Dhohiinsa Beerut: Qondaaltonni buufata doonii keessa hojjetan manuma jiranitti to'ataman

Dhohiinsa Beerut

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Dhohiinsa Beerut

Dhohiinsa Kibxataa Libaanos magaalaa Beerut keessatti uumamerratti qorannoon gaggeessuuf jecha qondaaltonni buufata doonii Beeruut manuma jiran keessatti to’annoo jala ooluu isaan mootummaan biyyatti ibseera.

Dhiihoonsa kanaan yoo xiqqaate lubbuun namoota 135 darbee, namootni 4,000 ol ammoo mada’aniiru. Biyyattii keessattis labsiin yeroo muddamaa torban lamaaf turu labsameera.

Pireezdant Mikeel Awoon dhoohinsi kun keemiikala Amooniyeem Naaytireetii toonii 2,750 mana-kuusaa keessatti kuufameen uumame jedhaniiru.

Hogganaan Gumurukaa Badrii Daaher, dhaabatni isaa keemikaalli kun akka bakka sanaa kaafamuu gaafatee kan ture ta’us ‘sun hojiirra hin oolle’ jedha.

“Maaliif akka ta’e akka adda baasaniif hogeessotaaf dhiisna,” jedha.

Keemikaalli Amooniyeem Naaytireet qonnaa keessatti akka xa’ootti kan fayyadu yoo ta’uu, boombii uumuufis ni fayyada.

Roobii waalga’ii kaabinee irratti haasaa taasisaniin Pireezdaant Awoon, “wanta eda galgala Beerut irraa ga’e jechi ibsu hin jiru, biyyaa balaan rukutamte taasiseera,” jedhaniiru.

Ogeessoti Yunvarsitii Sheffiild UK akka jedhanitti, humni dhoohinsa kanaa humna boombii atomikii yeroo Waraana Addunyaa Lammaffatti Heeroshimaa Jappaan irra buufame harka kudhan keessa harka tokko kan ta’udha, akkasumas “gaaffii malee seenaa keessatti dhoohinsa nuukileeraa hin taane isa guddaadha,” jedhu.

Keemikaalli Amooniyeem Naaytireet kun mana-kuusaa buufata doonii Beerut keessa erga bara 2013 keessa ka’amee booda waggootii ja’aaf achi tureera.

Hoggantoonni buufata doonii Beerutiifi Abbaan Taayitaa Gumuruk lamaanuu, nageenya buufatichaa eeguuf irra deddeebiin keemikaalotni kun akka kaafaman ykn gurgurumaniif mana murtiif barreessuu isaanii miidiyalee biyyattiitti himaniiru.

Gaggeessan Buufatichaa Hasan Koraaytem akka OTV’tti himetti, yeroo jalqaba manni murtii akka mana-kusaa ka’amuuf ajajetti keemikaalichi balaa akka uumuu danda’u kan beekan ta’us “hanga kana ta’a’” jedhanii hin yaadne.

Manni maree abbaa alangaa oolanaa Liibaanos namootni dhohiinsaa kanaaf itti gaafatamummaa qabachuun isaanii barame “addabii isa cimaa” akka irratti murta’uu waadaa seenaniiru.