Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Gaazexeessaa Zimbaabuwee malaammaltummaa saaxiluu isaatiif mana hidhaa gale
Gaazexeessaan Zimbaabuwee Hopiweel Chinoonoo gocha malaammaltummaa raawwateera jedhame saaxiluu isaatiin mana hidhaa bu’uusaa xalayaa BBCf barreesseen beeksise.
"Rakkoon namudachuu akka danda’u dursee bareen ture, namoonni saddeet konkolaataa lakkoofsa gabatee hin qabneen qawwee kilsshinkoovii qabatanii gara waajjiraatti yoo dhufanis badaa nah in dinqine ture,’’ jedha.
Hoopiweel gabaasicha hojjachuun booda akeekkachiisni tokko torbee torba dura isa ga’ee ture.
Dubbi himaan paartii biyya bulchuu ‘‘ati sobduudha’’ erga naan jedhanii booda maqaa maatii pirezidantchaa balleessiteetta jechuun nahimataniiru jedhe.
Kuni hundi kan tae Hoopiweel erga wa’ee bittaa meeshaalee Covid-19’n wal-qabatuun hanna raawwate gabaasa isaatiin saaxiluu hordofeetu. Akka inni jedhutti, weerara kanaaf jedhamee bittaa meeshaalee godhamuuf gatii sobaa dhhiyeessuun qarshiin humnaa olii qisaasa’eera.
Yeroo sanatti ministirri fayyaa biyyattii hojiirraa dhorkamuun dhimma isaanii mana murtiitto hordofaa jiru.
Namoonni mana jireenyaakoo dhufanii akkan ba’u nagaafannaan waraqaa eenyummaafi ajaja mana murtii akka natti agarsiisan gaafannaan agarsiisuuf hayyamamuu hafani.
Tasumayyuu foddaa saaloonii kiyyaa rasaasaan caccabsuun karaa mana ciisischaan keessatti ol seenani, anis haala sana bilbila kiyyaan kallattiin gabaasaan eegeeni.
Yeroo sanatti miila kiyya duwwaa akkan mastaayetii caccabaarra deemu nadirqisiisani, sunis guyyoota 45 itti aananiif gidiraa na eeggatuuf jalqabbii ture.
Mana hidhichaa keessa qofaakoo hin turre. Ganama diilallaa’aa sanaan wayitan to’atametti, nama siyaasaafi malaammaltummaa mormuun kan beekamu Jeekoob Ingaaruuvuu hidhamee ture.
Lamaan keenyayyuu hokkora kaasuuf karoorsaa jirtu jedhamuun himatamne. Hiriira mormii inni waame deeggaraa wanan tureefi. Eemarsan Minaangaagiwaafi mootummaan isaanii garuu want akkasii isaan hin gammachiisu.
Mana hidhaa giddu-gala magaalaa Hararee keessa wayita jirutti dursaan paartii mormituu Neelsan Chaamiisaa dhufanii nudaawwachuun isaanii ammoo waan daran isaan aarse fakkaata.
Guyyaa itti aanuttis gara mana hidhaa eegumsi cimaan taasifamuuf Chiikuuruubiitti dabarfamne. Mana hidhaa kana keessatti hidhamtoonni kutaa isaanii bira darbanii argamnaan, sansalataan miilaafi harka isaan hidhu.
Man hidhaa kun namoota 1360 keessummeessuuf kan ijaarame ta’ullee, hidhamtoota 2600 ol qabatee jira.
Kutaan ani keessa ture namoota 16’f kan ijaarame ta’us, waqtii sanatti namoota 44’tu keessa ture. Yeroo ciisnullee bakki itti galagalan hin jiru. Dubbii kan hammeessu ammoo wayita koroonaavaayiras kumaatamaan lubbuu galaafataa turetti ta’uusaati.
Hidhamtoonni maaskii hin qabanu, kuticha keessas bishaaniif saamunaan hin turre. Sanarrattis guyyaatti sa’aatii 17’f nutti cufamee oolla. Alatti yoo baanu ammoo manneen fincaanii hidhamtoonni 500 waliin kan itti fayyadaman lama qofatu jiru. Bishaan waan jedhamus of-keessaa hin qabani.
Nyaanni nuuf dhiyaatus qulqullina kan hin qabneefi namoota hedduu dhibeef kan saaxiludha. Aniyyuu ji’a tokko dura badaa dhukkubsadheen ture. Ho’inni qaamaakoo dabalee kan ture ta’us, hoospitaalli mana hidhichaa keessa jiru qoricha dhibee xiqqeessullee hin qabu ture.
Haalli ture ulfaataa waan tureef hidhamtoonni hedduun fuula isaanii rabbitti debifatanii turani.
Fulbaana darbe yoon wabiidhaan hiikamu naaf gammadanii turani. ‘‘Yeroo asii baatu nu hin dagatin’’ yoo naan jedhan imimmaantu nahudhe.
Yeroon hidhametti dubbi himaan mootummaa hojiin kamiyyuu seeraa ol miti jechaa turani. Kunis gaazexessitoota doorsisuufi afaan qabachiisuuf waan godhamudha.
Dhiyeenya kana gaazexessistoota dargageeyyii odeeffannoo gurguddaa qaban argeen ture. Maaliif odeeffannoo kana ummataaf ifa hin gootan jennaan, ‘‘lubbuu keenyaaf sodaanna’’ naan jedhani.