Himatni dhaabbata Kaanaadaa, Eertiraatti warqee barbaadurratti banamee ture waliigalteen xumurame

Bakka albuudaa Bishaa

Madda suuraa, NEVSUN RESOURCES WEBSITE

Himatni waggoota kudhaniin dura dhaabbata biyya Kaanaadaa warqee barbaadurratti bobba'ee ture, Nevisan jedhamurratti banamee ture, waliigalteen xumurame.

Kaampaaniin warqee barbaacha Eertiraa dhaqe kun Nevsun Resources kan jedhamu yoo tahu, ganna shan Ertiraa keessa turetti, saamicha humna namaa fi rakkoo qabiinsa mirga namoomaan himatame.

HImannaa kana yeroo jalqabaatiif seera fuuladuratti kan dhiyeessan, lammiilee Eertiraa sadi akka tahan, miidiyaalee idil-addunyaa gabaasanii turan.

Dhimma kana ganna kudhaniif hordofaa kan turte, falmituun mirga namoomaa Aadde Elsaa Ciruum BBCtti waan jette, dargaggoonni kaampaaniin kun hojjechiisaa ture kanneen dirqama biyyaalessaarratti turan kan tahaniifi beesseen (maallaqa) tokkollee hin kaffalamneef.

Kaampaaniin Neevisaniis, otuma dargaggoota kanaaf gatiin isaanii akka hin kafalamneef otoo beekuu, mootummaa Eertiraa waliin waliigaluun ''humnasaanii saamuun'' Kaanaadaatti himatni irratti baname.

Qaamoleen himata kana banan, kaampaaniin Nevsun ALA 2008 hanga 2012 Eertiraa naannoo Bishaa jedhamutti albudoota kanneen akka warqee, Zinkiifi Kopparii barbaadaa ture.

Wayita sanattis dargaggoota Eertiraa dirqama tajaajila biyyaalessaarra jiran 1,000 ol tahan, mootummaa biyyattii wajjiin waliigaluun, saamicha humnaa taasiseera, akkasumas mirga namoomaa sarbeera jedhanii himachuun isaanii wayita sanatti gabaafamee ture.

Mana murtii biyya Kaanaadaatti ilaalamaa kan ture himatni kun, jaarsummaan goolabamuusaa kan dubbatan Aadde Elsaa, waliigaltichaanis gammaduu isaanii BBC tajaajila Afaan Tigreef ibsaniiru.

Kaampaanichi dhimmi kun manneen murtii Eertiraa yookaan biyyoota Afrikaa birootti akka ilaalamuuf irra deddeebiin gaaffii dhiyeessaa tureera jedhame.

Haa tahu malee, manni murtii Kaanaadaa, dhimmichi seera idil-addunyaa kan cabsu waan taheef, achuma Kaanaadaatti ilaalamuu akka itti fufu murteessuun, achumatti dhagahamaa tureera.

Miseensotni tajaajila biyyaalessaa kunniin ALA 2008 hanga 2012tti albuuda qotaa wayita turanitti, mirgi isaanii sarbamuufi qabiinsi isaaniis badaa tahuu eeruun falmataniiru.

Kaampaanichi gamasaatiin, himata irratti dhiyaate mormuun, hojjettoota kanaaf itti gaafatamummaa akka hinqabne ibsaa tureera.

Kaampaaniin Nevsun fi qaamoleen himannicha banan, waliigalteen irra gayan maal akka tahe hin ifoomsine.