Dhohinsa Beerut: Hoggontoonni idil-addunyaa gargaarsa gochuurratti kora taa'uuf

Lammileen Beerut, Libaanos balaa dhohinsaan booda daandiitti bahanii

Madda suuraa, EPA

Hoggantoonni idil-addunyaa dhohinsa guyyaa Kibxataa magaalaa Beerutitti mudateen booda miidhaa dhaqabeef gargaarsa taasisuuf kora taa'uuf jiru.

Konfiraansiin gama viidiyootiin guyyaa Dilbataa taasifamu kun UN fi Firaansiin kan waamamedha.

Pireezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp kora kana irratti akka hirmaatu ibseera.

Dhohinsi mudate kun qabeenyii doolaara biiliyoona 15 baasu akka baduuf sababa ta’eera.

Dhohinsa kanaan namoonni 158 du’aniiru, 5,000 madaa’aniiru akkasumas 300,000 manasaanii dhabaniiru.

Guyyaa kaleessaa namoonni kumaatamatti laakka’aman daanditti bahuun hiriira taasisaniiru.

Ministirri Muummee Libaanos Hasan Diyaab rakkina kana jalaa bahuuf filannoo yeroo jedhameen dursee akka taasifamu ni gaafadha jedhaniiru.

Dhimmichi guyyaa Wiixataa qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kan mari’atamu ta’as jedhan.

Libaanos osoo dhohinsi Beerut hin muddatiin durayyuu sabab weerara koronaavaayirasitiif diinagdeenshee haalaan miidhameera.

Hiriirri mormii Sadaasa darberraa jalqabee mootummaarratti taasifamaa ture.

Dilbata maaltu ta’aa jira?

Pireezidaantiin Firaans Imaanuu’eel Maakroon guyyaa Kibxataa Beerut kan daawwatan yoo ta’u, miidhaa dhaqabeef gargarsa idil-addunyaa akka qopheessan dubbatanii turan.

Gargaarsi taasifamus michoota idil-addunyaa Libaanos walitti fiduufi gargarsa yeroo tasaa hawaasa idil-addunyaarraa biyyattiif taasisuudha jedhameera.

Bakka buutonni Gamtaa Awuroppaa, Chaayinaa, Raashiyaa, Masirii, Jordaaniifi UK konfiraansicharratti ni hirmaatu. Biyyoonni biroo heddus affeeramaniiru.

Biyyoonni muraasni gargaarsa maallaqaa dolaara miiliyoonotaatti laakka’amu, doonii, hojjattoota fayyaa, akkassumas meeshaalee adda addaa gara Beerutitti erganiiru.

Dhaabbilee UN fuulduratti rakkinni guddaan jiraachuu mala jechuun gargaarsaaf waamicha dhiheessaniiru.

Manneen jireenyaa namoota hedduu bishaan yookiin ibsaa hin qaban. Akkasumas hanqinni nyaataa mudachuu danda’a sodaa jedhutu jira.

Gama biraan ammoo biyyattii keessattis lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii dabalaa jira.

Hiriira guyyaa Sanbataa taasifamerratti namoonni 5,000 hanga 10,000 ta'an irratti argamaniiru.

Hiriiricha irrattis poolisiin tokko hiriirtotaan miidhaan irra gahee lubbuunsaa darbeera.

Waldaan Fannoo Diimaa hiriira irratti namoonni 117 madaa’uu fi 55 biroo ammoo hospitaalitti geeffammuusaanii ibseera.