Aadaa Oromoo yeroo namni du'u itti hinboo'amne beektuu?

Madda suuraa, Getty Images
Naannoo isin jiraattanitti yoo bakakkaan bu’ee nama ajjeese ykn beellada miidhe maaltu jedhama, namoonni ollaa fi firri maal jedhanii warra sana jajjabeessu?
Waqtii gannaa yeroo bokkaan yandoo roobu qaqawwee fi bakakkaan darbee darbee ni mudata.
Bakakkaan ammoo manarratti yookan mukaratti bu’ee lubbuu yoo galaafatus ni dhagahama.
Hawaasa keessatti ilaalchaafi ibsa bakakkaaf kennan baruuf, godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa iyyaafanneerra.
'Nama du’eef ni ililchu'
Godina Wallagga Bahaa aanaa Giddaa Ayyaanaa kan jiraatan Luba Barsiisaa Kabbadaa Goobanaa, jalqabumarraa yoo bakkakkaan bu’ee balaa geessise ni ajjeese hin jedhamu jedhu.
“Bakakkaan kuni yeroo namarras ta'e beelladarra balaa geessisu bakakkaan balaa geessise hin jedhamu, nagaa gaafate, ni bareeche, itti gammade jedhama.
"Yeroo ollaan birmatee dhufee waan ta’e kana argummoo ‘baga, isaafuu xinnaadha’ jedhanii kabaju,” jedhan.
Namni balaa bakakkaa saniin miidhame suni lubbuun yoo ooles ykn yoo du’eeras ta’e, bakkuma sanatti aannan irratti naqama jedhu Barsiisaa Kabbadaan.
“Bakka sanatti aannan erga irratti naqaniin booda, bakkicha qabdoo dhaabbatu. Akkuma bokkaan caameen ‘siifoo baga, siifoo xinnaadha’ jedhanii ililleedhaan simatu.
"Yoo akkas godhan namni bakakkaan itti gammade sun lubbuun itti deebiti jedhamee waan amanamuufi,” jedhan.
Nama du’e sanaaf ni boo’u osoo hin taane ni ililchu. Firrii fi maatiis yoo ta’e garumatti boo’u malee, mul’isanii hin boo'ani. Yoo boo’an itti dabala jedhamees amanama.
Warri bakakkaan itti gammade kuni balaa irra gahe safeeffachuuf jecha sirni godhatanis ni jira.
“Maatiin warra bakakkaan nagaa gaafate kun hidda mataatti maratanii, muka ulumaa'ii qabatanii, gabaa keessa naanna’anii midhaan irraa hammaarratu.
"Ergasii bakka bakakkaan itti nama rukute kanatti sunsuma shan dhaabanii marqaa gosa midhaanii hundarraa kana qopheessanii nama hundumaa nyaachisanii Waaqa araarfatu,” jedhan.
Yeroo gabaa keessa deemanii midhaan hammaarratan kana warri midhaan gurguran mallattoo isaan qabaniin maalif akka ta’e waan beekaniif namuu maaf midhaan keenya hammaarta hin jedhuuni.
'Safuu wayii cabsaniiti...'
Magaalaa Garba Gurraachaa irraa kan dubbifne Obbo Amdee Abarraas naannoo isaanittis bakkakkaan yeroo balaa geessisu hin komatamu, dheekkamsa waaqaati jedhamee fudhatama jedhan.
“Yoo bakakkaan nama miidhe ‘isaa baga baga’ jedhan. Safuu qaba ni sodaatama. Yoo komatan akka waan namatti deebi’uutti ilaalama.
"Waaqatu gadhiise jedhamee wana amanamuuf safuu qaba. Afaanumattuu yeroo dubbatan safeeffachaa sodaachaa dubbatu,” jedhan.
Kanaan alattis naannoo isaaniitti maatiin balaan bakakkaa irra gahe suni daabaan (cubbuun) raawwatan yoo jiraate nilaallatu jedhan.
“Maatii sana keessaa yoo namni lubbuu namaallee balleessee kan dhokse jiraate, kan qabeenya namaallee balleessee dhokse yoo jiraate of ilaalaa jedhamu.
"Safuu wayii cabsaniiti kuni kan itti dhufe. Waaqni seermalee nama hin adabu jedhamee waan amanamuufi,” jedhan.
Godina Baalee aanaa Raayituutti Dilbata darbe bakakkaan muka jalatti bu’ee re’oota 25 kan jalaa ajjeese obbo Abdoo Aboo, bakakkaatti hin gaddamu jedhan.
“Kanin ani qabu re’ootuma kana. 25 bakkuma tokkotti fixe. Amma ilmoolee manatti hafanii turan malee homaa hin qabu.
Garuummoo bakakkaan gocha Waaqaati. Itti hin gaddamu hin aaramu. Waan godheef isumatu beeka jedheen dhiise,” jedhan.
Saayinsiin waa’ee bakakkaa maal jedha?
Ejensii Meetiroolojii biyyoolessaa Itoophiyaatti daayirektara raaga haala qilleensaa kan tahan Aadde Caalii Dabalee, hawaasa keessatti ilaalcha bakakkaan dheekkamsa waaqaati jedhamee fudhatamu kana saayinsiin hin deeggaru jedhu.
“Saayinsiin kan jedhu samii keessatti qilleensi hoo’aa fi qorraan yeroo walitti bu’u anniisaa elektiriikiitu uumama.
Innis ‘negative fi positive’ qaba. Kana keessatti kan gara lafaatti gadi dhihaatu anniisaa negatiivii waan ta’eef, wantoota dabarsoo elektirikii ta’anitti yoo dhihaatan walqiphu ykn 'discharge' walgodhu” jedhan.
Anniisaan elektiriikii gara wantoota dabarsoo elektiriikii tahaniiti gadi darbatamu kui hoo’insa aduu caalaa kan hanga digrii seelshiyesii kuma 27 waan qabuuf yeroo qilleensa qorraa keessa kutu sagalee guddaa uumas jedhan.
“Hoo’inni duumessa keessaa gadi darbatamu kuni garmalee guddaa waan ta’eef, waan irra bu’e hundumaa sekondii keessatti guba.
Kanaafuu akkaataan bakakkaan ittiin uumamu amantiidhaan yookan waan biraatiin waan walqabatu hin qabu,'' jedhan aadde Caaliin.
Balaa bakakkaadhaan dhufurraa ofeeguuf maloota fayyadan yoo himanis, “yeroo bokkaan roobu wantoota dabarsoo elektiriikii ta’anirraa fagaachuu barbaachisa.
Muka jala dhaabbachuu dhiisuu, bishaan keessas dhaabbachuu dhiisuu, yeroo roobu bakka jiranitti dhaabbachuu caalaa ofirra taa’uunis barbaachisaadha,” jedhan.
















