Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barnoota: Hireen barattoota yuunivarsiitii sababa Covid19 fi 'rakkoo nageenyaan' barnoota adda kutanii maali?
Bara darbee yunivarsiitiwwan Itoophiyaa sababii Covid-19n barnoota adda kutanii turan. Gama biraatiin ammoo sababii rakkoo nageenyaa yunivarsitoota keessatti mudateen barattoonni barnoota addaan kutanii galun isaanii ni yaadatama.
Bara kana ammoo yunivarsiitiiwwan deebiisanii barattoota isaanii simachuuf qophiirratti akka argaman beeksiisaa jiru.
Yunivarsistoota kanneen olaantummaan kan oggannu Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoos baatii Onkoloolessaa kana irraa eegaluun yunivarsitoonni barattoota bara kana eebbifaman waamuuf qophii irraa jirachaa isaanii beeksiiseera.
Dubbii himaan Ministera Saayinsii fi Barnootaa Olaanoo Obbo Dachaasaa Gurmuu BBC'tti akka himaniitti, ALI baatii Onkoloolessa 23 hanga 30 bara 2013tti barattoonni barana eebbifaman ni waamamu.
Haaluma kanaanis qophiin yunivarsitoota hundaa wal fakkaachuu baatulleen, ulaagaalee Ministeerichaan ka'aman ariitiidhaan guutuudhaan barattootta akka simataniif qajeelfamni ka'amu Obbo Dachaasaan himaniiru.
Barattoonnis barnoota isaan hafe ji'a lama keessatti akka xumuraniif murtaa'eera kan jedhan Obbo Dachaasaan, sana booda ammoo haalli dhukkuba koroonaavaayirasii ilaalamuun barattoonni hafan kaanis ni waamamu jedhan.
Dhiheenya kanas Yunivarsitoonni Magaalaa Hawaasaatti walgahii guyyaa sadii gaggeessuun barnoota eegaluuf murteessuu dubbii himaan Ministerichaa Obbo Dachaasaan himaniiru.
Yunivarsitiiwwan biyyattii keessatti argamanis sababii Covid-19tiin baatiiwwan jaha oliif barnoota dhaabuuf dirqamanii ture.
Yuunivarsiitiiwwan BBC'n dhimmicharratti dubbise keessaa pireezidaantiin Yuunivarsiitii Wallaggaa Dr Hasan Yuusuuf, Onkoloolessa 23 hanga 30 gidduutti barattoota barana eebbifaman waamna jedhan.
''Itti aansuun ammoo kanneen waggaa lamaa fi isaan ol jiraniif waamichi ni taasifna'' jedhan.
Barattoonni waggaa lammaffaa fi isaan ol jiran qormaata samisteera 1ffaa xumuruun kan lammaaffaaf osoo qophii irra jiranuu adda kutuun gara maatiisaanii deemu himu Dr Hasan.
Barattoonni waggaa 1ffaa ammoo qormaata samistera 1ffaa jalqabanii osoo hin xumuriin deemuusaanii himanii, barattoonni amma simataman kunneenis korsiiwwan ijoo (core competence) argachu qaban adda baasuun ji'a lama keessatti barsiisanii xumuruuf qophiirra jiraachu dubbatan.
Barnoonni baatiiwwan lama keessatti akka xumuramu yaadamee kunis guyyoota sanbataa illeen barsiisuuf yaadamuu Dr Hasan ni dubbatu.
Yuunivarsiitiin biraa BBC'n dhimmicharratti dubbise Haroomaayaa fi Madda Walaabuus ittisa weerara koroonaavaayirasiif qophii barbaachisu gochaa turuu himanii, amma barattoota eebbifamtoota ta'an simachuuf qophiitti jiraachu ibsan.
Barattoonni sababa rakkoo nageenyaan barnoota addaan kutan hoo?
Koronaan duras rakkoo nageenyaa bara darbe yuunivarsiitiiwwan tokko tokko keessatti umamee tureen walqabatee barattoonni tokko tokko barnoota isaanii addaan kutuun gara maatii deebii'unsaanii ni yaadatama.
Fakkeenyaaf barattoonni naannoo Oromiyaa irraa gara yuunivarsiitiiwwan naannoo Amaaraatti imalanii fi barattoonni naannoo Amaaraa yuunivarsitiiwwan naannoo Oromiyaa keessatti argaman keessatti barataa turan sababiidhuma kanaan barnoota isaanii adda kutuun gara maatiisaanii deebii'anii turan.
Haa ta'u malee, boodarra yuunivarsitoonnis mariiwwan gaggeessanii barattoonni deebii'anii barnootasaanii akka hordofaniif waamicha taasisaa turuu isaani ni himu.
Isaan keessaa pireezidaantiin Yunvarsiitii Wallaggaa Dr. Hasan Yuusuuf akka jedhaniitti, sababa walitti bu'insaa darbee darbee mudataa tureetiin barattoonni barnota isaanii addaan kutanii deeman marii taasisuun akka deebi'aniif waamicha taasifamuu yaadatu.
Haaluma kanaanis irra hedduun isaanii kan deebi'an jiraachuu fi kaan ammoo yaaddoodhuma nageenyaa tureen osoo hin deebiin hafan jedhan.
''Barattoonni kunneen akka deebi'anii nu biratti baratan barbaanna. Garuu barnoota semistera 1ffaa waan isaan darbeef, qormaatas waan hin fudhanneef jalqaba irraa eegaluun dirqama taha.''
Akkasumas barattoonni kuunneen guca barnoota addaan kutuuf guutamu (Withdrawal) osoo hin guutiin bahan kan jedhan Dr. Hasan, amma murtoo akkamiitu kennamaaf kan jedhu irratti waanti ministeera barnootaa irraa jedhame omtu akka hin jirre dubbatu.
Yuunivarsiitiiwwan naannoo Oromiyaa sababii rakkoo nageenyaatiin bara darbe barnoonni yeroof keessatti adda acite ture kan biraa Yuunivarsitii Madda Walaabuuti.
Yuunivarsiitii Madda Walaabuutti Daariktera Sab-qunnamtii kan tahan Dr. Zallaqe Raggaasaa gama isaanitiin, barattoonni bara kana eebbifamuu danda'an 2,016 tahan amma waamamuun barnoota isaanii itti fufu jedhan.
Barattoonni naannoo Amaaraa irraa dhufan barnoota addaan kutanii deemu isaanii kan yaadatan Dr Zallaqeen, ''haa tahu malee booda waamicha taasifameen barattoonni %75 tahan deebi'uun barnoota isaanii itti fufaniiru,'' jedhan.
Barnoota adda cite bakka buusuufis barsiisonnis yeroo dabalataan barsiisaa turan jedhan.
''Waamichi taasifamulleen barattootni %25 tahan osoo hin deebi'iin hafaniiru. Murteenis haaluma seera waliigalaa barattoota hundaaf seeneetiin yuunivarsiitichaa baasuun kan darbu ta'a. Seerri isaaniif qofaatti hojjetu hin jiru.''
Dr Zallaqen akka jedhaniitti, haaluma seeraatiin kan dhorkaman ykn kan hayyamamuuf ta'uun kan murtaa'u ta'a.
Haaluma walfakkaatunis pireezidantiin Yuunivarsiitii Haroomaayaa Dr. Jamaal Yuusuuf barattoota bara darbee barnootasaanii addaan kutanii deeman ilaalchisee murtoo haaraan darbe akka hin jirre himan.
Dhimma barattoota sababii rakkoo nageenyaatiin barnootsaanii adda kutan ilaalchisee akka biyyaatti murtoon darbuu akka qabaatu himu Dr Jamaal.
Dubbii Himaan Ministera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Obbo Dachaasaa Gurmuu gama isaanitiin dhimma kanarratti hanga ammaatti wanti murtaa'e akka hin jirree BBC'tti himan.
Barattoonni sababa yaaddoo nageenyaan barnoota adda kutanii gara maatii galan kan gara barnoota isaanii hin deebine kumaatamaan lakkaa'amu jedhu Obbo Dachaasaan.
''Garuu ammoo lakkoofsa isaanii yuunivarsiitota irraa adda baasuun haala akkamiin rakkinicha hiikna kan jedhuurratti hojjetaa waan jirruuf xumura irra yoo geenyu ibsina,'' jedhan.
Haa ta'u malee akka dubbi himaan kun jedhaniitti, ''Yoo seera akka seeraatti hiikne keessummeessuun hin danda'amu.''
Bara darbe rakkoo nageenyaa yuunivarsitoota keessatti tureen barattoonni lubbuu dhabun isaanii fi miidhaa qaamaaf saaxilaman jiraachuun ni yaadatama.
Baranas rakkoon sun irra deebiin mudachuu mala jechuun kanneen yuunivarsitoota naannoo isaaniitiin ala jiran deemuuf sodaa qaban jiru.
''Naannoo tokko kan biraa hin deemuu waanti jedhamu hin jiru. Sababiinsaa yuunivarsitiin yuunivarsaaliidha. Biyya biraatuu deemamee osoo baratamuu naannoo biraa hin deemu jechuun hindanda'amu'' jedhan Obbo Dachaasaan.
Itti dabaluunis wanti mootummaa irraa eegamuu fi barbaachisuu akkaumas nama amansiisuu waa'ee nageenya barattoota irratti hojjachuudha jedhan.
Kanaan alatti garuu wanti keessummeeffamu akka hin jirree hubachiisaniiru.