Dhohiinsa Libaanoon: Dhohiinsa Beeyiruutiin lammiilee Itoophiyaa miidhaan irra gahe

Madda suuraa, EPA
Magaalaa Guddoo Libaanoon Beeyiruut keessatti dhohiinsa guddicha Kibxata mudateen yoo xiqqaate namoonni 137 ol yoo du’an 5000 kan ta’an miidhamaniiru.
Namoota dhohiinsa kanaan lubbuu dhaban keessaa tokko lammii Itoophiyaa ta'uu Qoonsilaan Itoophiyaa Beeyiruut jiru BBC’f mirkaneessee jira.
Nama lubbuu dhabe kanatti dabalataan dubartiin biraa dhohiinsa kanaan akka malee miidhamte kutaa namootni akkaan miidhaman itti yaalaman keessa akka jirtu baruu isaanii Beeyiruutitti Qoonsilaan Jeneraalaa Itoophiyaa Obbo Tamasgeen Uumar himaniiru.
Walumaagalatti lammileen Itoophiyaa miidhaan irra gahuun amma dura mirkanaa'e 10 yoo ta'u jedhu Obbo Tamasgeen.
Namoota miidhaan jiddugaleessaa irra gahee hospitaalatti wal'aanamaa jiran qaamaan dhaqanii daawwachuufi haala gaariirra akka jiran himu Obbo Tamasgeen.
Kanneen miidhaan salphaan irra gahe wal’aansa argatanii gara manaatti deebi’uu quba qabaachuu himan.
Amma dura lammiileen Itoophiyaa Libaanoon jiran baafamanii karaa irratti gatamaa akka jiraniifi mootummaan gara biyyaatti akka isaan deebisu irra deddeebiin iyyachaa turan.
Qondaalonni Qoonsilaa Itoophiyaa manneen yaalaa adda addaarra naanna’uun haala lammiileen Itoophiyaa dhohiinsa kanaan miidhaman itti jiran hubachuuf carraaqqii godhaa akka turan Laammileen Itoophiyaa Beeyiruut jiran BBC’tti himaniiru.
Miseensonni waldaa walgargaarsa lammilee Itoophiyaa Libaanoon jiranii ‘Inyaa le inyaa be siddet’ jedhamu BBC’f akka himanitti lammileen Itoophiyaa yeroof lakkoofsi isaanii hin beekamne miidhaa jabaa fi salphaan irra gaheera.
Kan hanga ammaa eessaa akka jiran hin beekamnes akka jiran dubbatu.
Namoota eessa akka jiran hin baramne hiriyyoonni isaannii iyyaafachaa akka jiran lammiileen kunneenni himu.
“Dhugaa abjuu fakkaatu”
Lammilee Itoophiyaa achi jiraatan keessaa tokko kan taate Tsiggeeradaa Birhaanuu waa’ee dhohiinsichaa yoo ibsitu “dhugaa abjuu fakkaatu fi baay’ee nama sodaachisu ture” jetti.
Dhohiinsichi kan mudate akka s’aatii biyya Itoophiyaatti Kibxata naannoo sa’aa 12 ture.
Yeroos Tsiggeeradaan hiriyoota ishee waliin naannoo Ashrafiyee jedhamu akka turte himti.
Dhohinsichi wayita mudatu kirikirri lafaa waan uumame nutti fakkaate ture kan jettu Tsiggeeradaan, gara daandiitti wayita baatu miidhaan guddaan dhaqqabuu akka hubatte himti.
Iddoon dhohiinsichi itti mudate bakka isheen jiraattu Ashrafiyee irraa miilaan daqiiqaa 15 kan deemsisu ta’uus naannichi guutummaatti barbadaa’uu himti.
Dhohiinsa booda wayita karaa guddichatti baatu nama dhiigni irra yaa’u, namoota iyyaa fiigan akkasumas karaan wantoota caccabaniin guutamee akka agarte BBC’tti himteetti.

Madda suuraa, EPA
Dhohiinsa kana hordofee magaalaa Beeyiruut keessa tajaajilli ibsaa, bilbilaa fi inatrneetii adda cite kan ture yoo ta’u hospitaalonni magaalattii namoota miidhamaniin guutamanii turan.
Dhohiinsa kanaan yoo xiqqaate namootni 100 yoo du’an, kutaaleen hospitaalotaa namoota kumaan lakkaa’aman miidhamaniin waan guutaniif ogeeyyiin bakkeetti yaala kennuuf dirqamanii turan.
Tsiggeeradaan gara hospitaalaa deemuun namoota madaa’anii yaala argatanii deebi’an hedduu arguu BBC’tti himte.
Qoontsilaa Itoophiyaa
Namoota miidhaman daawwachuuf hospitaala wayita deemtetti Qontsilaan Itoophiyaa Beeruut jiran Ambaasaaddar Tamasgeen wayita namoota miidhaman hospitaalarra deemanii gaafatan arguu dubbatti Tsiggeeredaan.
Kanaan dura wayitan rakkoon lammiilee Itoophiyaa mudatu qaamni mootummaa deebii hatattamaa kennaa hin turre kan jettu Tsiggeeredaan tarkaanfiin amma Ambaasaaddar Tamasgeen fudhataa jiran kan abdii namatti horuudha jetti.
Hospitaala namoonni miidhaman keessatti yaalamaa jiran hundarra deemtee akka daawwachaa turte kan dubbattu Tsigeeredaan ‘’Hospitaalatti namoonni miidhaman hunduu yaalamaa turan.
Hedduun madaan hodhameefii ba’aa turan. Lammiileen Itoophiyaa meeqa akka ta’an garuu raga guutuu argachuu argachuu hin dandeenye’’ jetti.
Lammiin Itoophiyaa tokko akka duutee fi kaan garuu hospitaalatti wal’aanamanii ba’uu akka dhageesses ibsiteetti.
Balaan dhohiinsaa kun manneen daldalaa gurguddoo hedduu waan barbadeesseera kan jettu Tsigeeredaan kunimmoo jireenya lammiilee Itoophiyaarratti miidhaa guddaa qaba jetti.
Lammiileen Itoophiyaa hedduun gara Beeyiruut imaluun mana namaa fi manneen daldalaa keessa seenanii hojjetu.
Balaan akkanaa wayita biyyattii mudatu ammoo lammiileen Itoophiyaa achi jiran rakkoo dachaaf saaxilamu.
‘’Nu dhiisii lammiileen biyyattiiyyuu boo’aa jiru. Weerara koronaavaayirasii irratti balaan akkanaa wayita dabalamu kun rakkoo dacha ta’ee dhufeedha’’ jechuun rakkoon keessa jiran hamaa ta’uu dubbatti.
Miidhaa qaqqabe
Dhohiinsa guddaa magaalaa Beeyiruut mudateen namoonni 100 caalan du’anii 4,000 kan caalan ammoo miidhamaniiru.
Pirezidaantiin biyyattii Maayikil Anuun amooniyeem naayitreetiin toonii 2750 ta’u of eeggannoo tokko malee waggoota ja’aaf kuufamee ture jedhan.
Pirezidaantichi har’a kaabineesaanii walg’aii ariifachiisaa waamaniiru, labsii yeroo muddamaa turban lamaaf turus labsaniiru.
Akka deggersa addaatti maallaqa doolaara Ameerikaa miiliyoona 66 akka ramadamus ajajaniiru.
Leebaanan guyyoota sadi guyyaa gaddaa biyyaalessaa jechuun labsiteetti.













