Balaa dhoohinsaa Beeyiruut: Amooniyem naayitreetiin dhohiinsa Beeyiruut uume akkamiin achitti kuufame?

Dooniin 'MV Rhosus' jedhamtu amooniyem naayitireetii toonii 2,750 baattee buufata doonii Beeyituut kan geesse bara 2013 ture

Madda suuraa, EPA/TONY VRAILAS/MARINETRAFFIC.COM

Ibsa waa'ee suuraa, Dooniin 'MV Rhosus' jedhamtu amooniyem naayitireetii toonii 2,750 baattee buufata doonii Beeyituut kan geesse bara 2013 ture

Mootummaan Libaanon dhohiinsa magaalaa Beeyiruut goole booda, amooniyem naayitreetii toonii 2,750 waggoota ja’aaf bakkatti kuufamee turerratti komii dhiyeesseera.

Keemikaalli dhohee balaa hamaa qaqqabsiisuu danda’u dilli kun handhuura magaalaa keessatti waggoota ja’aa oliif of-eeggannoo malee kuufamee turuunsaa lammiilee biyyattii akkaan mufachiiseera.

Mootummaan maddi keemikaala kanaa eessarraa akka ta’e hin eerre, garuu keemikaalli hanga walfakkaatu qabu bara 2013 doonii alaabaa Moldoovaa ofirraa qabu kan maqaan 'MV Rhosus' jedhamuun fe’amee magaalaa Beeruut seenee ture.

Dooniin qabeenya Raashiyaa taate kun Fulbaana bara Sanaa Joorjiyaa, Batuumii irraa kaatee gara Moozaambik, Biera imalaa turte.

Wayita sana doonii sun amooniyem naayitreetii toonii 2,750, kan xaa’oo qonnaaf gargaaru akkasumas kan boba’aan itti dabalamuun wayita albuuda baasanii fi ijaarsa adda addaa raawwatan dhohiinsa uumuuf oolu, feetee turte.

Dooniin Rhosus jedhamtu kun osoo baha Mediteraaaniyaanii keessa yabaltuu ‘’rakkoon teeknikaa’’ mudannaan buufata doonii Beeruut buufattee achuma turte.

Wayita sana dooniin kun qondaaltota buufata galaanaan erga sakatta’amtee booda ‘’akka hin yaballe dhorkamtee’’ turte.

Ergasii kaapteenii lammii Raashiyaa Boris Prokoshev akkasumas lammiilee Yuukreen afur biroo irraa kan hafe gareen doonii sanarra turan hedduunsaanii Beeruut keessaa baafaman.

Boris Prokoshev akka New York Times’tti himanitti, doonii kun kaargoo dabalataa fe’achuuf abbaa qabeenyaa isheetiin gara Beeruut ergamte.

Kaapiteenni doonichaa Boris Prokoshev (karaa mirgaa), waahila isaa amooniyem naayitireetii bira dhaabbatanii mul'atu, kun bara 2014.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kaapiteenni doonichaa Boris Prokoshev (karaa mirgaa), waahila isaa amooniyem naayitireetii bira dhaabbatanii mul'atu, kun bara 2014.

Abbaan qabeenyaa doonii kanaa kaffaltii buufata dooniif kaffaluu dadhabnaan qondaaltonni Beeruut doonittii irraa fudhatan jedhu namni kun.

Boodarra abbaan qabeenyaa doonittii gatee biraa deeme, warri maallaqi isaaniif hin kaffalamnes bakka maallaqasaanii doonittii qabatan, jedhan.

Rakkoo hojjettoota doonittiirra turan mudateen daran kan yaadda’an ogeeyyiin seeraa dhimma kana harkaa qaban, waan furmaata jedhu akka dhiyessuuf dhimmasaanii mana murtiin ga’an.

Isa booda abbaan seeraan hojjettoonni doonii kanarra turan akka keessaa ba’an ajaje, bara 2014 aanga’oonni buufata galaanaa Beeruut amooniyem naayitreet dooniin kun feetee turte man kuusaa ‘Warehouse 12’’ jedhamutti guuran.

Mankuusaan kun mankuusaa guddicha midhaan biyyattii keessatti kuufamee jiru cinaatti argama.

Ogeeyyiin seeraa kaargoon kun caalbaasii eegaa ture, yookiin ammoo dhabamsiifamuuf eegamaa ture jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Manca'iinsa iddoo dhohiinsichaatti mudate, viidiyoo qilleensarraa

Hoogganaan Poortii Hasan Koraytem fi Daarektarri Gumuruuka Lebaanan Badri Daher kaleessa yaada kennaniin, balaa keemikaalli kun uumuu malu akeekkachiisuun akka kaafamu ajaja akka dabarsan qaamolee seeraa gaafachaa akka turan ibsan.

Taatee dheengaddaa booda ragaan karaa interneetii qoodamaa ture akka mul’isutti qondaaltonni Gumuruukaa bara 2014-2017tti xalayaa keemikaalli kun akka kaafamu gaafatu, yoo xiqqaate yeroo ja’a abbaa seeraa biyyattiif akka barreessaniiru.

Qondaalli buufata galaanaa Beeruut Korayten qaamoleen nageenyaa fi tika biyyaalessaas xalayaa akeekkachiisaa barreessanii turan jechuun miidiyaa biyyattii OTV jedhamurratti dubbatanii turan.

Ministirri Dhimma Hawaasaa Michel Najjar, kan jalqaba bara kanaa aangoo qabatan, keemikaalli kun kuufamee jiraachuu Adoolessa darbe gara dhumaa akka dhagahan Aljazeeraatti himan.

Dhimma kanarratti Wiixata darbe qondaala buufata galaanaa Hasan Koraytem waliin dubbachuus himan.

Guyyaa itti aanu keemikaalli kuufamee ture kun dhohuun lubbuu namoota 137 galaafate, 5000 madeese, qabeenya hedduus barbadeesse.

Pirezidaantiin Lebaanan Michel Aoun dhimma kaargoo Rhosus jedhamutti fala gochuu ilaalchisee dagannaan tureera kan jedhu fudhatama hin qabu jedhan.

Kanneen maal na dhibdeedhaan dhimma kana bira darbanii akka balaan kun uumamuuf sababa ta’an adabbii hamaatu isaan eeggata jedhan.

Mootummaan namoota keemikaala kana kuusuu keessatti hirmaataniiru jedhe manumaasaaniitti uggureera.