Dhohiinsa Libaanoon: Amooniyem Naayitireetiin dhohiinsa Beeyiruutiif sababa ta'e maali?

Madda suuraa, Reuters
Dhohiinsi guddaan guutummaa Beeruut raase, keemikaala Amooniyem Naayitreet toonii 3,000 ta’u kan waggaa ja’a dura man kuusa keessa kaa’amee turerraa madde.
Keemikaalli kun waggoota ja’an darbaniif mankuusaa guddaa magaalaa naannawa buufata galaanaa biyyattii jiru keessatti kuufamee turuunsaa dhohiinsa hamaa biyyattii mudateef sababa jedhamee komatamaa jira.
Balaa kanaan haga ammaatti yoo xiqqaate namoonni 100 ta’an yoo du’an, 4,000 kan ta’an ammoo miidhamaniiru.
Erga dhoyiinsi kun uumamee namoonni 300,000 caalan mana malee hafaniiru.
Balaan kun daafoo maal na dhibdee qondaaltota dhimma buufata galaanaa fi kanneen dhimmi keemikaala isaan ilaallatuun mudate jechuun namoonni komii kaasaa jiru.
Hoogganaan buufata kanaa Hassan Koraytem, keemikaalli kun akka bakka Sanaa sochoofamuu qabu ajaji darbullee waggoota ja’aaf tureera, kanatu balaa kana uume jedhan.
Amooniyem Naayiteertiin maali?
Amooniyem Naayitreetiin keemikaala jajjaboo bifa adii qabu kan warshaalee gurguddoo keessatti hojjetamuudha.
Faayidaan keemikaala kanaa irra jireessi xaa’oof ta’ullee, yeroo albuuda baasan dhoyiinsa uumuufis ni fayyada.
Yuuniversitii Landan jiru tokkotti barsiisaa Keemistirii kan ta’an Pirofeesar Andrea Sella, amooniyem naayitreetii lafa keessatti qabatamaan arguun hin danda’amu jedhan.

Madda suuraa, Reuters
Sababni isaa keemikaalli kun elementoota akka amooniyaa fi naayitrik asiisii walitti makuun kan argamu waan ta’eef jedhan.
Addunyaa mara keessattuu oomishamuu kan danda’u amooniyem naayitreetiin gatii salphaadhaan bitamas.
Keemikaalli kun seeraan hin kuufamu taanaan balaa hamaa qaqqabsiisa, balaawwan gurguddoon kanaan dura warshaalee gurguddoo keessatti mudatan keemikaala kanaan wal qabatu.
Amooniyen Naayitreetiin hagam balaafamaadha?
Amooniyem Naayitreetiin seeraan yoo qabame hagas mara balaa hin uumu kan jedhan Pirofeesar Sellaan, garuu keemikaalli kun baay’inaan yoo bakka tokkotti kuufamee ture yeroo dheeraa booda gargar diigamuu waan eegaluuf dhoyiinsa uuma jedhan.
‘’Akkuma turaa deemeen jiidhinsa garasaatti waan harkisaa deemuuf walitti qabatee gara dhagaa guddaatti jijjiirama. Isaa akkas ta’ee jiruu sochiin wayii yookiin kirkirri yoo uumame salphaatti burkutaa’ee balaa uuma.’’
Qondaalli duraanii waraana UK BBCtti akka himanitti, keemikaalli kun yeroo dheeraa yoo ture boba’aadhaan waan faalamuuf balaa uuma.
‘’Boba’aadhaan al tokko faalamnaan ammoo keessoo isaatti wal-nyaatiinsa keemikaalaa eegala, wayita kana ho’a mataasaa uummata. Kun akkasiin turee yeroo booda balaa uuma. Dhoyiinsa amma Beeruut keessatti arginu kana uuma’’
Aarri uumamu hagam balaa uuma?
Dambalii sagalee dhoyiinsa hamaadhaan uumameen qilleensi naannoo faalamee, aarri samiitti ol-qajeelu suduudaan jiidhiinsa erga ofitti xuuxee booda duumessaa’ee yeroof tura.
Amooniyem Naayitreetiin wayita dhohu keemikaala naayitroojiin oksaayid jedhamuu fi gaazii amooniyaa qilleensa naannootti waan gadi lakkisuuf qilleensa naannoo akkaan faala.
Wayita kana qilleensi bubbisu hin jiru taanaan qilleensi keemikaala kanaan wal make kuufamee taa’u fayyaa namaarraan dhiibbaa guddaa qaqqabsiisa.
Taateen akkanaa mudatee beekaa?
Bara 1921 amooniyem naayitreetiin toonii 4,500 dhoyiinsa uumuun Jarmanii keessatti namoota 500 caalan galaafateera.
Bara 1947 US, iddoo Galveston Bay jedhamutti amooniyem naayitreetiin toonii 2,000 caalu dhohiinsa guddaa uumuun namoonni 581 lubbuu dhaban.
Dhiyeenyuma kanammoo dhoyiinsi amooniyem naayitreetii fi keemikaalota birootiin Kaaba Chaayinaatti mudate namoota 173 galaafateera.













