraa Dr Daani'eel akka jedhanitti, bara 2016 keessa pirezidaanti Isaayyaasiifi namoota biroo irrati galmeen banamee akka himatamaniif adeemsa irra ture.
Haata'u malee, yeroo sana ministerri dhimma alaa Siwiidin karaa dippilomaasii furuuf jecha yaalaa waan turaniif himanni abbaan alangaa akka banuuf qophaa'amaa ture akka turu taasifame jedhu Dr. Daani'eel.
''Karaa dipiilomasiis waggoota afur keessatti bu'aan argames hin jiru. Daawitiifi miiltoonsaa waggoota 19 guutuu murtii tokko malee waan dararamaniif haa gahu jedhameeti himatichi akka banamu kan jalqabame.''
Daawit akka xiyeeffannoo argatu kan taasise dhaabbilee mirga namoomaaf falman Siwiidin jiraniifi dhaabbata RSF Siwidiin jiru deeggarsa gochuuni jedhan.
Dr Daani'eel akka jedhanitti abbaan alangaa walii galaa dhimma kana qorachuun mana murtiitti himata bana.
Sana booda akka isaan mana murtiitti dhiyaataniif waraqaan waamichaa ni baha.
''Haatahuu malee, namootni kunneen waamamanii mana murtiitti dhiyaatu jennee waan hin yaadneef bakka argamanitti qabamanii hidhamuun akka dhiyaatan kan jedhu ajajatu baha. Isaan keessaa gara Awurooppaa namootni dhufan jiru. Kanaaf karaa 'Interpol' akka qabamanii dhiyaatan taasifama.''
Abbaan Alangaa himata kana qoratee mana murtiitti himaticha yoo banu kun tarkaanfii jalqaba fudhatamudha.
Dr Daani'eel himatni pirezidaanti Isaayaasiifi kaan himannaa irrati dhiyaachuuf jedhu ilaalchisee namootni kunneen dhiyaatanii adeemsa seeraan murtee argatu kan jedhu qofa osoo hin taane ''namni kamiyyuu seera jalaa miliquu akka hin dandeenye ergaa guddaa qaba'' jedhan.
Daawit Yisaaq amma maal irra akka jiru waanti beekamu hin jiru kan jedhan Dr Daan'eel karaa waldaa barreessitoota Eertiraa gabaasa yeroo tokko baaheen lubbuun akka jiru ibsanii ture.
Odeeffannoon Eertiraatii bahu waa'ee hidhamtoota kaaniiyyuu amanuuf baay'ee rakkisaadha jedhan Dr Daani'eel.
Daawiit Isaaq eenyu?
Daawwit Isaaq ogummaa isaatiin gaazexessaa yoo ta'u kan dhalate Eertiraatti ta'uu isaatiin lammuummaa biyya sanii qaba.
Baqatee erga biyyaa bahee ammoo biyya Siwiidinitti lammuummaa argateera.
Daawwit bara 2001 wagga 19 dura biyya isaa bilisummaa argattetti deebi'uun gaazexaa rifoormii leellisu Seetiitu jedhamu maxxansuu eegale ture.
Fulbaana bara 2001'tti duula mootummaan sabaa himaalee ofiin dhaabbatan irratti baneen Daawwit butamee achi buuteen isaa dhabame.
Waggoota 19'n darbaniifis maatii isaas ta'u abukaatoo isaa arguuf hin hayyamamneef.
Bakka buutoota UN fi Siwiidin irraa is arguuf dhiyaatees fudhatama hin arganne.
Yeroo dhumaatiif Daawwit lubbuun akka jiru kan beekame bara 2005'tti. Gaazexessaa Daawwiit naannoo gammoojjii kaaba galaanaa diimaatti hidhamee jira jedhamee akka abdatamuus dhaabbatni kun ibseera.
Himatni dhaabbatni RSF' dhiyeesse kun hoogganoonni haqaa Siwiidiin namoota hidhaa fi dararaa gaazexessaa Daawwit keessaa harka qaban Siwiidi yoo dhufan akka qabaman yoo barbaachisaa ta'e ammoo ajajni idila addunyaa bakka jiranii akka qabaman ajaju akka bahu dhiibbaa gochuufi.
Dhaabbanni Reporters without Borders gabaasa waggaa '2020 World Press Freedom Index' walabummaa pireesii kan 2020'n biyyoota addunyaa sakatta'e 180 keessaa Eertiraa 178'ffaarra kaaheera.















