Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barataan Yunivarsiitii Wallaggaa magaalaa Shaambuutti akkamin du'e?
Barataan Yunivarsiitii Wallaggaa damee Shaambuu baratu tokko guyyaa dheengaddaa [Kamisa halkan kan Jimaatatti bari'u] miidhaan irra gahe guyyaa kaleessaa du'uu yunivasiitichi beeksiseera.
Du'a barataa kanaan gadduu kan ibse yunivarsiitichi bakki rakkoon mudate kaampaasiin ala akka ta'e ibseera.
Hanga yoonaa erga yunivarsiitii Waldiyaatti ji'a dura barattoonni lama ajjeefamanii as walumaa gala sababoota garaa garaan yunivarsiitiiwwan garaa garaatti barattoonni 10'tti siqan lubbuu dhabaniiru.
Tibbana Yunivarsiitii Wallaggaatti barattoonni waan qara qabuun waraanaman jedhaman sadii yeroo ta'an isaan keessaa tokko yoo du'u lamaan immoo yeroo ammaa Hospitaala Shaambuu keessatti yaalamaa akka jiran qondaaltonni ibsaniiru.
Haleellaan barattoota kana irratti raawwate garuu rakkoo barnoota olaanoo keessa adeemaa jirun haa walqabatu wanti beekamu hin jiru.
Pirezidantiin Yunivarsiitichaa Dr Hasan Yuusuf miidhaa dhaqqabe kan raawwate ''ammatti barattoota ta'uu waan mirkaneessu hin jiru,'' jechuun qorannoon akka itti fufe himaniiru.
Haala ajjeechaan raawwate
Godinni Horro Guduruu Wallaggaa akkuma godinoota Lixa Oromiyaa jiranii rakkoo nageenyaan walqabatee komaand Poostiin bulaa jira.
Magaalaa godinichaa kan taate magaalaa Shaambuutti, Finfinneerraa 300km ol fagaatti, rakkoo barattoota irratti qunnameen namni to'annoo jala oole jiraachuu kan gaafanne bulchaan godinichaa Obbo Jabaa Addunyaa homaa akka hin jirre himan.
Ibsa yunivarsiitichi baasen magaalaa Shaambuu keessa ''naannoo bataskaana Mikaa'eliitti halkan keessaa naannoo 8:00 - 9:00 gidduutti qaama hin beekamneen miidhaa irra gaheen addunyaa kanarraa boqoteera,'' jedheera.
Pirezidantiin Yunivarsiitichaa Dr Hasan Yuusuf gama isaanin qorannoon akka taasifamaa jiru eeruun alatti qaamni shakkamee to'atame jiraachuu isaa hin ibsine.
Barataan miidhaan waan qara qabun irratti dhaqqaben du'e jedhame Iyyaayyahuu Innaannuu Xilaahun yoo ta'u barataa waggaa 2ffaa barnoota saayinsii bosonaa akka ta'e yunivarsiitichi ibseera.
Bulchaan godinichaa barattoonni sadan Kamisa halkanii dallaa guddaan osoo hin taane karaa duubaa banaa waan turef achiin bahanii yeroo adeemaa jiranitti akka rakkoo kanaaf saaxilaman himu.
Barattoota lama miidhamanii hospitaala jiran keessaa tokko dubbiseen ture kan jedhan bulchaan godinichaa Obbo Jabaa Addunyaa waan natti dubbate jedhan akkasitti BBC'tti himan.
''Shaanxaa keenya Bataskanaa kaa'uuf deemaa jirra,'' naan jedhan kan jedhan Obbo Jabaan maaliif halkan keessu jennaan ''tarii jeequmsi hin ka'a yoo ta'eef shaanxaa keenya fudhannee bahun waan nu rakkkisuf'' naan jedhanii kedhan.
Mootummaan erga rakkoon yunivarsiitiilee keessatti mudate as 'withdraw' guutanii akka hin baane akka dhorke ibseera.
Dhimma yaada bulchaan godinaa jedhan irratti yaada barattootaa hubachuuf yaalluus hin milkoofne.
''Karaa namni adeemurra miti kan deeman. Daandii ishee miilaa baadiyyaa keessa deeman,'' jechuun kan ibsan Obbo Jabaan halkan bahuun isaanii, balbalaan ala bahuun isaanii, daandii guddaan ala adeemuun isaaniifi kaan sababa maaliif akka ta'e ''qorannoo cimaa gaafata,'' jedhu.
Erga yunivarsiitii Waldiyaatti rakkoon dhalatee as barnoonni Yunivarsiitii Wallaggaatti haala guutuu ta'en kennamaa akka hin jirre barattoonnis pirezidantiinis ni mirkaneessu.
Kunis kan ta'e, kaan ajjeechaa raawwaten gadda ibsachuuf kaana immoo rakkoof ni saaxilamna laata jedhanii waan yaadda'anif akka ta'e himu pirezidantiin.
Dr Hasan Yuusuf erga rakkoon Waldiyaatti dhaqqabe as kaampaasii Yunivarsiitii Wallaggaa magaalaa Naqamtee jirurraa barattoonni muraasni bahan akka jiran himu.
Kan Yunivarsiitii Naannoo Amaaraa irraa deebi'anii dhufan immoo ' Oromiyaatti nuuf jijjiiraa' jechaa jiruu jedhan.
Yaada furmaataa
Rakkoo dhaabbilee barnoota olaanoo keessa mudataa jiru furuuf mootummaan torban kanarraa eegale nageenya yunivarsiitiwwan poolisii federaalaan eeguuf akka yaade ibseera.
''Poolisiin federaalaa erga nubira seenee tureera'' kan jechuun kaampaasii Naqamtee waraanni dursee akka seene eeru. Damee yunivarsiitichaa Gimbiifi Shaambuullee dhihoo akka seenu ni eegama jedhan.
Rakkoon yunivarsiitii keessatti dhalatu calaqqee rakkoo siyaasaa biyyattii keessati mul'atu akka ta'e xinxaltooni siyaasaa ni ibsu. Dr Hasanis yaada kanaan walii galu.
Kanaaf, furmaanni fuula duraaf yunivarsiitonni nageenya isaanii mataa isaaniin eegsifachuu, eegumsa cimsuu, akkasumas walitti dhufeenya hawaasa waliin qaban akka cimsuu qaban akeeku.
Rakkoo ilaalchaafi dallaan yunivarsiitiiwwan banaa ta'uunis rakkoo tokko akka ta'e eeru.
Waggaa lama dura, yunivarsiitii Wallaggaa damee Shaambuutti barattoonni lama ajjeefamuun isaanii ni yaadatama.