Tiraamp dhukkubsatee yoo pirezdaantummaa itti fufuu dadhabe maaltu uumama?

Doonald Tiraamp fi Maayik Peensi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Doonald Tiraamp fi Maayik Peensi

Filannoo Ameerikaa gaggeefamuuf torban muraasni wayita hafutti, gameessi pirezidaantummaaf dorgomaa jiran Doonald Tiraamp koronaavaayirasiin qabamaniiru. Kunimmoo maaltu uumamuu danda’a kan jedhu irratti gaaffii hedduu kaaseera.

Duula pirezdaantummaa keessaa qophii isa kamirraa hafuu danda’u?

Onkoloolessa 1 iirratti vaayirasichi irratti argamuu isaa booda Tiraamp guyyaa 10f qofaatti adda of baasuu qabu, kanaaf falmii pireezdaantummaa Onkololeessa 15 irratti gaggeefamuuf jiru irratti hirmaachuu danda’u jechuudha.

Qophiin duula filannoo Jimaata Filooridaatti gaggeefamuuf ture haqameera. Konfiraansiin viidiyoo interneetaan anga’oonni gaggeessuuf turanis haqameera.

Tiraampi yeroo kana keessatti duula filannoo qopheesse adda addaa qabu ture, isaanis ni haqamu ykn guyyaa biraatti dabarfamu.

Haala akkamiin filannoon dabarfamuu danda’a?

Yeroon adda of baasuu Tiraampi, dandeettii duula gaggeessuu isaa irratti dhibbaa ni qabaata.

Kanaaf filannoon dabarfamuu danda’aa kan jedhuufi yoo dabarfame ammoo akkamiin kan jedhu irratti gaaffiin ka’eera.

Filannoon pireezdaantummaa US seeraan waggaa afur afuriin Kibxata jalqabaa Sadaasa irratti gaggeeffama- kanaaf bara kana Sadaasa 3 irra oola.

Guyyaa isaa geeddaruu kan danda’an seera baastota US malee pirezdaantii miti.

Manni maree irratti filatee booda sagalee harka caalaa yoo argate qofadha guyyaan geeddaramuu kan danda’u.

Kun ammoo waan fakkaatu miti , sababiin isaa mannii maree harki caalaan Demokraatotaan kan to’atame waan ta’eefi.

Utuumaa geeddarameellee, yoos heerri US bulchiinsi pireezdaantii wagga afur qofa akka ta’u eera.

Pirezidaanti Tiraampi falmii pirezidaantummaa isa jalqabaarratti

Madda suuraa, Getty Images

Kanaaf, bulchiinsi Tiraamp Amajjii 20, 2021 dirqama nidhuma jechuudha.

Guyyaa kana geeddaruun heeraa jijjiruu gaafata.

Kun ammoo seera baastota US harka caalaan raggaasifamee, sana booda ammoo bulchiinsota US harka caaluunis mirkaana’uu qaba -kun ammoo waan ta’u miti.

Yoo Pirezdaanti Tiraampi sababa dhibee kanaan bulchuu dadhaban maaltu ta’a?

Ammaaf Pirezdaanti Tiraampi mallattoo koronaavayirasii muraasa waan qabaniif hospitaala seenaniiru, garuu yoo dhukkubbiin itti cimee bulchuu dadhaban, heerri US wantoota ta’uu danda’an akkanaan kaa’a:

Qajeelfamni 25ffaa pireezdaantichi aangoo isaa itti anaa pireezdaantiitti dabarsuuf ni eeyyama.

Kana jechuun Maayik Peensi yeroof pirezdaantii taua jechudha, Tiraamp yemmuu dandamatan deebi’anii aangoo pirezdaantummaa fudhachuu danda’u.

Yoo anngoo dabarsuufiyyuu hedduu dhukkubsatan ammoo, kaabineefi itti aanaan pirezdaantii itti fufuu akka hin dandeenye beeksisuun, Maayik Peensi aangoo fudhatu.

Yoo Maayik Peensis bulchuu hin dandeenye, seeraa aangoo dabarsuu Pireezdaanti jalatti af yaa’iin Mana Maree Ummataa -Demokraatota keessaa kan ta'an -Nansii Pelosii aangoo fudhachuu danda'u.

Doonaaldi Tiraampi

Madda suuraa, Getty Images

Ta’us ogeessonni heeraa aangoo dabarsuun akkanaa burjaajii fi wal-dhibdee seeraa kaasuu danda’a jedhu.

Yoo Afa-yaa'ittiin aangoo fudhachuu hin dandeenye ykn didan ammoo, senaatara olaanaa Rippaalikaa, kan amma Charlees E Girsilii ganna 87 ta’e isaatti dabarfama.

Kunis rakkoo seeraa kaasuu mala.

Kanaan dura pirezdaantiin sababa dhibeen bulchuu dadhabee aangoo dabarse jiraa?

Bara 1985tti, yeroo Pireezdaanti Ronaald Riigan wal’aansa baqaqsanii hodhuu kansariif hospitaala seenetti, itti aanaa isaa, joorji HW Buush yeroof bakka buusee ture.

Bara 2002 fi 2007tti Pireezdant Joorji W Buush yeroo wal’aansaa irra turutti akkuuma kana itti gaafatamummaa itti aanaa isaaf dabarse ture.

Tiraamp yoo filannoo irratti hirmaachuu dadhabe, maqaa eenyuutu filannoof dhiyaata?

Maayik Peensi maaskii uffatanii

Madda suuraa, Getty Images

Yoo sababa wayiin, kadhimamaan paartii tokkoon akka kadhimaamaa pireezdaantumaa ta’uuf filatame hojii isaana hojechuu dadhabe, adeemsonni taasifaman jiru.

Maayik Peensi itti gaafatmummaa pireezdaantummaa fudhachuu danda’us, takkaa seeraan Tiraampiin waan filataniif kadhimamaa paartii Rippaablikaa ta’uu dhiisuu danda’a.

Qajeelfama paartichaa keessatti, miseensonni paartii Rippaablikaa 168 kidhamamaa pirezdaantii haaraa filatu, Maayik Peensiis filatamuu danda’a.

Yoo Maayik Peensi filatame, itti aanaan haaraa isaaf ni filatama.

Kanaan dura paartiin Dimokraatotaas ta’e Rippaablikaa kadhimaamaa takkaa filannoof filatan deebisanii geeddaranii hin beekani.

Sagaleewwan dursanii kennaman akkam ta’u?

Kun rakkoo uumamuu danda’udha jedhu ogeessotii, sababiin isaa kadhimamtoota paartiin beeksise irratti hundaa’uun sagaleewwan filannoo miiliyoonaan lakka’aman karaa poostaan dursanii ergamaniiru.

Bulchiinsota tokko tokko keessatti ammoo fuulaa fuulatti sagalee kennuun dursee eegalameera.

Filannoon maqaama kadhimamtoota hojiicha dhiisaniin itti fufuu mala jedha, Yunivarsitii Kaaliforniyaa, Irvinitti, piroofessarri seeraa Riik Haseen.

Yoo hin dandeenye maqaan kadhimaamaa maaf hin geddaramu?

“ Waanti fe’e yoo uumame Pireezdaantri Tiraampi waraqaa sagalee kennuu irratti ni hafa,” jedha piroofasarri seeraafi ogeessi filannoo Richaardi Pildes.

Paartiin Rippaablikaa maqaa kadhimamaa geddaruuf ajaja mana murtii gaafachuu danda’u, garuu dhugaan yoo ilaalame sanaaf yeroon jiru ga’aa miti jedha.