Dhohinsa Beerut: Jiraattonni balaa hamaa mudate kanaaf mootummatu itti gaafatama jedhan

Damaged vehicles and buildings are seen near the site of the blast in Beirut's port area, Lebanon August 5, 2020

Madda suuraa, Reuters

Beerutiitti jiraattoonni mudannoo tibbana biyya raaseef hanqina of eeggannoo dhabuutiin uumame jechuun balaa qaqabeef mootummaa komatan.

Pirezidaantiin biyyattii Mikaa'eel Awuun akka himaniitti, sababii dhohinsa mudatee keemikaala Amoniyeem Naayitireeti jedhamu toonii 2,750 mana-kuusaaa keessa of eeggannoo malee olkaa'ameen jedhanii ture.

Jiraattonni hedduunis aanga'oota malaamaltummaa, of eeggannoo gochuu dhabuufi bulchinsa irratti rakkina qabaachuu himatu.

Dhohinsa qaqabeenis yoo xinnaate namoonni 137 ta'an ajjeefamuun kanneen 5,000 ta'ana ammoo miidhamaaf saaxilamaniiru. Kan eessa buteensaanii hin beekamnes akkasuma hedduudha.

Haala uumame kanaan walqabatee biyyattiin labsii yeroo mudaamaa torban lamaaf turu labsites eegaleera.

"Beerut boo'aa jirti. Beeruti iyyaa jirti, ummanni naasuufi dadhabii keessa jira,'' jedhan oggeessi filmii beekamaa Jud Chehaab yeroo BBCtti taatee biyyattii dhalate dubbatu.

Qaamolee taatee kanaaf itti gaafatamoo ta'anis seeratti dhiyaachuu qabu jedheera.

Jiraattuu Beerutiifi ammaan tana hospitaalatti kan argamtu Chaadiyaa Elmewchii Noon, ''Yeroo hunda namootaafi mootummaa gahumsa hin qabneen hogganamaa akka jirru nan beeka ture. Garuu waan tokkon sitti hima, wanti isaan amma raawwatan gutummaatti yakka.''

Guyyaa Roobii, mootummaan biyyattii qoondaaltoonni buufata doonii Beeruti hedduun mana keessa jiran keessatti to'annoo jala oolfamuusaanii himuun, sababiin dhohinsiichaa qoratamuu eegaluu dubbatanii turan.

Manni Maree Ittisa Raayyaa Olaanaa biyyattiis kanneen badiinsaaf itti gaafatamoo ta'an akka 'addabbii cimaan' irratti murtaa'uuf gaafateera.

Haaluma walfakkaatunis dhaabbileen idil-addunyaa akka Amanastii Intarnaashinaal fi Humaan Raayitis Waach dhohinsichi qaama walabaatiin akka qoratamuuf gaafataniiru.

Dhaabbanni Humaan Raayitis Waach ibsa baase keessatti, ''Taatee Libaanositti uumame kanasSirni haqaa walabaa qorannoo fudhatamaafi iftooma qabu gaggeessuu isaa irratti yaaddoo cimaan qaba,'' jedheera.