Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US-Chaayinaa: Pirezedant Tiraamp herrega baankii Chaayinaatii qabaachuu amanan
Kampaaniiwwan Ameerikaa gara Chaayinaa deemuun biizinasii hojjechuu hadheeffataniin mormuun kan beekaman Pirezedant Doonaald Tiraamp, ofii isaatiif baankii Chaayinaa keessatti herregaa baankii akka qaban amanan.
Akka gaazexaan Niiwu Yoork saaxiletti, Tiraamp herrega baankichaa manaajimantii Tiraamp Internaashinaal Hoteeliif yoo ta'u, bara 2013 hanga 2015tti gibirri akka itti kaffalame mul'isa.
Dubbi himaan Tiraamp akka jedhetti, herregni kun kan banameef carraa misooma hoteelaa Eeshiyaa keessa jiru ilaaluudhaaf jedhameeti malee, wanta biraatiif miti jechuun wakkaateera.
Herregni baankii Chaayinaatti Tiraamp qaban kun argamuun gara fuula duraatti qeequmsa irratti kaasuullee mala.
Gaazexaan beekamaa kun waraqaa gibiraa Tiraamp argachuu hordofee ture kan lakkkoofsa herrega baankichaa bira ga'uu kan danda'e.
Tiraamp wayita pirezedantii ta’utti gibira mootummaa Federaalaatiif bara 2016 fi 2017 $750 keessa $750 qofa kaffaluu gaazexaan kun kanaan dura gabaasee ture.
Herrega baankii Chaayinatti banatan kanaan garuu gibirri $188,561 kaffalameera.
Tiraamp filannoo pirezedantummaa gaggeeffamaa jirurratti morkataasaanii kan ta’an Joo Baayidan imaammata Chaayinaarratti hordofan ilaalchisuun ni qeequ.
Kaffaltiin gibiraa Joo Baayidan garuu kan hojiiwwan bizinasii Chaayinaatti hidhata qabaachuu agarsiisu hin jiru.
Ogeessi seeraa dhaabbata Tiraamp Alan Garten, gabaasa Niwuyoork Taayims baase kanaan, ‘’guutummaatti tilmaamaafi sirrii kan hin taane,’’ jedheera.
Bulchinsi Tiraamp Intarnaashinaal Hoteel, "waajiraalee isaa US keessa godhachuun herrega baankii Chaayinaatti kan banameef gibira bakka sanaa kaffaluuf jedhameeti," jedheera.
"Hojiin daldalaas ta'e waligalteen mallatteeffame ykn hojiin bizinasii hojjatame hin jiru, kanaaf bara 2015 irraa kaasee waajirichis hojiitti hin jiru," jedhe Aab Garten.
‘’Herregni baankii kanaa akkuma banametti kan jiru ta'ullee, dhimma biroo kamiifiyyu kan hin oolle," ta'uu Niwuyoork Taayimsitti hime.
Pirezedantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp fedhiiwwan bizininasii eegsifachuu barbaadu Ameerikaafi biyyoota kaanittis ni qaba.
Niwuyoork Taayims akka gabaasetti, Tiraamp baankiwwan biyyoota akka Chaayinaa, Biriteen fi Ayerlaandii qaba.
Hagayya darbe keessa Tiraamp dhaabbilee daldalaa Ameerikaa warshaaleesaanii Chaayinaa keessaa baasaniif gibira akka hir’isuu barbaadu himee ture.
Gama kaaniin ammoo kanneen carraa hojii Chaayinaatti uuman waliigaltee mootummaa wajjin qaban irraa kaasuuf dorsisaa ture.
Haasaa isaa keessatti garuu carraa hojii miliyoona 10 ji’oota 10 keessatti uumuun, ‘’Chaayinaa irratti hirkachuu ni xumuraa" jechuun himee ture.