Naajeeriyaatti hojjetoota hoteelaa hannaan shakkaman qullaa dhaabuun dheekkamsa kaase

Madda suuraa, Getty Images
Kutaa biyyaa Waarii jedhamtu Kibba Naajeeriyaatti argamtu keessatti hojjechiisaan hoteela tokko hojjetoota hattaniitu jechuun qullaa dhaabuun isaa dheekkamsa kaasiseera.
Kutaa biyyattii keessatti gareen mirgoota namoomaaf falman akka kanaatti hojjetoota hoteelaa sana qullaa dhaabuun salphisuu isaatiif beenyaa kaffaluuf qaba jechuun falmaafii jira jedhameera.
Hojjetoonni kunneen maallaqa hataniiru jechuun shakkinee kana goone yaa jedhaniyyu malee, miidiyaaleen biyyattii garuu kan harka isaaniitti argame kennaa maallaqaa xiqqoo (TIIPPII) keessummoota irraa isaaniif kennametu harka isaaniitti argame jechuun gabaasaniiru.
Hannaan hojjetoonni shakkaman jedhame afur yoo ta'an, isaan keessaa sadii dubartootadha.
Dubartoota sadan dabalatee kanneen hannaa shakkaman kunneen uffata jalaa (PAANTII) qofa ofirratti hambisanii akka uffata ofirraa baasan taasifame.
Poolisiinis bakka sana akka ture ibsameera.
Hojjetoonni hoteelaa akka qullaa buusan ajajaman kunneen suurriifi viidiyoon isaanii bal'inaan miidiyaa hawaasummaa irratti kan qoodame yoo ta'u, namoonni hedduun gocha sanatti baay'ee dheekkamaniiru.
Suuraafi viidiyoo namoonni arganis taatee nama salphisuu kana haalaan qeeqaa jiru.
Abbaan qabeenyaa hoteelichaa ammoo ministeera duraanii biyyattii ture jedhameera.
Abokaatonni xalayaa abbaa qabeenyaa hoteelichaaf erganiin kabaja hojjetootaa salphisuudhaan mirgoota bu'uuraa isaanii cabsuudhaan mana murtiitti akka dhiyeessan beeksisaniiru.
Beenyaa hojjetoota salphifaman kanaaf kennuu, akkasumas ifatti akka dhiifama gaachuu qabus abokaatonni kunneen hubachiisaniiru.
Hojjetooni miidhaan irra gahe kunneen gama isaaniitiin suuraafi viidiyoon isaanii miidiyaalee hawaasummaa irratti gadhiifamuun isaa ta'e jedhamee shira isaan salphisuuf raawwatamedha jedhan.














