Dhohiinsa Beeruutiin yoo xiqqaate namoonni afur du’an

Dhohiinsa

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa guddoo Liibaanan Beeruut keessatti buufati boba’aa dhohuun yoo xiqqaate namoonni afur yoo du’an 20 kan caalan ammoo madaa’aniiru.

Dhohiinsi kun daandii guddicha beekamaa Taariiq al-Jiidii jedhamu, iddoo namoonni hedduun jiraatanitti mudate.

Viidiyoon TV biyyattiirratti darbaa ture wayita laboobni abiddaa manneen hedduu qarqara dandiirra jiran qabachuuf ka’uu agarsiisaa turan.

Hanga ammaatti abiddi kun sababa maaliin akka ka’e wanti beekame hin jiru.

Hojjettoonni balaa abidaa jalaa lubbuu namootaa baraaruuf garasitti bobbaafaman garuu ammallee hojiisaanii itti fufaniiru.

Kaleessa wayita balaan kun mudatu hojjettoonni balaa abiddaa manarra deemanii kanneen abiddi kun manasaanii qaqqabe lubbuu baraaruuf yaalaa turan.

Jiraattuu naannawa Sanaa kan taate dubartiin tokko battala dhohiinsi kun uumame wayita ibsitu,’’Wayita sagalee dhohiinsaa dhageenyee fi manni keenya kirkiruu jalqabu hedduu rifanne. Ollaan keenya hunduu iyyuu eegalan.

Taateen kun kan Kanaan duraa na yaadachiise.’’ Jette.Dhohiinsi guddichi Hagayya darbe Beeruut keessatti mudate lubbuu namoota 203 galaafateera.

Namoota miidhaan irra ga’e keessa lammiileen Itoophiyaas turaniiru.

Lammiileen Itoophiyaa lama sababa balaa Kanaan lubbuu dhabuu gabaasnee turre.Dhohiinsi guddicha boodas giddu galli daldalaa tokko abiddaan gubatee ture.

Dhohiinsi heddumminaan biyyattii keessatti mudataa jiru kun diinagdee biyyattii durumaanuu gitintiraa ture daranuu laaffiseera.Lebaanan dhohiinsi guddicha Hagayya keessa ishee mudateen miidhaa irra qaqqabe jalaa ammallee hin dandamanne