Dhohiinsa Beeruut: Ji'a tokko booda namni gamoo jalatti lubbuun argamuu mala jechuun barbaachi itti fufe

Lammileen Beeruut

Dhohiinsi hamaan handaara galaanaa magaalaa Beeruut keessatti ji’a tokko dura erga mudatee lubbuu baraartonni hanga yoonaa hojiisaanii itti fufaniiru.

Kutaa magaalaa Libaanoos barbadooftee daaraa taate kana keessatti gamoowwan caccaban hedduudha.

Balaan kun mudatee ji’a tokko booda ammallee caccabaa gamoowwanii jala namni lubbuun jiraachuu hin hafu odeeffannoon jedhu waan isaan ga’eef lubbuu baraartonni hojiisaanii cimsaniiru.

Dhahannaan onnee namaa gamoo walirratti kukkufe jalaa ni dhagahama jechuun gabaasi hin mirkanoofne wayita ba’u, gareen addaa gara fulaa balaan kun itti mudateetti ergamuun akka haaraatti barbaacha eegalan.

Gareen hojii lubbuu baraaruu irratti jajjaboo ta’an Chiilii irraa Kamisa kaleessaa odeessa kana dhagahanii garas imalanis, hanga yoonaa nama jedhame kana hin arganne.

Namni dhahannaan onneesaa dhagame jedhame kunis hanga yoonaa jiraachuufi dhiisuunsaa hin baramne.

Gareen kun meeshaa ammayyaa waan kana ittiin adda baasu qabatee hojiitti seenee jira, garuu akka namoota naannoo ofitti amanummaadhaan gara gamoo caccabee sanatti seenanii hojjechuu hin dandeenye.

Gamoo kukkufe keessatti liqimfamnee hafuu dandeenya soda jedhuun.

Erga balaan dhohiinsaa sun mudatee hojiin lubbuu baraaruu garee addaan raawwatu guyyaama tokkotti dhaabbate, garuu namoonni dhuunfaa fedhiisaaniitiin barbaacha itti fufan.

Hagayya darbe gaafa bultii 04,2020, keemikaalli amooniyem naaytreet jedhamu tooniin 2,750 ta’u Beeruut keessatti wayita dhohee magaalatti raasetti namoonni 200 caalan du’aniiru, namoonni 300,000 ta’an ammoo qe’ee malee hafan.

Magaalattii keessatti ammallee meeshaaleen lubbuu namaa gaaga’anii fi balaa hamaa uumuu danda’an of eeggannoo tokko malee man-kuusaawwan hedduu keessatti kuufamanii argamu.

Keemikaalli amooniyem naaytreet toonii 4.3 ta’u ammas naannawa balaan yeroo darbe itti mudatetti haala of eeggannoo hin qabneen kuufamee jiraachuu qondaaltonni humna waraanaa biyyattii himaniiru.

Ogeeyyiin qoratanis waan irra ga’an bu’aasaa hin beeksifne kan jedhan qondaaltonni kunneen ammallee sodaa akka qaban himu.

Erga balaan dhohiinsaa Beeruut keessatti mudateen booda qondaaltonni Lebaanos hedduun aangoo gadi dhiisanis, mormiin uummataa biraa hin hafne.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Balaa dhoohinsa Beeyiruut: Balaa kanaan 'harmee koo duwwaa miti, hiriyaa koos dhabeera'