Koronaavaayirasii: Pirezidaanti Tiraampi hospitaala galan

Tiraamp gara hospitaala wayita deemaa turan

Madda suuraa, Reuters

Pirezidaantiin Ameerikaa Donaald Tiraampi erga koronaavaayirasiin qabamuunsaanii himameen booda hospitaala galaniiru.

Pirezidaantichi qubaa qaamaa qabu. Vaayirasichi xiqqoo waan dadhabsiiseef malee miirrisaanii baayyee cimaadha jedhameera.

Pirezidaantichi hospitaala galuun qoricha yaaliirratti argamu akka fudhataa jiran dhagahameera.

Haatii warraasaanii Melaaniyaa Tiraampi isaanuma waliin vaayirasich irratti argamuun himamee ture, ammas hospitaala waliin akka jirtu ibsameera.

Jimaataan booda haalli pirezidaantichi maal fakkaata?

Pirezidaantichi wayita helikoptaraan Waayita Haawusii gara hospitaalaatti geeffamaniitti maaskii kana dura kaawwachuuf of qabaa turan uffatanii mullataniiru.

Tiraampis hospitaala Waashingitan DC irraa bahee argamuufi Hospitaala Wiirtuu Biyyaalessaa Waraanaa kan ta'e Waaltar Riid akka ta'ees barameera.

Gara helekoparicha wayita ga'anittis harkaan nagaa dhaamaniiru.

Akkasumas nagaan qaba jechuun mallattoon mul'isaniiru.

Ergaa karaa waraabbii viidiyootiin fuula tiwiitara isaanii irratti dabarsaniin ammoo, ''Nagaan jira jedheen yaada.

Kana boodas haallisaa nagumaan deema jedheen yaada.

Haati warraa kiyyas nagaadha. Waan hundumaaf isin galateeffanna'' jedhaniiru.

Ijoollee Tiraampi Ivaanaa fi Eriikaa gama isaanitiin karaa tiwiitaraatiin ''Abbaa keenya cimaa, yoomuu harka kan hinkennannee, qabsaa'aa'' jechuun erga leellisaniin booda ''si jaalanna'' jechuun kabajaafi jaalala qabaniif ibsatan.

Hospitaalli amma Tiraamp galan kunis bakka yeroo baayyee pirezidaantoonni Ameerikaa qorannoo wallaansa fayyaa itti taasisaniidha.

Tiraampi erga gargaartuun isaanii kan waliin xiyyaaraan falmii filannootiif gara Ohaayootti balali'an koroonaavaayirasiin qabamuu ishee barameen booda ture, qoratamuun vaayirasichaan qabamunsaanii kan mirkanaa'e.

Dubbi himaan Waayita Hawuus Keeyiilii Maakaananiin akka jedhaniitti, ''Tiraampi baayyee haala gaariirratti argamu. Mallattoo qufaa muraasa agarsiisuun alatti hojiirratti argamu'' jedheera.

Amma gara hospitaalaa kan geeffamannis ''Of eeggannoo cimaa taasisuuf jechaafi hakiimoonni kun akka ta'uuf waan gaafataniif dha malee fayyaa saanitii'' jedhaniiru.

Haa ta'u malee warri kaan ammo Tiraampi fayyaa akka hintaane tilmaamuun ni danda'ama jechaa jiru.

Keessattu umuriisaaniif ulfaatina qaama isaanitiin walqabatee Tiraampi itti cimu akka danda'amu kan tilmaaman jiru.

Tiraamp garuu ammalee hojiirra jiru. Hojii gara Itti aanaa isaaniitti kan ta'an Maayik Peensiitti hindabarsine. Itti aanaan isaanii qorannoo kan gaggeessan yoo ta'u yeroof nagaadha jedhamaniiru.

Tiraampi viidiyoo Tiwitara irratti gadhiisaniin xiqqoo huqqachuun irraa mullateera.

Warri Dimokiraatootaa maal jedhani?

Akkuma yaadatamu falmii dhiyeenya kana dorgomaasaanii Joo Baayidan waliin taasisaniin, Joo yeroo hunda maaskii kaawwachu isaatti dubbiin tuqanii turan.

Joo Baayidanis battalumaatti qorannoo gaggeessuun haadha waarraasaanii waliinu bilisa ta'u beeksisaniiru.

Joo Baayidan Tiraampiifi haadha warraa isanitiif akka dafanii fayyan hawwuun 'isiniif waaqa kadhanna'' jedhaniiru.

Tiraamp koronaavaayirasii akka qufaatti ilaaluun xiyyeeffannaa gahaa hinkenniineef jechuu mormitootaan baayyee qeeqamu ture.

Naannoo qondaaltota olaanoo maaltu jira?

Erga Tiraampi vaayirasichaan qabamun barameen boodas qondaaltoonni Ameerikaa olaanoofi gargaartonni saanii akkasumas, seenaataroonni qorannoo taasisaa jiru

Hanga ammaattisi Itti aanaan pirezidaantiifi Ministirri Haajaa Alaa vaayirasichaa akka hinaqabamiin mirkanaa'eera.

Gorsaan pirezidaantii duranii Keeleyaan Konweeyi, seenaataroota riippablikaanootaa lamaa Maayik Lii fi Toom Tiilis vaayirasichaan qabamunsaanii barameera. Akkasumas Hojii gaggeessaan dhimmoota duula Filannoo Tiraampis vaayirasichaan qabameera.

Koroonaavaayiras
Sarara diimaa