Dhohinsa Beerut: 'Kana booda mul'ata omaa hin qabnu'-jiraattota magaalattii

Beerut magaalaan utuman keessa jiruu baayyee yaadu taateetti. Sammuu keenya keessatti bakka yaadannoo hamaafi gaarii itti dabarsine ta'uun yaadatamti jedha gaazexeessaan BBC Quentin Sommerville odeessa kana katabe Beerutirraa.
Ani bakka kana waggaa shaniif jiraadheera waan ta'eef mudannoowwan darbaniifi kan yeroo ammaa adda baasuun rakkisaadha.
Taateen yeroo ijoollummaakoo dagachuu hin dandeenyeefi fakiin isaa sammuu keessatti hafe keessaa tokko seenaa wal waraansaa turedha. Wal waraans (civil war) sun 1975 hanga 1990tti kan turedha.
Fakiin sun Areej Esteefeniifi kaadhimaan ishee yeroo sarara garee wal waraanan lamaan gidduutti akka walitti hin darbineef sararamee qaxxaamuran agarsiisa. Sararri garee wal waraanan adda baasu sun bakka namni kamiyyu irra hin jirre ture.
Fakkiin hogeessa suuraa Joorj Semerjiyaan jedhamuun kaafame akka agarsiisutti Areej uffata mishirroo adii jirbii fakkaatu gaa'elaaf kireeffatte uffattee turte. Kaadhimaan ishee Abeed Jaahumaan ammoo uffata misirrichaa adii sirriitti wal simannaa qabu uffatee ture.
Wanti naannoo isaanii ture garuu kan diigameefi manca'edha. Fakiin ka'e sun wantota baayyee faallaa ta'an suura tokko irratti kan agarsiisu ture; miidhagina mishirootaafi naannoo manca'edha.
Waggoota 37 boodas akkasumas misirroon biraa Dr Israa Seblaaniin bakkuma Areej suura itti kaate sanarra osoo hin fagaatiin dhaabbate turte uffata cidhaa ishee uffachuun.
Mishirroon kun hijaaba miidhagaafi veelloo (uufata misirroo) adii baayyee dheeraa uffattee fuula gammachuun suuraa ka'aa turte.
Kun yeroo ta'aa jirutti garuu waan hin eegamnetu ta'e. Battaluma suura ka'aafi viidiyoo waraabamaa jirtutti dhohinsi hamaan magaalaa Beerut raaseefi magaalattii akka hin jirre godhe mudate. Balaa dhohinsaa mudate kanaanis lubbuu namoota hedduutu darbe.
Magaalattiin barbadaa'uu irraan kan ka'e lammileen Beerut 300,000 ol ta'an bakka jireenyaa dhabaniiru.
Namni daqiiqaa sanatti suraa kaasaa ture Mahmuud Naakid akka jedhetti, bakkeen isaan turan sunis buufata Beerutti dhoohinsi sukanneessaan itti qaqabeerraa fageenyuma kilomeetira muraasaa qofa faagaatanii turan.
Dr Seblaanis battaluma sanatti danbalii dhukkee dhohinsaa waliin daaraa uffachuun lubbuusaanii baraaruuf fiigiicha eegalan.
Warri Libaanos seenaasaanii isa darbe jalaa bahuuf baayyee yaalanii ture.
Bara darbee baatii Onkolaaleessaa keessa dhaadannoo dhageessisuun daandiitti bahuun 'Warraaqsa'' ykn ''Thawra'' gaggeessuun mootummaa kuffiisaniiru.
Kanneen erga wal waraansaatti aangoo qabatanis malaamaltummaafi bulchinsa waliin dha'aa waan jiraniif, jijjiramaaf gaafatan. Gahaa ta'uu baatulleen jijjiramni hanga ta'e dhufeera.
Baatiiwwaniif, mootummaan boo'iicha jijjiramaaf taasifamu irraa of ittisuuf naannoo paarlaamaafi waajiraalee mootummaatti dallaa cimaa ijaaraa ture.
Isaan dallaan of ittisuuf ijaaraa turanilleen keemikaalli balaafamaan tooniiwwan kumaatamaa garuu mana kuusaa keessatti dagatamee ture.
Ani kan Beerutiin gahee erga dhohiinsa guyaa Kibxataatiin booda ture. Maagaalattiin balaa guyyaa Kibxataatiin gutummaatti geedaramte jirti. Manneeniifi fulli hirriyyoota kiyyaa hedduu baduun kaan godaanisaa'eera balaa qaqabeen.
Guyyaa Roobii Gemaazye, bakka baayyee buufaticha balaan itti qaqabee sana irraa hinfagaanneetti, konkolaatawwwaniifi dhiigni isaan keessatti mullatu baayyee ulfaataadha.
Achittis dubartiin suuqiinshee balaadhuma akka jalaa barbadaa'uu himtu tokko aarii aanga'oota siyyaasa biyyattii irratti qabdu dubbatti.
''Gara fuladuraatiif waan karoorfannuu omaa hin qabnu. Kan argannee nyaannee, ijoollee keenyaa laachuu, barsiisuufi uffata itti uwwiisuu qofaadha. Kanuma jireenyi keenya. Kana boodas mul'ata jireenyaa omaa hin qabnu,'' jette.

Madda suuraa, Reuters

Madda suuraa, Reuters
Lammiilee Libaanab dandamannaa wal waraansa fi weerara qaamoolee biyyaa alaatiin kan waggota 15n baayyee boonu turanii?
Garuu osuma dhohinsii kun hinqaqabiin durayyoo jireeenyi lammiilee baayyee rakkisaa ture.
Dhugaa dubbachuuf, boombii nam-tolchee hagna sanaa jidduu magaalattii kaa'anii tursiisuun alatti mallattoon badiinsa Libaanos olaanaa kan ibsu kan biraa jiraataa laata? jedha gaazeexessaan BBC News Beerut Quentin Sommerville.
Ammas suuraa misurroota lamaanii ilaalee, dhohinsaan abdiifi gammachuu adda faca'e, mullata adii bareedaa akka veelloo adii misirroonni uffatanii sanaa akka hin malle ta'e biyyattii keessatti umameen hubadhe jedha gaazexeessaan kun.
Libaanos yoo isa darbee keessaa bahuun jireenya ammaa eegaltii laataa? Yoom laata haalli biyyattii kan fooyya'uu? jechuun gaafata.













