"Akka kosiitti baasanii nu gatan" Lammilee Itophiyaa Libaanoos jiran

Lammiilee biyyoota Arabaarraa deebi'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen hedduu biyyoota Arabaarraa miidhaan xiin-sammuufi qaamaa irra ga'ee deebi'u

Dinagdeen biyya Libaanoos sababa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'een waan kufeef jireenyi lammilee Itoophiyaa biyyattii keessatti hojii mana keessaatti bobba'an hedduu itti hammaatteetti.

Namoonni Libaanos galiin isaanii giddu-galeessa ta'anis hojjetoota manaaf kan kaffallu hin qabnu jechuudhaan hari'aa jiru.

Torbanuma kana keessa lammilee Itoophiyaa mana keessa hojjetan 100 magaalaa guddoo biyyattii Beeyrut keessatti Qoontsilaa Itoophiyaa geessanii gataniiru.

Sa'aatii tokko keessatti hojjetoonni manaa lammilee Itoophiyaa ta'an sadii warreen isaani hojjechiifataniin karra Qoontsilaa irratti akka gataman rippoortariin BBC Maartiin Peeshiyeensi taajjabuu dubbata.

Lammileen Itoophiyaa Libvaanos keessatti mana namaa keessatti qacaramanii hojjetan hedduun osoo boo'anii, waan godhaniifi bakka itti da'atanillee wallaalanii dhiphina hamaa keessa jiru.

Tokko tokko ammoo rifaatuu guddaa keessa galanii osoo hollatanii, ol fuudhanii iyyanii argamaniiru.

Dubartoota karaarra taa'aa jiran

Hojjechiifataan tokko ammoo yeroo lammileen Itoophiyaa kanneen keessaa tokko naasuurraan iyyitutti karaa duubaa shugguxxii itti baafacchuun isaa argameera.

Karra Qoontsilaa sanarratti aspaaltiirraa hafaa haphiirraa yeroo rafan suurri agarsiisu kan baayyee garaa nama hammeessudha. Lammileen Itoophiyaa karra Qoontsilaa sanarratti gatamanii jiran walii walii isaanii jajjabeessaafi wal tummsaa yeroo jiranis ni argamu.

Miidhaa kufaatii dinagdee sababa koronaavaayirasiitiin uumameen warreen hojjechiifatan miindaa osoo hin kaffaliiniif hojjetoota mana keessaa lammilee Itoophiyaa har'ianiiru. Baay'een isaaniis waan nyaatanillee dhabanii rakkachaa akka jiran BBCtti himaniiru.

Osoo weerarri koronaavaayirasiin kun hin mudatiin hedduun isaanii miidaa hojii manaa keessa hojjechuun nyaata isaanii of danda'u ture.

Namoota rakkoo hamaa kana keessatti kufan keessaa tokko Loomii jedhamti. Loomiin hojjechiistota ishee biraa miindaan ji'a baay'ee osoo hin kaffalamiiniif waan gaggeeffamteef rakkoo hamaa keessa jirti.

Maal jedhuu laata?

"Maaloo gara biyya keenyaatti nu deebisaa. Nuti kosii miti, garuu akka kosiitti baasanii nu darbataniiru," jetti.

Hojii tola-ooltummaa irratti kan bobbaate Tigisti Mesfin bakka sanatti argamtee gargaarsa taasisaa jirti. Hundumtinuu gara biyya keenyaatti nu deebisaa jedhaa waan jiraniif sababa daandiin xiyyaaraa hojii dhiiseeruuf furmaanni yeroof isaaniif barbaadamuu qaba jetti.

"Hanga xiyyaarri deebiyee hojii jalqabutti akka mana keessa turaniifi karaan ittiin hojjechuu dnada'an akka mijeeffamuuf, akkasumallee Qoontsilaa keessatti bakka yeroof jiraachuu danda'an akka mijeeffamuufis," gaafanneerra jetti.

"Maaliif Imbaasiin banamee bakki bultiin hin kennamuuf? Kun dogoggora," jetti Tigistiin.

Akka namoonni mirga hojjetootaaf falman jedhanitti, haalli hojjetoota manaa daran waan hamaa irra ga'eera. Sirni Kaffaalaa jedhamuun beekamuu falmisiisaafi loogii uumuun mirgi isaanii sarbameera.

Daarektarri dhaabbata sochii farra sanyummaa Faaraah Saalkaa jedhamtu akka jettutti, hojjetoonni lakkoofsi isaanii hedduu ta'e sababa sirna kanaatiin seera hojjetoota Libaanos keessaa ta'e jedhee loogii irratti taasiseera.

Fakkeenyaaf, kaffaltaa hanga argachuun isaaniif malu akka hin arganne, hayyama waggaa akka hin arganne, hayyama torbanii, akkasumas guyyaatti sa'aatii meeqa akka hojjechuu qaban akka isaan hin ilaallanne taasifameera.

Dabalatan ammoo, yeroo warra isaan hojjechiifatan waliin miidhaan wayita isaanirra gahutti akka h=bahuu hin dandeenyeefi iyyannoo dhageessifachuu akka hin dandeenyellee taasifamaniiru.

"Sirna kana jechuun gabrummaa labata keenyaa manuma keenya keessa jirudha," jetti.

Tokko tokko dhaabbileen gargaarsaa biyyattii keessa jiraniin bakki turan kan kennameef yoo ta'u, mootummaanis wantan danda'e gochaan jira jedheera.

Ministeera Hojjetaa Libaanositti Daarektar Janaaraal kan ta'an Maarliin Attaalaah akka dubbatanitti, Qoontsilaa Itoophiyaa waliin hojjechaa jiru.

Lammileen Itoophiaa guyyoota lamaaf hoteela keessa akka bulchanii gara bakka turuu qabaniittillee geessineerra jedhan.

Hojjechiisaan miindaa hojjetoota manaa kaffaluu diduufi hari'uudhaan himatame hin jiru, haata'u malee qorannoowwan akka jalqabaman Daarektarittiin himaniiru.

Qoontsilaan Itoophiyaa ammoo dhimmicha irratti yaada kennuu irraa of qusateera.